Herregduu Adda Baasuu fi Kophaa Turuu

This page is being reviewed for updates. The Washington State Department of Health has updated its guidance for what to do if you are sick with COVID-19 or were exposed to COVID-19. This page may have content that is inconsistent with the new guidance.

COVID-19 dhaaf Adda Of Baasuu fi Kophaa Turuu Kutaa Fayyaa Naannoo Waashingitaan (Ingiliffa qofaan)

Maaloo akkamiin adda of baasuu fi kophaa turuu kee akka herregduuf. kan armaan gadii ilaali. Yeroo adda of baasuutti maal akka gochuu qabdaan odeeffannoo dabalataatiif, maaloo yoo COVID-19 dhaan qabamtan maal gochuu akka qabdan (PDF)(Ingiliffa qofaan) ilaalaa. Yoo nama COVID-19 dhaan qabame wajjiin tuttuqqii qabaattan maal gochuu akka qabdan odeeffannoo dabalataatif, maaloo Yoo isin nama COVID-19 qabu tokkotti saaxilamtanii jiraattan (PDF) jedhu ilaalaa.

Yoo rakkoo madinummaa qabaatte yookan COVID-19 dhaan baayyee dhukkubsatatteerta ta'e, herregduwwan kunniin haala keetiif hin ta'an ta'a. Odeeffannoo dabalataatiif, maaloo Yoo COVID-19 dhaan qabamtan maal gochuu akka qabdan (PDF) ilaalaa.

Bakka baayyee ulfaataa ta'e keessaa jirtu ykn hojjatuu yoo ta'e shallaggiin kun sirratti hojjachuu dhiisuu danda'a. Bakka baayyee ulfaataa kan jennu: iddoowwan eeggumsa fayyaa, bakkawwan sirreessaa, manneen amal sirreessaa, manneen mana dhabeeyyii, dhi'eessii, mana yeroofii, bakka daldalaa bishaan keessaa (fkn, daldala nyaata bishaanirra maddanii, doonii guddaa, doonii fee'iisaa), namoota bakka hojii namoonni itti heddummatanii fi walirraa fageenyi qaamaa itti eegamuu hin dandeenye keessa hojjatan; (fkn, bakkeewwan hojii kanneen akka mana kuusaa, fi warshaa nyaataa fi foon oomishanii) keessatti walirraa fageenya qaamaa eegun rakkisaa waan ta’eefi. Odeeffannoo dabalataa argachuudhaf galmeewwan adda of baasuu fi kophaa turuu Yoo isin COVID-19 dhan qabamtan maal akka gochuu qabdan (PDF) fi Yoo isin nama COVID-19 qabu tokkotti saaxilamtanii jiraattan (PDF) jedhu ilaalaa.

Qoratamee narratti argameera fi mallattoolee nan qaba yookan qaba ture: yeroo adda of baasuu kiyyaa herreegi

Guyyaa 5 Adda of Baasuu

Kophaa Turuun guyyaa 5 gahaadha, yoo:

  • Mallattooleen kee fooyya'iinsa yoo kan agarsiisan ta'e, FI
  • Erga hoo'ina qaamaa qabaattee yookan dawaa hoo'a qaamaa hir'isuu fudhattee sa'aatiiwwan 24 darbaniiru yoo ta'e, FI
  • Namoota biroo biratti haguuggii afaani fii funyaanii sirrii kaawwachuu dandeessa yoo ta'e.

Ulaagaan kunneen hojirra oolu yoo ta'e, kophaa turuun kee GUUTUUN kan ta'u:
Kophaa turuun kee kan DHUMU:

Guyyaa dabalataa 5f bakka namootni biraa argamanitti haguuggi afaanii fi funyaanii sirriiti uffachuu mirkaneefadhaa (hanga ) akkasuma bakka itti haguuggii uffachuu hin dandeenyerraa of qusadhaa. Akkasumas fi namoota haala ulfaata keessa jiraan waliin wal arguu irraas of qusadhaa hanga . Odeeffannoo geejjiba irrattiitif, Imaltuu | CDC (Ingiliffa qofaan) ilaalaa.

Yoo qorannaa antiijiini argachuu dandeessa ta'ee, carraa namoota biroo qabsiisuu hir'isuu dandeessa guyyaa 5 ffaa adda of baasuutti qorannoo taasifachuun. Yoo firiin qorannoon bilisa taatan, guyyaa itti adda of baasuu guyyaa 5 n booda dhaabuu dandeessa, garuu bakka namootni jiranitti guyyaa dabalataa 5 f haguuggi afaaniif funyaanni uffachu itti fufaa (hanga ). Yoo bu'aan qorannoo keessanii akka qabamtan kan agarsiisu ta'e, hanga. kophaa turuu itti fufuu qabdu.

Guyyaa 10 Kophaa Turuu

Yoo haalotni kanaa oli isin hin ilaalatan ta'e, guyyaa 10 f adda of baasuu qabdu.

Yoo guyyaa 10 f adda of baasaa jirta ta'ee, guyyaa GUUTUU itti adda of baastu:
Kophaa turuu kee kan DHUMU:

Yoo mallattoon keessan hin fooyofne ta'ee ykn hoo'inni qaama isiin dhiisu baate (ykn qorichaa ho'ina qaama isiin barbaachisee) tti, guyyaa adda of baasuu keessan hanga dhummutti eegaa hanga mallattoon keessan fooyya'utti fi osoo qorichaa ho'ina qaama hir'isu hin fudhatiin yoo dhukkubiin kun isin dhiise.

Ani qabameera garuu mallattoo tokkolee hin qabu: yeroo adda of baasuu koo herregi

Guyyaa 5 Adda of Baasuu

Kophaa Turuun guyyaa 5 gahaadha, yoo:

  • Namoota biroo biratti haguuggii afaani fii funyaanii sirrii kaawwachuu dandeessa yoo ta'e.

Yoo mallattoon sirratti argameera ta'ee fi Ati bakka namootni itti baay'atanitti haguuggi afaanii fi funyaanni sirriitti uffachudandeessa ta'ee, guyyaan GUUTUU itti ati adda of baastu:
Kophaa turuun kee kan DHUMU:

Guyyaa dabalataa 5f bakka namootni biraa argamanitti haguuggi afaanii fi funyaanii sirriiti uffachuu mirkaneefadhaa (hanga ) akkasuma bakka itti haguuggii uffachuu hin dandeenyerraa of qusadhaa. Akkasumas fi namoota haala ulfaata keessa jiraan waliin wal arguu irraas of qusadhaa hanga . Odeeffannoo geejjiba irrattiitif, Imaltuu | CDC (Ingiliffa qofaan) ilaalaa.

Yoo qorannaa antiijiini argachuu dandeessa ta'ee, carraa namoota biroo qabsiisuu hir'isuu dandeessa guyyaa 5 ffaa adda of baasuutti qorannoo taasifachuun. Yoo firiin qorannoon bilisa taatan, guyyaa itti adda of baasuu guyyaa 5 n booda dhaabuu dandeessa, garuu bakka namootni jiranitti guyyaa dabalataa 5 f haguuggi afaaniif funyaanni uffachu itti fufaa (hanga ). Yoo bu'aan qorannoo keessanii akka qabamtan kan agarsiisu ta'e, hanga. kophaa turuu itti fufuu qabdu.

Guyyaa 10 Kophaa Turuu

Yoo haalotni kanaa oli isin hin ilaalatan ta'e, guyyaa 10 f adda of baasuu qabdu.

Yoo guyyaa 10 f adda of baasaa jirta ta'ee, guyyaa GUUTUU itti adda of baastu:
Kophaa turuu kee kan DHUMU:

COVID-19 dhaaf saaxilameen jira (tuttuqqii dhiyeenyaa jechuudha): yeroo hangam akkan adda bahee turu natti himaa

Nama COVID-19’n qabame waliin tuttuqqii taasisteerta, garuu mallattoo homaatuu agarsiisaa hin jirtu..

QajeelfamaCenters for Disease Control and Prevention (CDC, Jiddugala Too'annoo fi Ittisa Dhibee) (Ingiliffa qofaan) ilaalii waa'ee waan haaraa talaallii COVID-19 ilaalchisee argachuuf. Yoo waa'ee COVID-19 waan haareffamee hin beektu ta'e, mana turuunii fi adda of baasuu itti fufuu qabda.

Guyyaa adda of baasuu 5:

Guyyaa 5 Adda of baasuun ga'aa dha, yoo:

  • Yoo waa'ee talaalliiwwan COVID-19 waan haareffame hin beektu ta'ee, FI
  • Namoota biroo biratti haguuggii afaani fii funyaanii sirrii kaawwachuu dandeessa yoo ta'e.

Guyyaa guutuu 5f yoo xiqqaate mana turuunii fi adda of baasu qabu (yooma yeroo kanatti bilisa taatan ilee). Guyyaan GUUTUU itti adda of baastaan:
Guyyaan qophaatti turuu kan DHUMU gaafa:

Namootni biraa yeroo argamanitti haguuggi afaanii fi funyaanii sirrii (Ingiliffa qofaan) uffadhaa, bakka namootni haguuggi afaaniif funyaanii sirriiti hin uffanee deemu irra of qusadhaa, akkasuma namoota dhukkubiin itti jabatte irraa guyyaa dabalataa 5f fagaadhaa (hanga ). Odeeffannoo imalaa argachuuf Imala | CDC (Ingiliffa qofaan) ilaalaa.

Yoo mallattoolee hin qabdan ta'eeyyuu, qorannoo taasisuu qabdu. Nama COVID_19 n qabameef erga saaxilamtee boodaa yoo xiqqaate guyyaa 5 n keessatti ilaalamii (guyyaa dura yookan booda). Yoo qabamtee, mana turuun namoota biroo irraa adda of baasuu qabda (odeeffannoo dabalataa waa'ee adda of baasuuf, maaloo Yoo COVID-19 qabaman maal akka gochuu qaban (PDF)) ilaalaa.

Guyyaa adda of baasuu 10

Guyyaa 10 Kophaa Turuu ga'aa dha yoo:

  • Yoo waa'ee talaalliiwwan COVID-19 waan haareffame hin beektu ta'ee, FI
  • Ati bakka namootni itti baay'atanitti haguuggi afaanii fi funyaanni sirriitti uffachu hin dandeenye

Yoo xiqqaate guyyaa 10 guutuuf mana turuunii fi adda of baasuu qabdu (yooma yeroo kanaatti bilisa taate ilee). Guyyaan GUUTUU itti adda of baastaan:
Guyyaan qophaatti turuu kan DHUMU gaafa:

Guyyaa kana, hojii kee idilee itti fufuu dandeessa; garuu namootni kan biro akka hin saaxilamne gochuudhaaf tarkaanfiwwan akka (fakkeenyaaf, waa’ee talaallii COVID-19 irratti haaromsa argachuu (Ingiliffa qofaan), akkaataa eeruu fi/ykn barbaachisummaatti haguugduu kaawwachuu, bakka qilleensa hin qabnetti baayyinaan argamuu dhabuu, fi deddeebiidhan harka keessan dhiqachuu fi dabalataaf immoo Akkamiin ofii fi namoota birootis akka eegdan CDC (Ingiliffa qofaan) ilaalaa).

Adda Of Baasuun hin Barbaachisu

Yoo waa'ee COVID-19 waan haarefamee (Ingiliffa qofaan) beektu ta'ee, mana turuunii qabdu yoo mallattoon isiinirratti mul'ateen ala. Hanga tti haguuggi afaaniffi funyaanii sirriitti uffachu qabdu yeroo namoota waliin wal argitaan, akkasumas ilaalamuu qoratamuu qabduu, yooma mallattoon isiinirratti mul'achuu baateyyu. Nama COVID-19 n qabameef erga saaxilamtee boodaa yoo xiqqaate guyyaa 5 n keessatti ilaalamii (gaafas ykn booda).

Yoo guyyoota 90 darbaan keessatti COVID-19 n qabamtani turtan ta'ee (qorannoo vaayiraalii (Ingiliffa qofaan) fayyadamuun ilaalamtanii yoo isiin keessatti argamee), mana turuu hin qabdan yoo mallattoon isiin irratti mula'ateen alatti. Hanga tti amallee haguuggii afaaniif funyaanni sirrii uffachuu qabdu yeroo namoota biraa qunnamtaan, akkasuma qorannoo antiijinii taasifachuu qabdu (Qorannoo PCR miti) nama qabameef erga saaxilamtee boodaa (gaafas ykn booda).

Nama COVID-19’n qabametti saaxilamtanii yoo turtani fi mallattoon isiiniratti mul'atee, maaloo nama COVID-19 qabameef yoo saaxilamtan maal akka gochuu qabdaan (PDF) ilaalaa.