Gaaffilee Yeroo Hedduu Gaafataman | Qorannoo COVID-19 taasisuu

Meeshaalee qorannoo argachuu

Qorannoo COVID-19 eessattan fudhachuu danda'a?

Maaloo filannoowwan armaan gadii yaalaa:

Iddoo qorannoo dhiyoo keessan jiru argachuudhaf gargaarsi kan isin barbaachisu yoo ta'e, Qajeelcha fayyaa naannoo ykn ganda keessanii irraa mirkaneessaa (Ingliffaan). Akkasumas 1-800-525-0127 irratti bilbiluun # irratti cuqaasaa. Yeroo isaan bilbila kaasan, tajaajila hiika afaanii argachuuf afaan keessan dubbadhaa.

Ani gahiinsa interneetii hin qabu / Marsariitin afaan kiyyan hin argamu. Meeshaa kaffaltii irraa bilisa ta'e WA keessatti akkamittan ajaja?

Maaloo 1-800-525-0127 irratti bilbiluun # irratti cuqaasaa. Gargaarsi hiika afaanii jira. Wiirtun bilbilaa bakka keessan bu'uudhan karaa WA fi poortaliiwwan sarara irraa federaalaatin ajajuu ni danda'a.

Waa’ee dhimma Say Yes! COVID test Maal beekuutu ana irra jiraata? Gorannaa karaa toora irraa?

Sagantaan kun wal ta’iinsa Bulchiinsa Washington, National Institutes of Health (Dhaabbata Fayyaa Biyyoolessaa) fi Centers for Disease Control and Prevention (Wirtuuwwan To’annoo fi Ittisa Dhukkubootaa) tiin kan deeggaramedha. Battala dhiheessiin dhumetti, namoonni naannawaa waashingitan meeshaalee qorannoo hatattamaa COVID-19 yoo ajajatan Amazon kallattiimaan mana isaanii geessaaf.

Maatii tokko/teessoo jireenyaa tokkootti baatiidhaan ajajawwan lama qofatu eyyamama fi tokkoon tokkoo ajajichaa qorannoowwan hatattamaa 5 waliin dhufa. Ajajnii fi geejjibni hundi kaffaltii irraa bilisa.

Qorannichaan wal qabatee ykn akkamiin akka hojjetamuuf gaaffii yoo qabaattan Say Yes! COVID Test Daawwadhaa. Qorannaa COVID Deggersa Dijitaalaa ykn 1-833-784-2588 irratti bilbilaa.

Say Yes! COVID Test Lamaanuu ajajuu dandeessuu Qorannoo COVID meeshaa qorannoo DOH fi Federaalaa irraa?

Eyyee, magaalaa Waashingitan keessa kan jiraattan yoo ta’e, ajaja lamaaniyyuu kaayuu dandeessu Say Yes! COVID Test marsaaratii fi kan marsaaratiin federaalaa meeshaalee qorannoo hatattamaa Covid-19 manatti fudhachuuf

Gaaffilee dabalataa yoon qabaadhe essan deema?

Sagantaa Qorannoo COVID Department Of Health (Qajeeleecha Fayyaa) Say Yes! COVID Test (Say Yes irraa ajajadhaa! Qorannoo COVID) ilaalchisee gaaffilee dabalataa yoo qabaattan,. Fuula gaaffii yeroo hedduu gaafatamanii daawwadhaa ykn toora bilbila DOH kan COVID-19 1-800-525-0127 bilbilaa (tajaajilli gargaarsa afaanii ni argama.) Sagantaa qorannoo federaalaa immoo teessoo isaanii fuula gaaffilee yeroo hedduu gaafataman daawwadhaa.

Qorannoowwan kaffaltii irraa bilisa ta'an kiyyaa yooman fudhadha?

Qorannoowwan sagantaa lamaan keessaa karaa tokkoon gaafataman (Say YES (EEYYEE jedhaa)! COVID Test (Qorannoo COVID) ykn Federal Program (Sagantaa Federaalaa) yeroo baay'ee erga ajajame booda torbanoota 1-2 keessatti ergu.

Filannoowwan qorannoo gorfaman hunda ergan hordofee booda, ani ammas qorannoo iddoo kamiyyuutu argachuu hin dandeenye. Yoon ani akka COVID-19 qabu yaade maalan godha?

Dhiifama isin iddoo qorannoo COVID-19 filachuu irratti yeroo ulfaataa dabarsaa jirtu, dhiyeessi yeroo ammaa kana sadarkaa biyyaatti kan murta'eedha.

Yoo isin mallattoolee COVID-19 argaa kan jirtan ta'e ykn COVID-19 dhaf saaxilamtanii fi qabamee jiraachun danda'a jettanii yoo yaaddoftan, kanneen armaan gadii gorsina:

Mana ani jiraadhu keessa namoota afurii oltu jira. Miseensota maatii kiyya hundaaf akkamiin qorannoo argachuu danda’a?
Meeshaalee qorannoo koo akkamiin itti fayyadamuu danda’a?

Bu’aa qorannoo sirrii ta’e argachuuf qajeelfamaa fi kallattii meeshaalee qorannoo hatattamaa keessatti argaman hordofuun bayeessa. Gaaffii addaa yoo qabaattan dhaabbata meeshicha oomishe dubbisaa (odeeffannoon isaanii saanduqa irra jira)

Qorannoo hatattamaa irratti bu’aan dhukkubicharraa bilisa jedhu sobaa argamuu mala. Meeshaawwan qorannoo muraasni qorannoo lama qabu (yoom qorannoo gochuu akka qabdaniif qajeelfama saanduqa irra jiru sirriitti hordofaa)

Qorannoowwan waliigalaa

Eenyutu qoratamuu qaba?

Miirri dhukkubbii yoo isinitti dhagahame qorannoo godhaa. COVID-19 mallattoowwan dhukkubaa bal’aa qaba, kanaafuu miirri gaariin yoo isinitti hin dhagahamane qoratamuun bayeessa.

Nama dhukkuba COVID-19 n qabametti yoo saaxilamtan qorannoo godhaa. Mallattoowwan dhukkubichaa isinirratti yoo argaman dafaa qoratamaa. Erga saaxilamtanii booda mallattoon dhukkubichaa isin irratti argamuu baannaan guyyoota shan eegaa, sana booda qoratamaa.

Wiirtuuwwan Daldalaa ykn immoo bakkoonni dhimma qaban magaalaa Waashingitan keessa jiran bakka tajaajilaa ykn daldalaa seenuuf ulaagaa qoratamuu ykn talaalamuu gaafachuu danda’u. Bakkoota kana seenuun dura itti gaafatamaa bakkichaa dursaa dubbisaa ykn immoo marsaaratii isaanii daawwadhaa.

Imala gochuu keessan dura ykn erga gootanii booda qoratamuun isin barbaachisa ta’a. Qajeelfama Geejjibaa Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Wirtuuwwan Too'annoo fi Ittisa Dhibee)'n baase ilaalaa.

Gareedhaan kan deemtan yoo ta’e, keessumaa namoota dhukkuboota hammaatoof saaxilamoo ta’anii fi namoota qorannoo COVID-19 dhiheenyatti hin taasisiin⁠ykn immoo hin talaalamiin waliin yoo ta’e.

Yoon ani qabame maaltu ta'a?

Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Wiirtuu To'annaa fi Ittisa Dhibee) fi Qajeelfama DOH fi manatti kophaa Turaa jedhu yeroo dhiyoo hordofaa, namoota biroo irraa fagaadhaa. Namoonni dhiyootti tuttuqii godhan hundi adda of baasuu qaban.

Bu'aa qorannoo COVID-19 manatti gaggeeffamuu irratti akka qabamtan gabaasuu fi tajaajiloota kunuunsa argachuuf maaloo gara sarara bilbilaa COVID Isteetaa Waashingtan 1-800-525-0127 irratti bilbilaa. Deeggarsi tajaajila afaanii jira.

Yoo isin duursitanii WA Notify (WA Beeksisi) buustanii ykn bilbilaa keessan irratti akka hojjetu gootan, bu'aa qorannoo akka qabamtan agarsiisuu gabaasufis meeshaa kana fayyadamuu ni dandeessu.

Odeeffannoon dabalataa asitti argamuu ni danda'a: Yoo qabamtan maal godhuu akka qabdan.

Namoonni Erga saaxilamanii guyyoota meeqa keessatti dhukkubichaan qabamuu danda’u?

Qorannoon PCR Namni tokko COVID-19 n yoo qabame guyyaa saaxilame irraa kaasee guyyoota shaniif vaayireesicha qabaachuu isaa argisiisuu dhiisuu mala. Kanaafuu yeroo muraasaaf agarsiisuu yoo baates qabaachuu dandeessu jechuudha. Bu’aa qorannoo poozetiivaa argachuuf yeroo murteessaadha. COVID-19 saaxilameera jettanii yoo amantan garuu immoo miirri dhukkubbii isin irratti mul’achuu yoo baate, guyyaa saaxilamtan irraa kaastanii guyyoota 5 booda qoratamuun bayeessa. Qorannoon farra alagaa akka waliigalaatti namoota mallattoo argisiisanif mala qorannoo isa sirriidha. Ta’us haalota tokko tokko keessatti namoota mallattoo hin argisiisne irrattis ni fayyadamama.

Bu’aawwan yeroo hangam turuu danda’u?

Kun gosa qorannoo fi bakka eddattoon qorannoof itti ergame irratti hundaa’a. Bu’aan qorannoo farra alagaa daqiiqaa 10 gidduutti qaqqabu. Garuu qorannoon PCR guyyoota hedduu fudhachuu mala.

Mala isa kamtu filatamaadha?

Malli filatamaan mala qorannoo isa naannoo keessanitti argamudha. Kana jechuun mala qorannoo manatti godhamu qabdu taanaan isuma fayyadamaa. Bakka qorannaatti beellama jiru argannaan garuu bira hin tariinaa. Garuu haalli addaa dhimmoota olii irratti yoo qorannoon addaa baraachisedha (fakkeenyaaf kanneen akka geejjibaa)

Qorannoowwan bituun qabaa?

Qorannoowwan muraasa harka irraa qabaachuun barbaachisaadha. Marsaaratiiwwan mootummaa irra yeroo isaan jiranitti qorannoowwan ajajadhaa. Waa bitachuuf baatanii meeshaalee qorannoo yoo argitan muraasa isaa bitadhaa. Garuu olla gaarii ta’aa, murti sirrii murteessaa. Meeshaalee qorannoo kuusuun garuu dhiheessii namoota biro ykn kanneen barbaadanitti karaa cufa. Isinis osoo itti hin fayyadamiin yeroon faayidaa isaa isin irratti darbuu mala.