Namoota COVID-19 dhan Qabaman

Yoo isin COVID-19 dhan qabamtan, oduu gaariin nageenyummaa ofii keessanii fi namoota biroo eeguudhaaf tarkanfiiwwan fudhachuu dandeessan jiru.

Yoo qabamtan maal godhuu akka qabdan

Mana turaa akkasumaas namoota biroo irraa fagaadhaa. Qajeelfama kophaa turuu yeroo dhiyoo (Ingliffa qofaan) Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Wiirtuwwan To'annaa fi Ittisa Dhibee) fi Washington State Department of Health (DOH, Qajeelcha Fayyaa Isteeta Washington) hordofaa. Kophaa yeroo turtan gargaarsi yoo isin barbaachise, gargaarsa Care Connect Washington (Ingliffa qofaan) irraa argachuu dandeessu.

  • Namoota biroo mana keessan keessa jiran irraa adda of baasaa. Yoo dandeessan, namoota wajjiin jiraattan irraa kutaa biraa keessa turaa akkasumas mana fincaanii kophaatti fayyadamaa.

Mallattoolee ofirratti ilaalaa. Mallattoon isin irratti mul’ate hammaataa deeme yookin mallattoolee haaraa isin yaaddessan yoo qabaattan, ogeessa fayyaa keessan qunnamaa. Yoo isin mallattoolee akeekkachiisaa hatattamaa COVID-19 armaan gadii argitan gara 9–1–1 bilbilaa:

  • Hafuura baafachuu dadhabuu
  • Dhukkubbii ykn dhiibbaa laphee walitti fufaa
  • Tasa jaanja'uu
  • Deebisuu dadhabuu
  • Gosa gogaa qaamaa keessan irratti hunda'uun gogaa qaamaa, hidhii yookin qeensa halluu daalacha, boora ykn cuquliisa ta'e

Mana keessattillee yoo ta'e dirqama namoota biroo qunnamuun yoo isin irra jiraate, haguuggii afaanii fi funyaanii kan funyaanii fi afaan uwwisu godhadhaa. Namoonni biroo maatii keessan keessa jiranis haguuggii afaanii fi funyaanii godhachuu qabu.

  • Yoo danda'ame, KN95 ykn haguuggii afaanii fi funyaanii yaaliii baqasanii hodhuu 3-ply (dirribii 3) fayyadamaa.
  • Haguuggiiwwan afaanii fi funyaanii keessan kan sirriitti isinitti ta'anii fi kan hin cinne ta'uu isaanii mirkaneessaa. Sirriitti akka isnitti ta'an, qabaattoowwan gurraa iddoo fuula irratti wal gahan guddunfaa. Iddoo citaa ittisuuf haguuggii lama godhachuu dandeessu. Haguuggiiwwan afaanii fi funyaanii sirriitti akka isinitti ta'an tolchuuf viidiyoo gabaabaa ilaalaa (Ingliffa qofaan).

Tamsasa hambisuuf namoota birootti beeksisaa. Namoota dhiyootti tuttuqqii gootan (Ingliffa qofaan) dubbisuudhan isaan COVID-19 dhaf saaxilamanii kan turan ta'uu akka danda'an beekisaa. Namni qabame tokko mallattoolee osoo hin qabaatin dura COVID-19 dabarsuu danda'a. Namoota dhiyootti tuttuqqii gootanitti yeroo beeksistan, qoratamuu fi vaayirasicha namoota birootti dabarsuu ittisuuf adda of baasuu ykn kophaa turuu ni danda'u.

  • Qorannoo manatti gaggeeffamu yoo fayyadamtanii turtan, qabamuu keessan sarara bilbilaa COVID-19 Washington tti 1–800–525–0127 irratti gabaasaa godhaa. Kuni carraaqqiiwwan namoota tuttuqqii godhan hordofuu (Ingliffa qofaan) gargaara akkasumas vaayirasichi hawaasa keenya keessatti caalmatti akka hin tatamsaane ittisa. Sararri bilbilaa kun Wiixata 6 a.m. irraa hanga 10 p.m. fi Kibxataa hanga Dilbataa (akkasumas guyyoota ayyaana waggaa) 6 a.m. irraa hanga 6 p.m. tti banaadha. Deeggarsi hiika afaanis jira.
  • Yoo isin qorannoo manatti gaggeeffamu fayyadamatanii turtan, fayyadamtoota WA Notify saaxilamanii turanitti eenyummaa osoo hin ibsin beeksisuuf koodii mirkaneessituu karaa WA Notify (WA beeksisaa) gaafadhaa (Ingliffa qofaan).

Gorsa fayyaa argachuudhaf Ogeessa fayyaa keessan — yoo qabaattan — ykn kilinika fayyaa naannoo qunnamaa. Isaan yeroo isin dandamachaa jirtan akkamitti isinitti tolee turuu akka dandeessan gorsoota barbaachisoo ta'an muraasa isiniif kennuu danda'u. Akkasumas kunuunsi dabalataa yoo isin barbaachise argachuu akka dandeessan waa'ee mallattoolee dhibee hammaataa ilaaluu qabdan isinitti himu.

Hamma danda'ametti iddoo jirtan keessatti qilleensi akka seenuu taasisaa. Yoo danda'ame, foddaawwan banaa, afarsiituu termoostatii olaanaa irratti hojjachisaa, gingilchituu HVAC keessan jijjiiraa, ykn qulqulleessituu qilleensaa HEPA fayyadamaa.

Isin COVID-19 irraa kan dandamattanii fi yeroo kophaa turuu keessan xumuruu kan dandeessan yoo taatan illee, ofii keessanii fi namoota biroo ittisuu itti fufuun barbaachisaadha. Isin kana talaallii COVID-19 fi dandeettii dhukkuba ittisuu kan dabalu fudhachuudhan, haguuggii afaanii fi funyaanii namoota baay'ee biratti uffachuun, walgahiiwwan guddaa irraa of qusachuun, harka keessan dhiqachuunii fi WA Notify bilbila ismaartii keessan irratti kaasudhan gochuu dandeessu.