Talaallii COVID-19 tti amanuu ni dandeessu!
Niguseen Qindeessaa Hawaasa Afriikaa kan Magaalaa Siyaatil keessa jiraataniiti. Niguseen afaan Ingiliffaa, Amaariffaa, fi Tigirinyaa ni dubbata, akkasumas miseensota hawaasa Africaa bahaa kanneen didaa turan Hoospitaala Daa'immanii Siyaatil(Seattle Children's Hospital) keessatti akka talaallii argataniif gargaaruu irratti gahee olaanaa taphatee jira.
Akka aadaa isaaniitti itti fayyadama talaallii waan hin beekneef hawaasni waan didaa tureef garu miseensi hawaasaa amanamaa ta'e yeroo isaa fudhachuudhaan barsiisuu fi bakka talaallichi itti argamutti geessuudhaan yoo argate talaallicha akka fudhatan abboo Niguessien ibsaniifii turan.
United States keessatti namoonni baay'een COVID-19 ofirraa ittisuuf talaallii fudhachuuf karoorsaa jiru, garuu osoo hin fudhatin dura muraasni isaanii odeeffannoo barbaaduu malu. Kuni waanuma jiruudha. Hundi keenya murtee jireenya keenya irratti dhiibbaa fidu murteessuuf waan sana dursa amanuu barbaanna.
Amanuudhaf maddoota odeeffannoo amanamoo ta'an irraa odeeffannoo ni barbaanna. Talaallii COVID-19 ilaalchisee odeeffannoo sobaa fi dhugaa akka addaan baafataniif hiriyoota fi maatii keessan gargaaraa.
Namoonni talaallii fudhachuu akka hin shakkine gargaaruu ni dandeessu. Wantota armaan gadii gochuun kana dhugoomsuu ni dandeessu:
- Yaaddoo hiriyoonni yookin maatiin keessan qaban yeroo fudhattanii dhaggeeffachuudhan. Waa'ee talaallii irratti akkamitti akka haasa'an odeeffannoo argachuuf Waa'ee qajeelfama Talaallii haasa'uu (Ingiliffa qofaan) jedhu kana ilaalaa.
- Gaaffii isaanii deebisuudhan. Deebii isaa hin beektu yoo ta'e, ogeessa fayyaa isaanii waliin akka mari'atan yaada dhiyeessuu ni dandeessu.
- Talaallii fudhachuuf yommuu murteessitan, maalif akka murteessitan sababa isaa qooduu. Muuxannoon dhuunfaa keessan maati fi hawaasa keessan irratti dhiibbaa guddaa qaba.
Waan jettanii fi waan hojjataniin namoota naannoo keessan jiran irratti dhiibbaa gochuuf dandeettii isaa qabdu. Odeeffannoo kana waa'ee talaallii COVID-19 hiriyoota fi maatii wajjin akkaataa itti mariyatan. (Ingiliffa qofaan) jedhu kana ilaalaa.
Odeeffannoowwan talaallii dhugaa ta'an kana namoota beektaniif qoodaa. Mataa dureewwan gurguddoo heddutti gargar qoodnee jirra.
Nagenya & Bu'a Qabeessummaa
Talaallii COVID-19 yoon fudhadhe yookin dhiise maal jijjiiramni isaa?
Talaallii COVID-19 fudhachuun fedhii keessan irratti hundaa'a, garuu weerara kanatti xumura gochuuf hanga danda'ametti namoonni hedduu akka talaalaman barbaanna. Hawaasa keessatti namoonni baay'een talallii fudhachuu yookin dhiyeenyatti dhibichaan qabamuu irraa kan ka'e dandeettin dhibee ittisuu namootaa gaafa dabalu, tatamsa'inni COVID-19 ni hir'ata. Baay'inni namoota talaallii fudhatanii hanguma dabalaa deemu, tatamsa'inni dhibichaa hir'ataa deema.
Namoonni talaallii hin fudhatin vaayirasichaan qabamuun namoota birootti ni daddabarsu. Sababa meedikaalaaf namoonni tokko tokko talaallii fudhachaa hin danda'an, kuni ammoo caalmatti COVID-19'f salphaatti akka saaxilaman isaan taasisa. Talaallii hin fudhanne taanan, isinis gosa vaayirasii COVID-19 tin (Ingiliffa qofaan) dhukkubsattanii ciisuf yookin du'aaf saaxilamoodha jechuudha. Talaallii fudhachuun isin qofa osoo hin taane, maatii, ollaa fi hawaasa keessan eega.
Namoonni heddu homaa hin taane taanan, talaallii COVID-19 fudhachuun maal naaf godha?
Namoonni COVID-19'n qabaman baay'ee isaanii mallatto giddu galeessatu irratti argama. Haa ta'u malee, vaayirasicha tilmaamun baay'ee rakkisaadha, gosoonni COVID-19 muraasni baay'ee akka nama huban ni beekna. Namoonni tokko tokko COVID-19'n qabamanii baay'ee dhukkubsachuu yookin du'uu ni danda'u, dargaggoota kana dura rakkoo fayyaa homaa hin qabne dabalatee jechuudha. Kaneen biroo “COVID yeroo dheeraf kan baatan (long-haulers)” kan jedhamuun beekaman mallattoon dhibichaa ji'ootaf isaan irra turuu dandaa'a, jireenya isaaniis ni miidha. Vaayirasichi haaraa ta'uu isaa irraa kan ka'e, dhiibbaa yerii dheeree COVID-19 geessisu hanga ammaatti hin barre. Vaayirasicha ittisuuf malli baay'ee filatamaan talaalalamuudha.
Dhugumaan talaalliwwan miidhaa kan hin qaqqabsiifne fi bu'a qabeeyyidhaa?
Eeyyee, talaalliwwan COVID-19 miidhaa kan hin qaqqabsiifne fi bu'a qabeeyyidha. Saayintistoonni talaallicha namoota kumaatamaan lakkaa'aman irratti yaalii gaggeessaniiru. Talaalliwwan kun of-eeggannoo, bu'a qabeessummaa fi mirkaneessa tajaajila hatattamaa argachuuf qulqullina omishaatif ulaagaa U.S.Food and Drug Administration's (FDA, Bulchiinsa Nyaata fi Qorichaa U.S) kan guutedha. Hundi isaanii namoonni akka COVID-19 dhan hin dhukkubsanneef kan ittisaniidha. Ergasii kaasee, talaalliwwan kun namoota miliyeenan lakkaa'amaniif rakkoo tokko malee kennamaniiru.
Talaalliwwan COVID-19 akkamitti akka hoojataman baruuf viidiyoowwan kanneen daawwadhaa:
Talaallichi mucaa kiyyaaf rakkoo hin qabuu?
Eeyyee. Talaallin Pfizer dargaggoota kumaatama irratti kan yaalame yoo ta'u, rakkoo akka hin qabne mirkanaa'era. Baay'ee bu'a qabeessadhas – dargaggoota fedhiidhan talaallicha fudhatan keessaa kan COVID-19 dhan qabame hin jiru. Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Wiirtuun Ittisa fi To'annaa Dhibee) talaallin COVID-19 namootni waggaa ji’a 6 fi isaa olii (Ingiliffa qofaan) kamiyyuu akka fudhatan ni gorsa
Talaalliwwan rakkoo qabaachuu dhiisuu isaanii akkamittan amana?
Talaaliiwwan COVID-19 nagaa ta’uu isaanii mirkaneessuuf, Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Jiddugalawwan Too'annoo fi Ittisa Dhibee) n dandeettii To’annoo nageenya talaallii bal’isuun jabeesseera. Sababa Kanaaf, ogeessonni nageenya talaallii dhimmoota yeroo yaalii talallii COVID-19 hin ka’iin yokiin hin argamiin ni to’atu ni qoratu.
Talallii COVID-19 irraa COVID-19 na qabuu danda'aa?
Lakki, talaallii irraa COVID-19 isin qabuu hin danda'u. Talaalliwwan COVID-19, vaayirasii COVID-19 nama qabsiisu of keessaa hin qaban.
Viidiyoon kun, talaallin COVID-19 akkamitti qaama keessan keessatti akka hojjatu caalmatti ni ibsa:
Kanaan dura COVID-19 dhaan qabameera yoon ta'e, talaallii isaa fudhachuun na barbaachisaa?
Eeyyee, kanaan dura COVID-19'n qabamteetas yoo ta'e talaallii fudhachuu qabda. Namni tokko COVID-19 erga qabameen booda, guyyoota 90 gidduutti carraan deebi'ee qabamuu nama sanaa baay'ee dhiphaa akka ta'e ragaaleen ni mul'isu. Kana jechuun yeroo muraasaf COVID-19 dhan qabamuu dhiisuu dandeessu (dandeettii dhibee ittisuu kan uumamaa irraa kan ka'e). Haa ta'u malee, dandeettiin dhibee ittisuu uumamaa hangam akka turu hin beknu. Ammayyuu maalif talaallii COVID-19 fudhachuu (Ingiliffa qofaan) akka qabdan caalmatti baradhaa.
Talaallii fudhachuu fi dandeettii dhibee ittisuu gidduu garaagarummaa maaltu jira?
Dandeettiin dhibee ittisuu uummamaa irra deebi'uun dhibeedhan akka hin qabamne hamma tokko ni ittisa, garuu namoonni talaallii hin fudhanne yeroo jalqabaaf dhibeedhan qabamuun isaanii balaa dhibee hammaataa, mana yaalaa ciisuu fi du'uu akka dabalu cimsinee ibsuun barbaachisaadha. Namoonni muraasni COVID-19 dhan erga qabamanii booda farreen qaama alagaa horachuu kan danda'an yoo ta'u, kanneen biroo immoo hin horatan. Warreen erga dhibeedhan qabamaniin booda dandeettiin dhibee ittisuu isaanii hamma tokko dabale, dhibee ittisuun dabale hammam cimaa akka ta'e, yeroo hammamiif akka turuu ykn dhibee gosa kam akka ittisu illee beekuun hin danda'amu.
COVID-19 dhan irra deebiin qabamuu ykn daraan dhukkubsachuu irraa of ittisuuf dandeettii dhibee ittisuu uummamaa irratti hirkachuu waan hin dandeenyeef, dhibeewwan SARS-COV-2, rakkoowwan isaan wal qabatanii dhufanii fi daddarbuu ittisuuf karaan hunda caalaa baay'ee gaarii fi tarsiimoon jalqabaa talaallii fudhachuu irratti waqtaawaa ta'uudha.
Fayyaa Wal hormaataa
Talaallii COVID-19 yoon fudhadhe ijoollee godhachuu nan danda'aa?
Eeyyee. Fayyaa wal hormaata fi talaallidhaan wal qabatee yaaddoon ati qabdu waanuma jiruudha. Waanti nuti beeknu kunooti: tallaallin akka mucaa hin godhanne yookin maseena nama taasisa kan jedhu ragaan saayinsaawaa ta'e hin jiru. Talaallichi gara qaama kee gaafa seenu, koronavaayirasii loluudhaf dandeettii dhibee ittisuu qaama wajjin ta'uun farra dhibee (antibody) uuma. Adeemsi kun organizimii sirna wal hormaataa kee wajjin wal qabatu hin qabu.
American College of Obstetricians and Gynecologists (ACOG, Kolleejjin Obisterishiyaanotaa fi Gaayinakolojistootaa Ameerikaa), dubartootni gara fuulduraatti ulfa ta'uu fedhan, kan amma ulfa ta'an yookin harma hoosisaa jiran hundi talaallii COVID-19 akka fudhatan gorsa. Dubartoonni hedduun erga talaallii COVID-19 fudhataniin booda kan ulfaa'aniiru yookin ijoollee fayyaalessa dahaniiru.
Yeroo ulfaa fi waqtii harma hoosisuutti leecalloowwan talaallii COVID-19 dabalataa argachuuf, maaloo odeeffannoo talaallii haaroomfamaa toora marsaariitii Talaallii Tokko, Lubbuuwwan Lama irraa ilaalaa.
Namoota ulfa ta'aniif talaallichi rakkoo hin qabuu?
Eeyyee, ulfa yoo taatan talaalamuu ni dandeessu, American College of Obstetricians and Gynecologists (ACOG) (Ingiliffa qofaan) dubartoonni ulfaa akka fudhatan ni gorsa. Ulfa, guddina daa'ima keetii, dhaloota fi hormaatan wal qabatee rakkoon COVID-19 rakkoo geessisa kan jedhu ragaan homaatuu hin jiru.
Yeroo ulfaa fi waqtii harma hoosisuutti leecalloowwan talaallii COVID-19 dabalataa argachuuf, maaloo odeeffannoo talaallii haaroomfamaa toora marsaariitii Talaallii Tokko, Lubbuuwwan Lama irraa ilaalaa.
Talaallichi, dubartoota harma hoosisaniif rakkoo hin qabuu?
Eeyyee, harma hoosisaa jirtu yoo ta'e talaalamuu ni dandeessu. Talaalamuu yoo barbaaddan, harma hoosisuu dhaabuu hin qabdan. Inumaayyuu dhiyeenya kana ragaalen bahaa jiran kan agarsiisan, talaallichi karaa harma hoosisuutin qaamni keessan farra dhibee (antibodies) gara mucaatti akka darbu akka gargaarudha. Kuni dhuguma taanan, garuu qorannoon dabalataa ni barbaa, mucaa keessan dhibee COVID-19 irraa ittisuuf ni gargaara.
Waa'ee talaallin COVID-19 haadholii fi ijoollee isaanii reefu dhalatan akkamitti akka ittisuu (Ingiliffa qofaan) caalmatti dubbisaa.
Talaallichi marsaa laguu koo ni jijjiiraa?
Namoonni muraasni erga talaallii fudhataniin booda, marsaan laguu isaanii akka jijjiirame ni dubbatu, kanaan wal qabatee dhiibbaa yeroo dheeraa qaqqabsiisu fi dhiisuu ragaan qabatamaan hin jiru. Marsaan laguu sababoota hedduun jijjiiramuu danda'a, fakkeenyaf dhiphina.
Qabiyyeewwan
Talaalliwaan keessatti qabiyyee maal faatu argama?
Qabiyyeewwan talaallii keessatti argamu kan dhugaa hin taane fi jettee jettee namaa marsaa intarneetii yookin miidiyaalee hawaasaa irratti arguu ni dandeessu. Wantoonni akkasii jette jettee/himtee dha. qabiyyeewwan talaallii COVID-19 keessatti argaman (Ingiliffa qofaan) kan talaallii qofa. Talaalliwwan wantooni of keessatti qabatan, qabiyyeewwan (active ingredients) mRNA yookin andeenoovaayirasii haarome (modified adenovirus) qabiyyeewwan kanneen akka coomaa (fat), ashaboo, sukkaara kan qabiyyeewwan (active ingredients) ittisan, akkasumas yeroo deddeebisanii fi kuusan talaallii ittisu wajjin.
Talaallin Novavax COVID-19, talaallichi qaama keessatti akka gaaritti akka hojjatu gargaaruf jecha, coomaa fi sukkaara waliin talaallii kuta xiqqaa pirootinii irratti hundaa’e kan dabalata qabuudha. Talaallin kun mRNA hin fayyadamu.
Qabiyyeewwan (ingredients) guutuu barruu odeeffannoo Pfizer (Ingiliffa qofaan), Moderna( Ingiliffa qofaan), Novavax (Ingiliffa qofaan) fi Johnson & Johnson (Ingiliffa qofaan) irra ilaalaa.
Talaallin Johnson & Johnson tishuu miciree (fetal tissue) of keessaa qabaa?
Talaallin COVID-19 Johnson & Johnson jedhamu akkuma talaalliwwan kaanii teekinoolojiidhuma wal fakkaataa fayyadamuun omishame. Qaama miciree yookin seeliwwan fitasii of keessaa hi qabu. Talaallin qeenxen tokko kan omishamu, koppiiwwan seeliwwanii laaboraatoorii keessatti guddatanii keessatti, seeliwwan kun ulfa fedhaan baafame (elective abortion) kan waggaa 35 dura ta'e irraa fudhatameedha. Ergasii kaasee, qacceewwan seelii talaalliwwan kanaa laabii keessatti olkaa'amee ture. Talaalliwwan kanneen hojjachuudhaf maddi seelii miciree hojiirra oole hin jiru. Kuni namoota muraasaf odeeffaannoo haaraa ta'uu danda'a. Haa ta'u malee, talaalliwwan dhibeewwan akka gifiraa, rubeella, heppitaayitas A fa'aa bifuma wal fakkaatun hojjataman.
Talaalliwwan kun maayikiroochiipsii of keessaa qabuu?
Lakki, talaaliwwan kun maayikiroochiipsii yookin meeshaa nama hordofu homaa of keessaa hin qabu. Kan isaan of keessaa qaban qabiyyeewwan (active ingredient) qaamni keessan COVID-19 akka ofirraa ittisuuf farra dhibee (antibodies) uumuf gargaara akkasumas cooma (fat), ashaboo fi sukkaara of keessaaa qaba.
Talaallin COVID-19 qaama koo keessatti maagneetikii uumu qabaa?
Lakki, talaallii COVID-19 fudhachuun maagneetikii akka taatan hin godhu. Talaalliwwan qabiyyeewwan (ingriedients) elektiroomaagneetikii uuman of keessaa hin qaban, sibiilota kamiyyuu irraayyuu bilisa. Qabiyyeewwan guutuu Pfizer, (Ingiliffa qofaan) Moderna, (Ingiliffa qofaan) fi Johnson & Johnson (Ingiliffa qofaan) barruu odeeffannoo irraa argachuu danddeessu odeeffannoo dabalataaf.
Yaaddowwan Fayyaa kan Biroo
Talaallicha irraa itituun dhiigaa natti dhufaa?
Carraan itituu dhiigaa qabaachuu baay'ee gadi bu'aadha. Talaallii Johnson & Johnson erga fudhataniin booda baay'inni namoota itituun dhiigaa isaan mudatee kanneen miliyeenan lakkaa'aman talaallii fudhatanii itituun dhiigaa isaan hin mudatin wajjin gaafa wal bira qabamu baay'ee xiqqaadha. Ulfa ittisuu (birth control) kan dubartoonni miliyeenan lakkaa'aman guyyaatti fudhatan wajjin wal bira gaafa qabamu, rakkoon inni geessisu baay'ee gadi bu'aadha. Gaaffii keessan waa'ee ulfa ittisuu fi talaallii COVID-19 Johnson & Johnson fi kan dabalataa more (Ingiliffa qofaan) deebii argadhaa.
Waa'ee rakkoo keessanii ogeessa fayyaa keessan waliin haasa'uu dandeessu. Erga talaallii Johnson & Johnson erga fudhataniin booda rakkoon itituun dhiigaa kan mudate dubartoota umurii 50 olii irratti. Dubartii umurii 10 hanga 50 gidduu jirtu yoo taatan, carraan ittituu diigaa hanga lubbuu baasutti nama geessisuun qabamuu keessan ol ka'aadha. Rakkoon itituu dhiigaa kan wal qabatu talaallii COVID-19 Johnson & Johnson qofaa wajjini malee talaallii Pfizer yookin Moderna miti. Talallii the Johnson & Johnson fudhachuudhaf soda yoo qabaattan, ogeessi fayyaa keessan talaallii Moderna yookin Pfizer akka isinii dhiyeessu gaafadhaa.
Waa'ee maayikordaayitis yookin perikardaayitis yaadda'uun qabaa?
Carraan dhibee maayikordaayitis (madaa'uu maashaa onnee) fi perikardaayitis (madaa'uu dirra onnee) talaallii COVID-19 booda uumamuu baay'ee xiqqaadha. Namoota baay'ee xiqqoo ta'antu erga talaallii fudhataniin booda tarii isaan mudata. Namoonni kuni mudate yoo jiraate, baay'ee isaanii saafeloota fi gaheessota umurii dargaggummaa keessa jiran irratti mul'ata, mallattoon isaa baay'inaan giddu galeessa, namoonni ofiidhuma isaanitiin yookin waldhaansa xiqqaadhan irraa bayyanatu. Maayikordaayitis yookin perikardaayitis bal'inaan kan isin mudatu yoo COVID-19'n qabamtaniidha.
Hanga Adoolessa 30, 2021 tti, gabaasa Vaccine Adverse Event Reporting System (VAERS, Sirna Gabaasa Rakkina Yeroo Talaallii) tti gabaafame 1500 keessaa keeziwwan mirkanaa'an 699 qofatu United States (Ingiliffa qofaan) keessatti argama, namootni miliyeena 177 ol ta'an yoo xiqqaate talaalii COVID-19 marsaa jalqabaa yeroo fudhatanitti jechuudha.
Wa'ee rakkoo keessanii doktara keessan wajjin haasa'uu dandeessu. Talaallii booda mallattoon kamiyyuu yoo isin irratti mul'ate, VAERS (Ingiliffa qofaan) tti gabaasuu dandeessu.
Waa'ee maayikordaayitis fi perikardaayitis talaallii COVID-19 booda nama mudatuu (Ingiliffa qofaan) caalmatti baraa.
Rakkoo fayyaa cimaa yoon qabaadhe talaallii fudhachuu nan danda'aa?
Namoonni rakkoo fayyaa yookin meedikaalaa cimaa qaban heddu talaallii COVID-19 ni fudhatu. Ogeessi fayyaa keessan waa'ee allarjii fi rakkoo fayyaa keessan hunda akka baru godhaa. Dhugaa dubbachuuf, rakkooleen fayyaa cimoo ta'an dhibee COVID-19 irraa kan ka'e rakkoo wal xaxaadhaf sirriitti isin saaxiluu danda'a; kanaaf talaallichi akka hin dhukkubsanneefiyyuu baay'ee murteessadha.
Gosti namoota armaan gaditti tarreeffamanii kun talaallii COVID-19 argachuu ni malu:
- Namoota HIV qabanii fi dandeettiin dhibee ittisuu isaanii dadhabaa ta'e.
- Namoota dhibee awutoimiyuunii (dandeettin dhibee ittisuu qaama nama gaafa miidhu) qaban.
- Namoota kanaan dura Guillain-Barré syndrome (GBS, Rakkoo Fayyaa Dandeettin Dhibee IttisuuSirna Narvii Miidhuu Irraa Dhufu) qaban.
- Namoota kanaan dura rakkoo bocni qaama fuulaa jallachuu (Bell's palsy) qaban.
Kanaan dura rakkoo alarjikii cimaa yoo qabaattan yookin sababa qabiyyee talaalliiee (vaccine engredient) irraa ka'e rakkoon cimaan na mudata jettanii yoo yaaddan, waa'ee talaallii COVID-19 namoota alarjii qabanii (Ingiliffa qofaan) dubbisaa. talaallii COVID-19 booda qaamni nama horbobbaa'un (Anaphylaxis) (Ingiliffa qofaan) kan mudatu baay'ee xiqqaadha, United States keessatti namoota miliyeenan lakkaa'aman talaallii fudhatan keessaa tilmaaman namoota 2 hnga 5 irratti argame.
Odeeffannoon kun (Ingiliffa qofaan) kaayyon isaa, namoonni armaan olii waa'ee talaalii COVID-19 fudhachuu hubannoo qabataanii akka murteeffatan gargaarufi.
Talaallin DNA koo ni jijjiiraa?
Lakki, talaallin COVID-19 DNA keessan hin jijjiiru yookin hin jeequ. Talaalliwwan kun seelonni qaama keenyaa vaayirasii COVID-19 fidu ittisuuf dandeettisaa ijaaruu akka jalqabu qajeelfama dabarsaaf. Talaallichi qaama seelii bakka DNA'n keenya itti kuufamu keessa hin lixu. Talaalliwwan (immunity) ijaaruf dandeettii uumamaan dhibee ittisuu qaama keenyaa wajjin hojjatu. Waa'ee mRNA (Ingiliffa qofaan) fi vayiral seektarii (Ingiliffa qofaan) talaallii COVID-19 caalmatti baraa.
Talaallin dhiibbaa gara biraa (side effect) yeroo dheeraa natti fidaa?
Talaalliiwwan COVID-19 fi dhibeewwan biroo ilaalchisee ragaalee (data) saayinsaawaa heddu qabna. Ragaalee kanneen irratti hundaa'un, talaalliwwan kunneen rakkoo kan hin qaabne ta'uu isaanii ogeeyyin baay'ee ofitti amanoodha. Rakkoolen COVID-19 dhaan wal qabatanii dhufan hundi isaanii bifa jechuun danda'amuun giddu galeessa, kanneen akka qaama caccabsuu yookin dhukkubii harkaa, kan guyyoota muraasaf turuudha. Rakkooleen (reactions) cimoon yookin yeroo dheeraa turan baay'isee baay'ee xiqqaadha.
Dhiibban gara biraa (side effects) kamiyyuu kan uumamu talaallii booda torban saddeettan keessatti. Kanaafidha dhaabbileen talaallii omishan erga yaalii gaggeessaniin booda yoo xiqqaate torban saddeet akka eegan kan godhamaniif Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaata fi Qorichaa) U.S.tti Mirkaneessa Itti Fayyadama Yeroo Hatattamaatif osoo hin iyyatin dura jechuudha. Yaaddoo rakkoo yoo qabaate ogeeyyonni to'annoo talaallii COVID-19 ittuma fufanii taasisaa jiru. Dhiibbaan gara biraa cimaan yoo jiraate FDA qorannoo ni gaggeessa.