Qabiyyeen yeroo dhumaaf Mudde 9, 2022 fooyya'e

Talaalliin COVID-19 namoota umrii ji’a 6 fi isaa ol ta’aniif ni jira.
Kilinikoota talaalliiwwan kennan daa’immaniitti agarsiisuf gingilchituu wajjiin hojjetame fayyadamuun beellama argachuufi sagantaa qabsiisuuf Iddoowwan Talaallii daawwadhaa.
Kan Manaa hin baanee fi talaallin COVID-19 kan isin barbaachisuu? Isin ykn namni isin beektan tokko kan manaa hin baane taatan ykn ta’e nu beeksisuuf Unka sarara irraa kan nageenyumman isaa eegame guutaa. Deebin keessan namoota dhuunfaa gareewwan talaallii socho’aa gandaa fi/ykn Isteetaa wajjiin wal qunnamsiisuu nu dandeechisa.
Gargaarsi isin barbaachisaa? 1-833-VAX-HELP (833-829-4357) irratti bilbiluudhan # tuqaa. Gargaarsi afaanii jira. Iddoowwan talaallii cinaa keessan jiran argachuudhaf koodii zip keessan gara 438-829 (GET VAX) ykn 822-862 (VACUNA)erguu ni dandeessu.
Nagenyummaa & Bu'a Qabeessummaa Talaallii
Daa'ima keessan talaallii COVID-19 akka fudhatan gochuun kan armaa gadii godhuu danda'a:
- Balaa COVID-19 tin qabamuu hir'isuuf gargaara
- Yoo isaan COVID-19'n qabaman carraa sirriitti dhukkubsachuu isaaniii ni hir'isa
- Carraa hospitaala ciisuu isaanii ni hir'isa, akkasumas balaa COVID-19 dhan du'uu isaanii ni hir'isa.
- Gosa COVID-19 haaraatin akka hin qabamne isaan ittisuuf gargaara
- Hawaasa COVID-19'n akka hin qabamne eeggamanitti akka dabalamtan kan isin taasisu yoo ta'u, dhibichi akka hin tatamsaane godha
- Tata'imsina hawaasaa COVID-19 dhorkuu gargaaruf rakkoowwan qaamaan barachuu fi sochiiwwanii ni hir'isa

Eeyyama Talaallii
Talaalliin Pfizer Emergency Use Authorization (EUA, Eeyyama Itti Fayyadama Hatattamaa), irratti hunda'uun ijoollee umurii ji’a 6-11 ta'aniif jira akkasumas umurii 12+ guutumaa guututti mirkana'eera. Talaalliin Moderna ijoollee umrii ji’a 6 – waggaa 17 tahaniif Emergency Use Authorization (EUA, Heyyama Itti Fayyadamaa Dingataa) jalatti ni jira. Talaalliin Novavax Emergency Use Authorization (EUA, Heyyama Itti Fayyadamaa Hatatamaa) jalattii namoota umuriin isaanii 12+ ta'eef jira.
EUAn Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaata fi Qoricha) eeyyama guutuu qabachuu isaatin dura yeroo hatattamaatti omishni akka jiraatu ni eeyyama. Kaayyoon eeyyamni itti fayyadama hatattamaa xiinxala yeroo dheeraa deetaa dura namoonni talaalliwwan lubbuu baraaran akka argatan mirkaneessuudha. EUA madaallii deetaa kilinikaa baay'ee cimaa ta'e yeroo gabaabadhaf ammas ni gaafata.
EUA kan FDA dhan hayyamni kennameef kamiyyuu Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Giddu Galawwan To'annoo fi Ittisa Dhukkubbiikan Advisory Committee on Immunization Practices (ACIP, Koree Gorsituu Gochaawwan Talaallii) (Ingiliffa qofaan) fi Western States Scientific Safety Review Workgroup (Garee Hojii Madaallii Nageenyummaa Saayinsii Isteetiiwwan Lixaa)tin ni qoratama jechuudha.
Maatiiwwanii fi Guddiftootaf gaaffilee yeroo baay'ee gaafatama
- Waa'ee daa'imni kiyyaa COVID-19 tin qabamuu maalif yaada'uun narra jiraata?
-
Weerarri yeroo eegale irraa jalqabee, Yunaayitid Isteet keessatti daa'imman miliyoona 15 ol ta'an COVID-19 dhan qabamaniiru. Gosoonni COVID-19 haaraan gosa isa jalqabaa caalaa hamaadha akkasumas dargaggootatti dhibee fidu, dabalataanis dargaggoonni hospitaala seenanii wallaansa COVID-19 argatan akka gar-malee dabalan taasisa.
COVID-19 ga'eessota caalaa daa'imman keessatti yeroo baay'ee caalmatti salphaa ta'us, daa'imman ammas baay'ee dhukkubsachuu fi Hiriyoota fi maatii dandeettiin dhukkuba ittisuu isaanii dadhabaa ta'e ykn karoorawwan birootin saaxilamoo ta'anitti dabarsuu danda'u.
Daa'imman COVID-19 tin qabaman “COVID-19 dheeraa” ykn dadhabbii sammuu, dadhabbii, bowwuuwwan mataa, janja'uu fi hafuurri adda cituu dabalatee mallattoowan adda hin cinne saaxilamuu danda'u. Talaalliin daa'imman fayyaa kan qabanii fi nageenya isaanii eeguf talaallin mala hunda caalaa filatamaadha.
Daa'imman COVID-19 tin qabaman carraan saaxilama for Multisystem Inflammatory Syndrome (MIS-C, Mallattoo Dhukkubii Sirna baay'ee) (Ingiliffa qofaan) tif qaban guddaadhabalaa ulfaataa ta'u mala. MIS-C haala onnee, somba, kaleewwan, sammuu, googa, ijoota ykn qaamota mar'imman garaa dabalatee kutaawwan qaamaa garagaraa itti dhukkubsataniidha. Wanti MIS-C dhaf sababa ta'u ammallee beekamuu baatus, daa'imman baay'een MIS-C dhan qabaman COVID-19 qabu ykn nama COVID-19 tin qabame cinaa turan. MIS-C cimaa ta'uu danda'a, garuu daa'imman baay'een haala kanaan qabaman wal'aansa fayyaatin itti fooyya'eera.
- Talaallichi daa'imman mana barumsa oolma daa'immanii K-12 seenaniif ni barbaachisaa?
-
Department of Health (Qajeelcha Fayyaa) utuu hin taane, Washington State Board of Health (Boordiin Fayyaa Isteetii Waashingitan) ijoollee mana barnootaa K-12 keessa jiraniif ulaagaa talaallii fudhachuu qopheessuuf aangoo qaba Revised Code of Washington (RCW, Seerota Waashingitan Fooyya’an) 28A.210.140. Yeroo kanatti Talaallii COVID-19’f ulaagaan mana barnootaaf yookaan oolmaa daa’imaaf bahe hin jiru.
- Talaallichaaf kaffaluutu narraa eegamaa?
-
Lakkii. Daa'imni keessan baasii tokko malee talaallii ni argata. Mootummaan federaalaa gatii talaallii guutuu isaa ni kaffala.
Inshuraansii fayyaa kan mootummaa yookin dhuunfaa yoo qabaattan, dhiyeessan talallii keessan kaffaltii talaallii kennuutif isaan kaffalchiisuu mala. Inshuraansii hin qabdan yoo ta'e, mootummaan federaalaa talaallii keessan akka galmeessuu sagantaa dhiyeessichaaf kaffalu ni dhiyeessa.
Kaffaltii talaallii COVID-19 kennnuutif kiisii keessanii baasuu hin qabdan yookin dhiyeessaa keessan irraa nagahee kaffaltii fudhachuu hin qabdan. Kuni namoota inshuraansii dhuuunfaa qaban, Apple Health (Medicaid), qaban, Medicare qaban, inshuraansii hin qabne irratti hojiirra oola.
- Daa'imman irratti miidhaawwan cinaa COVID-19 baraman maal faadha?
-
Rakkoowwan fayyaa yoo daa'imman COVID-19 qabaman rakkoo miidhaawwan cinaa talaallii irra baay'ee caaluu.
Akkuma talaalliwwan biroo, miidhaawwan cinaa baramoon dhukkubbii irree, dadhabbii, mataa bowwoo fi dhukkubbii maashaa fa'i. Mallattooleen dhukkubaa kanneen yeroo baay'ee salphaa kan ta'aniidha.
Yaaliiwwan kilinikaa keessatti (Ingliffa qofaan) daa'imman caalmaatti miidhaawwan cinaa kan gabaasan hamma qorichaa jalqabaa booda caalaa hamma qorichaa lamaffaa booda. Miidhaawwan cinaa walumaagalatti ciminaan salphaa irraa hamma giddugaleessaa kan turan yommuu ta'u erga talaallii fudhatanii booda guyyoota lama keessatti mul'atu akkasumas baay'een isaanii guyyoota tokko hamma lamaa keessatti ni badu.
- Talaallii mRNA keessatti qabiyyee maal faatu argama?
-
Qabiyyeewwan talaallii mRNA keessatti argaman talaalliidhaf sirriitti kan baramaniidha. Talaalliichi qabiyyeewwan biroo kan akka coomaa, ashaboo fi sukaaraa kan qabiyyee si'ooftu eegan, qaama keessatti sirriitti akka hojjetu taasisanii fi talaalicha yeroo kuusaanii fi geeji'an eeguuf kan oolan wajjiin qabiyyee si'ooftuu mRNA of keessatti qabata.
Talaallin mRNA seeliwwan namaa (seelii miciree dabalatee), vaayirasii COVID-19, latex, tursiistuu yookin oomishtoota foonii ykn gelatin dabalatee omisha haftee beeylada of keessaa hin qabu. Talaalliwwan hanqaaquu keessatti kan hin guddaannee fi oomishtoota hanqaaquu kamiyyuu of keessaa hin qabu.
Odeeffannoo dabalataa waa'ee qabiyyeewwanii argachuuf Gaaffi&Deebii; Marsariitii Children's Hospital of Philadelphia (Hospitaala Daa'immanii Filaadalfiyaa) (Ingiliffa qofaan) daawwadhaa.
- Daa'imni kiyya talaalli gosa kam fudhachuu danda'a?
-
Yeroo kanatti, gosooti talaallii Pfizer-BioNTech (Pfizer) fi talaallii COVID -19 Moderna ijoollee umrii ji’a 6 fi isaa oliif ni heyyamama. Talaalliin Novavax Emergency Use Authorization (EUA, Heyyama Itti Fayyadamaa Hatatamaa) jalattii namoota umuriin isaanii 12+ ta'eef jira.
- Daa'imni kiyya doozii dandeettii dhibee ittisuu dabalu isa/ishee ni barbaachisaa?
-
Eeyyee, namoota umurin isaanii ji’a 6 fi isaa ol ta’aniif, yeroon kan eeggate akka ta'uuf, doozin dhumaa erga kennamee ji’oota 2 booda, ittisa dabalaan mRNA haaromfame ni gorfama. Talaalliin Pfizer COVID-19 daa'imman ji'a 6-waggaa 4 amma doozii Pfizer qeenxee lamaa fi doozii Pfizer lachee tokko of keessatti qabata. Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’anii kanneen ammallee walfaannee jalqabaa Pfizer doozii-3 hin jalqabne yookin doozii sadaffaa walfaannee jalqabaa isaanii hin fudhanne amma walfaannee Pfizer haaromfame ni fudhatu. Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’an kanneen duraan doozii 3-jalqabaa walfaannee Pfizer xumuuran yeroo kanatti dooziiwwan dabalataa yookiin ittisa dabaloo fudhachuudhaf ulaagaa hin guutan.
- Mucaan kiyya dooziiwwan meeqa barbaada/ddi?
-
Daa'imman hundi yoo xiqqaate dooziiwwan 2 akka fudhatan ni gorfamu.
- Ijoolleen umrii ji’a 6 – waggaa 4 walitti aanoo jalqabaa Pfizer doozii 3 yookaan walitti aanoo jalqabaa Moderna doozii 2 ni fudhatu.
- Ijoolleen umrii waggaa 5-11 walitti aanoo jalqabaa doozii 2 ni fudhatu
- Ijoolleen umrii waggaa 12-17 walitti aanoo jalqabaa doozii 2 ni fudhatu
Ijoolleen walitti aanoo doozii-2 fudhatanii madiinummaa giddugaleessaa fi garmalee dadhabaa tahe qaban marsaa 2ffaa erga fudhatanii guyyoota 28 booda doozii walitti aanoo dabalataa tokko fudhachuu qabu akkasumas ijoolleen ji'a 6+ tahan hundi doozii si’eessituu tokko fudhachuu qabu.
Maaloo namoota sirni ittisa dhukkubaa isaanii miidhamaa ta’e ilaalchisee qajeelfamoota Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Jiddugalawwan Too'annoo fi Ittisa Dhibee) yokiin immoo marsaaratii DOH ilaalaa.
- Waa'ee talaallichaa irratti gaaffilee yoon qabaadhe eenyuuti haasa'uun qaba?
-
Ogeessa fayyaa daa'ima keesaaniitti ykn dhiyeessaa wal'aansaa amanamaatti haasa'aa, hojjattoota fayyaa hawaasatti haasa'aa ykn odeeffannoo www.CovidVaccineWA.org irratti dubbisaa.
- Daa'ima kiyyaaf talaallii eessattan argachuu danda'a?
-
Isteetin Waashingtan daa'imman umuriin isaanii hamma 18 ta'aniif talaalliiwwan gorfaman hunda kaffaltii malee dhiyeessa. Ogeessi fayyaa daa'imaa keessanii ykn kilinikni idilee talaallii COVID-19 qabaachuu isaanii gaafadhaa.
Maatiiwwan kanaan dura dhiyeessaa tajaajila fayyaa hin qabne lakkoofsa bilbilaa Help Me Grow WA Hotline 1-800-322-2588 irratti bilbiluun yookaan gara ParentHelp123.org deemuun dhiyeessii tajaajila fayyaa, kilinika, yookaan qabeenyota fayyaa kan biraa argachuu danda’u. Tajaajilli kuni bilisa, akkasumas gargaarsi afaanii jira.
Dabalataan VaccineLocator.doh.wa.gov daawwachuun filtuu fayyadamtanii iddoowwan isinitti dhiyaatan kan talaallii ijoollee qaban argachuu dandeessu.
- Daa'imni kiyya talaalliiwwan biroo kan akka Flu jiran yeroo fudhatan talaallii COVID-19 fudhachuu ni danda'uu?
-
Eeyyee. Daa'imni keessan yeroo talaalliwwan biroo fudhatan talaallii COVID-19 fudhachuu ni danda'u.
Talaalliwwan mana baruumsaa dirqama ta'an (Ingliffaa qofaan) kan daa'ima keessanii yookin talaallii COVID-19 irraa adda baasun talaalliwwan gorfaman kanneen biroo beellamuun isini hin barbaachisu. Talaallii COVID-19 tif beellama qabachuun, daa'imni keessan talaalliwan gorfaman isaanii hunda akka fudhataniif carraa gaarii uuma.
- Talaalliin COVID-19 daa'imni kiyya eegumsa daa'imaa ykn kaampiiwwan daa'immanii irratti hirmaachuf ni barbaachisaa?
-
Washington State Board of Health (Ingliffaa qofaan) manneen barumsaatii fi eegumsa daa'imaatif talaalliiwwan kam faatu akka barbaachisan ni murteessa. Yeroo kanatti talaallin COVID-19 mana barumsaatif ykn eegumsa daa'imaatif barbaachisu hin jiru.
Kaampiiwwan daa'immaniitif, ulaagaaleen isaanii maal akka ta'e baruuf dhaabbata kaampicha hojjechiisuu irra mirkaneeffadhaa.
- Talaalliiwwan kunneen ijoolleef naga qabeessaa fi sirriitti kan hojjetan tahuu akkamiin hubanna?
-
Talaaliiwwan COVID-19 nagaa ta’uu isaanii mirkaneessuuf, Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Jiddugalawwan Too'annoo fi Ittisa Dhibee) n dandeettii To’annoo nageenya talaalliibal’isuun jabeesseera. Sababa Kanaaf, ogeessonni nageenya talaallii dhimmoota yeroo yaalii talallii COVID-19 hin ka’iin yokiin hin argamiin ni to’atu ni qoratu.
Pfizer:
Ijoollee umrii ji’a 6-waggaa 4
- Ijoolleen umrii ji’a 6 hanga waggaa 4 tilmaamaan 4,500 tahan yaalii kilinikaa talaallii COVID-19 Pfizer keessatti hirmaataniiru. Deebiin madiinummaa gareen umrii kanaa doozii walitti aanoo 3’tti agarsiisan deebii madiinummaa hirmaattota umrii guddaa wajjin walfakkaata. Qorannicha itti fufaa jiru keessatti miidhaawwan cinaa cimaa hoomtu hin argamne.
Daa'imman umurii 5-11
- Tilmaaman daa'imman umuriin isaanii 5 hamma 11 ta'e 3,100 yaaliiwwan kilinikaa keessatti talaallii COVID-19 Pfizer fudhataniiru. Qorannicha itti fufaa jiru keessatti miidhaawwan cinaa cimaa hoomtu hin argamne.
- Deebiiwwan dandeetti dhukkuba ittisuu daa'imman umurin isaaniii 5 hamma 11 ta’ei kan namoota umuriin isaanii 16 hamma 25 ta'e wajjiin dorgomaa turan.
- Talaallichi daa'imman 5 hamma 11 ta'an irratti COVID-19 hir'isuu irratti gara 91% bu'a qabeessa ture.
Daa'imman umurii 12-15
- Hirmaattonni 2,260 kan umuriin isaanii 12 hamma 15 ta'e yuunaayitid isteet keessatti yaalii kilinikaa itti fufaa carraan gareetti ramadamuu, kan garee lamaatif galma'aniiru.
- Kanneen keessaa, hirmaattonni dardaroota ta'an 1,131 talaalicha fudhataniiru, akkasumas 1,129 saline placebo fudhataniiru. Hirmaattonni walakkaadhaa ol ta'an hamma qorichaa (doozii) lammaaffatti aanee yoo xiqqaate ji'oota lamaaf nageenyummaadhaf hordofamaa turan.
Moderna
Ijoollee umrii ji’a 6-waggaa 5
- Ijoolleen umrii ji’a 6 hanga waggaa 6 gadii tilmaamaan 6,300 tahan yaalii kilinikaa talaallii COVID-19 Moderna keessatti hirmaataniiru. Garee umrii kana keessatti talaallichi COVID-19 ittisuuf 50% hojjechuu danda’a. Qorannicha itti fufaa jiru keessatti miidhaawwan cinaa cimaa hoomtu hin argamne.
Daa'imman umurii 6-11
- Ijoolleen umrii waggaa 6-11 tilmaamaan 4,000 tahan yaalii kilinikaa talaallii COVID-19 Moderna keessatti hirmaataniiru. Deebiin madiinummaa gareen umrii kanaa agarsiisan deebii madiinummaa namoota gaheeyyii wajjin wal madaala. Qorannicha itti fufaa jiru keessatti miidhaawwan cinaa cimaa hoomtu hin argamne.
Daa'imman umurii 12-17
- Hirmaattonni waggaa 12-17 tilmaamaan 3,700 tahan yaalii kilinikaa talaallii COVID-19 Moderna keessatti hirmaataniiru. Talaallichi garee umrii kana keessatti 93%’n COVID-19 ittisuuf dandeettii qaba. Qorannicha itti fufaa jiru keessatti miidhaawwan cinaa cimaa hoomtu hin argamne.
Novavax
Daa'imman umurii 12-17
- Hirmaattonni waggaa 12-17 tilmaamaan 2,200 tahan yaalii kilinikaa talaallii COVID-19 Novavax keessatti hirmaataniiru. Talaallichi garee umrii kana keessatti 78%’n COVID-19 ittisuuf dandeettii qaba. Qorannicha itti fufaa jiru keessatti miidhaawwan cinaa cimaa hoomtu hin argamne.