Doozii Talaallii Dandeettii Dhibee Ittisuu Dabalu

Qabiyyeen yeroo dhumaaf kan haaromfame Muddee 9, 2022

Akkuma ulaagaa guuttaniin dooziiwwan talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabalu ilaalchisee odeeffannoo waqtaawaa qabaachuun dhukkuba hamaa fi du’a sababa COVID-19 tiin dhufu hunda caalaa sirriitti kan ittiin ittisaniidha.

Center for Disease Control and Prevention (CDC) yaadota gorsaa ittisa dabalaa akka armaan gaditti haaressee jira:

  • Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 5 talaallii walfaannee jalqabaa qeenxee Moderna COVID-19 erga fudhatanii xumuuranii ji’oota lama booda, ittisa dabalaa lachee haaraa argachuuf ulaagaa ni guutuu. 
  • Talaalliin Pfizer COVID-19 daa'imman ji'a 6-waggaa 4 amma doozii Pfizer qeenxee lamaa fi doozii Pfizer lachee tokko of keessatti qabata.
    • Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’anii kanneen ammallee walfaannee jalqabaa Pfizer doozii-3 hin jalqabne yookin doozii sadaffaa walfaannee jalqabaa isaanii hin fudhanne amma walfaannee Pfizer haaromfame ni fudhatu
    • Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’an kanneen duraan doozii 3-jalqabaa walfaannee Pfizer xumuuran yeroo kanatti dooziiwwan dabalataa yookiin ittisa dabaloo fudhachuudhaf ulaagaa hin guutan
  • Talaallii walfaannee jalqabaa fudhatanii xumuuran taanan akkasumas ittisa dabalaa COVID-19 kana dura hin fudhanne yoo ta'e—ittisa dabalaa mRNA haaroomfamaa fudhachuu kan hin dandeenye yookan kan hin fudhanne yoo ta'e, ittisa dabaloon COVID-19 Novavax ga'eessotaaf ni jiru
Fudhattaniirtu yoo ta’e… Humneesituu eenyutu fudhachuu qaba Humneessituu kam Humneessituu yoom fudhachuu qaba
Pfizer-BioNTech Namoota umurii 5 fi isaa olii

Daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 ta'ee Pfizer fudhatan ittisa dabalaa Pfizer lachee haaromfame qofa fudhachuu danda’u.

Namoonni umuriin isaanii waggaa 6 fi sanaa olii, walfaannee jalqabaa isaanii irratti osoo hin hundaa'in, ittisa dabalaa Pfizer yookin Moderna lachee haaraa fudhachuu qabu.

Erga walfaannee jalqabaa xumuranii booda yoo xiqqaate ji'a 2 ykn doozii talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu dura
Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhaf filachuu danda'u. Novavax: Erga walfaannee jalqabaa xumuurtanii booda yoo xiqqaate ji'oota 6
Moderna Namoota umurii Ji'a 6 olii

Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’an doozii lachee haaromfame kan biraandii isa jalqabaatin walfakkaatu fudhachuu qabu.

Namoonni umuriin isaanii waggaa 5 fi sanaa olii, walfaannee jalqabaa isaanii irratti osoo hin hundaa'in, ittisa dabalaa Pfizer yookin Moderna lachee haaraa fudhachuu qabu.

Erga walfaannee jalqabaa xumuranii booda yoo xiqqaate ji'a 2 ykn doozii talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu dura
Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhaf filachuu danda'u. Novavax: Erga walfaannee jalqabaa xumuurtanii booda yoo xiqqaate ji'oota 6
Novavax Namoota umurii 12 fi isaa olii Namoota umuriin isaanii 12 fi isaa ol ta'e talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu Pfizer ykn Moderna kan farra gosa COVID-19 lamaa haaromfame fudhachuu qabu. Erga walfaannee jalqabaa xumuranii booda yoo xiqqaate ji'a 2 ykn doozii talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu dura
Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhaf filachuu danda'u. Novavax: Erga walfaannee jalqabaa xumuurtanii booda yoo xiqqaate ji'oota 6
Johnson & Johnson* Namoota umurii 18 fi isaa olii Namoota umuriin isaanii 18 fi isaa ol ta'e talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu Pfizer ykn Moderna kan farra gosa COVID-19 lamaa haaromfame fudhachuu qabu. Erga walfaannee jalqabaa xumuranii booda yoo xiqqaate ji'a 2 ykn doozii talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu dura
Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhaf filachuu danda'u. Novavax: Erga walfaannee jalqabaa xumuurtanii booda yoo xiqqaate ji'oota 6

Talaalliiwwan *mRNA filatamoodha, garuu talaalliin COVID-19 Johnson & Johnson yoo isin talaallii biraa argachuu hin dandeenye ykn hin barbaanne taatan ammas ni argama.

Dooziiwwan namoota dandeettiin dhukkuba ittisuu isaanii miidhameef

Yoo dandeettin dhukkuba ittisuu keessan haala giddu galeessa ta'en ykn daraan kan miidhame ta'e, qajeelfamoonni garaagarummaa qabaachu malu.

Kan fudhattan yoo ta’e… Doozii dabalataa fudhachuun qabaa? Talaallii dandeettii dhukkuba ittisuu dabalu argachuu nan danda'aa?
Pfizer: Dooziiwwan lamaan kan umuriin isaanii 5 fi isaa ol ta'eef guyyoota 21 adda fageessun kennaman Eeyyee, namoonni umuriin isaanii 5+ ta'e kan dandeettin dhukkuba ittisuu isaanii haala giddu galeessa ta'een ykn daraan miidhame lilmoo 2ffaa isaanii booda guyyoota 28'f doozii dabalataa argachuu qabu.

Eeyyee, namoota umurin isaanii Namoota umurii 5 fi isaa olii fi isaa ol ta’aniif, yeroon kan eeggate akka ta'uuf, doozin dhumaa erga kennamee ji’oota 2 booda, ittisa dabalaan mRNA haaromfame ni gorfama.

Daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 ta'ee Pfizer fudhatan ittisa dabalaa Pfizer lachee haaromfame qofa fudhachuu danda’u.

Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e erga walfaannee jalqabaa xumuuranii ji'oota 6 taanan, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhafis filachuu danda'u.

Pfizer: Dooziin sadii ijoollee umrii ji’a 6 haga waggaa 4 tahaniif ni kennama. Dooziiwwan jalqabaa lamaan garaagarummaa guyyoota 21’n akkasumas doozii sadaffaan doozii lammaffaa booda torbanoota 8 booda kennama. Lakki, ijoolleen umrii ji’a 6 hanga waggaa 4 tahanii madiinummaa giddugaleessaa fi garmalee dadhabaa tahe qaban yeroo kanatti doozii jalqabaa dabalataa fudhachuu hin qaban. Lakki, doozin lachee haaromfame warra umuriin isaanii ji’a 6 hanga waggaa 4 ta'e kanneen kanaan durumaan walfaannee Pfizer jalqabaa xumuuraniif hin eeyyamamu.
Moderna Dooziiwwan lamaan kan umuriin isaanii ji’a 6 fi isaa ol ta'eef guyyoota 28 adda fageessun kennaman Eeyyee, namoonni umuriin isaanii ji’a 6+ ta'e kan dandeettin dhukkuba ittisuu isaanii haala giddu galeessa ta'een ykn daraan miidhame lilmoo 2ffaa isaanii booda guyyoota 28'f doozii dabalataa argachuu qabu.

Eeyyee, namoota umurin isaanii ji’a 6 fi isaa ol ta’aniif, yeroon kan eeggate akka ta'uuf, doozin dhumaa erga kennamee ji’oota 2 booda, ittisa dabalaan mRNA haaromfame ni gorfama.

Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’an doozii lachee haaromfame kan biraandii isa jalqabaatin walfakkaatu fudhachuu qabu.

Namoonni umuriin isaanii waggaa 5 fi sanaa olii, walfaannee jalqabaa isaanii irratti osoo hin hundaa'in, ittisa dabalaa Pfizer yookin Moderna lachee haaraa fudhachuu qabu.

Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e erga walfaannee jalqabaa xumuuranii ji'oota 6 taanan, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhafis filachuu danda'u.

Johnson & Johnson Doozii tokko, kan umuriin isaanii 18 fi isaa ol ta'eef kan eeyyamaaman* Eeyyee, namoonni umuriin isaanii 18+ ta'e kan dandeettin dhukkuba ittisuu isaanii haala giddu galeessa ta'een ykn daraan miidhame doozii J&J 1ffaa isaanii booda guyyoota 28'f doozii dabalataa talaallii mRNA wajjiin argachuu qabu.

Eeyyee, talaalliin dandeettii dhibee ittisuu dabalu mRNA farra gosa COVID-19 lamaa haaromfame namoota umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta'eef waqtaawaa ta'uuf doozii dhumaa booda ji'oota 2 booda gorfama.

Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e erga walfaannee jalqabaa xumuuranii ji'oota 6 taanan, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhafis filachuu danda'u.

Novavax: Dooziiwwan lamaan kan umuriin isaanii 12 fi isaa ol ta'eef guyyoota 21 adda fageessun kennaman Lakkii, namoonni dandeettin dhukkuba ittisuu isaanii giddu-galeessan yookan garmalee hir’ate, yeroo kanatti doozii jalqabaa dabalata ta'e fudhachuu hin qaban.

Eeyyee, talaalliin dandeettii dhibee ittisuu dabalu mRNA farra gosa COVID-19 lamaa haaromfame namoota umuriin isaanii waggaa 12 fi isaa ol ta'eef waqtaawaa ta'uuf doozii dhumaa booda ji'oota 2 booda gorfama.

Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e erga walfaannee jalqabaa xumuuranii ji'oota 6 taanan, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhafis filachuu danda'u.

Talaalliiwwan *mRNA filatamoodha, garuu talaalliin COVID-19 Johnson & Johnson yoo isin talaallii biraa argachuu hin dandeenye ykn hin barbaanne taatan ammas ni argama.

Gaaffilee Yeroo Heddu Gaafatanan

Doozii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu kiyyaaf biraandii talaallii wal fakkaataa fudhachuun qabaa?

Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’an doozii lachee haaromfame kan biraandii isa jalqabaatin walfakkaatu fudhachuu qabu.

Daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 ta'ee Pfizer fudhatan ittisa dabalaa Pfizer lachee haaromfame qofa fudhachuu danda’u.

Daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 Moderna fudhatan Moderna yookin ittisa dabalaa Pfizer lachee haaromfame fudhachuu danda’u.

Namoonni umuriin isaanii waggaa 6 fi sanaa olii, walfaannee jalqabaa isaanii irratti osoo hin hundaa'in, ittisa dabalaa Pfizer yookin Moderna lachee haaraa fudhachuu qabu.

Ittisa dabalaa mRNA kan hin fudhatinii fi fudhachuus hin dandeenye taanan, namootni umuriin isaanii 18 ykn sanaa ol ta'e, ittisa dabalaa Novavax fudhachuudhaf filachuu danda'u.

Talaalliwwan dandeettii dhibee ittisuu dabalan maalif barbaachisoo ta’an?

Dooziwwan dandeettii dhibee ittisuu dabalan namoonni dhibee COVID-19 cimaadhaf baay’ee saaxilamoo ta’an baay’ee akka hin dhukkubsanne isaan gargaara. Dooziwwan talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabalan duraan uummatoota COVID-19 hammaatadhaaf saaxilama ol'aanaa irraa jiran qofaaf gorfamu ture, garuu dhibee COVID-19 irraa of ittisuu dabaluu gargaaruf gorsichi nama umuriin isaa/ishee ji’a 6  fi isaa ol ta'e hunda akka hammatuuf bal'ateera.Kuni keessattuu daballii gosa vaayirasii caalatti daddarbanii fi namoota United States keessaatti COVID-19 dhan qabaman wajjiin barbaachisaadha.

Talaalliwwan COVID-19 United States keessatti akka kennaman eeyyamni kennameef ykn raggaasifaman COVID-19 dhan dhukkuba baay’ee cimaa, dhukkubsatanii hospitaala ciisuu yookin du’uu hir'isuu irratti ammas bu'a qabeessaadha, gosa vaayirasii biroo dabalatee jechuudha. Ammas, Talaalliiwwan amma jiran adeemsa keessa gadi bu'uu dandeettii ittisuu isaanii wajjiin wal qabachuu malu. Dooziwwan

Hammayyuu namoota walitti aanoo jalqabaan talaalsisaa jirtuu?

Yes. Namoonni hundi kanneen ulaagaa guutan talaallii COVID marsaa duraa (doozii 1 kan Johnson & Johnson yookin doozii 2 kan Pfizer yookin kan Moderna akka fuhatan gochuun xiyyeeffannoo jalqabaati. Namoonni talaallii hin fudhanne kanneen fudhatan waliin wal bira qabamee gaafa ilaalamu carraan dhukkubsatanii ciisuu isaanii harka 10 hanga 22 ni caala. Namoonni talaallii fudhatan kanneen talaallii hin fudhatin wajjin gaafa wal bira qabamu carraan dhibee COVID-19’n baay’ee dhukkubsachuu isaanii baay’ee xiqqaadha (yookin hin dhukkubsatan. Talaallii fudhachuun namoonni akka hin dhukkubsanne akkasumas mallattoo dhibee yeroo dheeraa turu kanneen COVID-19 dhukkubsatan caalaa to 50% ittisa.

Doozii dandeettii dhibee ittisuu dabalu yoo barbaanne, kana jechuun talaalliwwan hpjii hin qaban jechuudhaa?

Lakki. Talaalliwwan COVID-19 yeroo ammaa United States keessatti qabnu gosa vaayirasii biraatif illee, dhibee cimaa, dhukkubsatanii hospitaala ciisuu, fi du’a ittisuu irratti haala gaaridhaan hojjataa jira. Haa ta’u malee, beektonni fayyaa hawaasaa dhukkuba COVID-19 salphaa fi giddu galeessa ta'eef ittisa hir'ate argaa jiru, keessumattuuu uummata balaa cimaa irra jiran giddutti.

Ittisa dabaloon haaroomfaman madinummaa guddisuu fi omicron irraa akka gaaritti eeguf kan haaroomfamaniidha. Eeggannoo gaaridhaaf dooziiwwan eeraman hundaa fudhachuun gaaridha.

Doozii dandeettii dhibee ittisuu dabalu hin fudhanne yoon ta’e, talaallii guutuu fudhadheera jechuudhaa?

Ati walfaannee talaallii COVID-19 hundaa fudhattee xumuurte taanan akkasumas doozii ittisa dabalaa CDC dhan eerame isa dhihoo fudhattee jirta taanan, talaalliin COVID-19 keewaqtaawaadha jechuudha.

Doozii dandeettii dhibee ittisuu dabalu fudhachuudhaf kanan malu ta’uu koo akkamittan beeka?

Doozii dandeettii dhibee ittisuu dabalu fudhachuudhaf ofii keessanii gaafachuu ni dandeessu. Ogessa fayyaa irraa ragaa fiduun isin irraa hin eegamu.

Ogeessi fayyaa (provider) talaallii Pfizer doozii lama fudhachuu keessan akka mirkaneessuuf kaardii talaallii keessan beellama doozii dandeettii dhibee ittisuu dabaluutti geessaa. KKaardii hin qabdan yoo ta’e, ogeessi fayyaa galmee keessan ni ilaala.

Garaa garummaan doozii talaallii dabalataa fi doozii talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu gidduu jiru maalidha?

Dooziin dabalataa dhukkubsattoota tokko tokkoof (gabatee armaan olii ilaalaa) kanneen talaallii jalqabaa walitti fufaa xumuran garuu maadinummaa qaamaa cimaa hin qabneef.Doozin dandeettii dhibee ittisuu dabalu dhukkubsattoota doozii marsaa jalqabaa erga fudhataniin booda dandeettin dhibee ittisuu isaanii dadhabaa deemef kennama.

Dandeettii dhibee ittisuu dadhabaa qabaachuu jechuun maal jechuudha?

Namoonni dandeettiin dhibee ittisuu isaanii dadhabaa ta'ee fi talaallii COVID-19 mRNA doozii lama ykn talaallii J&J doozii tokko kan fudhatan.

Rakkoowwan fayyaa armaan gadii kamiyyuu yoo qabaattan, nama dandeetti dhibee ittisuu dhabuu giddu galeessaa hanga cimaa ta’e qabu jedhamtu.Doozii talaallii COVID-19 dabalataa irraa fayyadamaa ta’uu maltu. Kuni namoota armaan gadii of keessatti qabata:

  • Kanneen waldhaansa kaansarii sammuu (tumor) fi kaansarii dhiigaa fudhataa jiran
  • Kanneen waldhaansa qaama bakka buusuu (organ transplant) hojjachiifatanii fi mala dhibee ittisuu (immune system) gadi qabuuf qoricha fudhataa jiran
  • Waggaa 2 darban keessa seelii bu’uuraa (stem cell) hojjachiifatan yookin mala dhibee ittisuu (immune system) gadi qabuuf qoricha fudhataa jiran
  • Hanqina dandeettii dhibee ittisuu giduu galeessa yookin cimaa ta’e (kanneen akka DiGeorge syndrome, Wiskott-Aldrich syndrome) qaban
  • Infeekshinii HIV cimaa ta’e yookin hin yaalmane qaban
  • Kartikoostirooyidii doozii guddaa yookin qorichoota biroo mala dhibee ittisuu (immune system) gadi qabuuf fayyadan wajjin waldhaansa fudhataa kan jiran

Talaalliwwan nuti qabnu gosoota vaayirasii ittisuu irratti 90% bu’a qabeessa yoo ta’an, namoota dandeettin dhibee ittisuu isaanii giddu galeessa hanga baay’ee dadhabaa ta’e yeroo hunda dandeettii dhibee ittisuu cimaa horachuu akka hin dandeenye ragaalen ni agarsiisu. Doozin sadaffaan akka buustarii (talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluutti) hin ilaalamu, garuu warren doozii marsaa lamaatin dandeettii dhibee ittisuu cimaa horachuu hin dandeenyef akkasitti ilaalama.

Rakkoolen fayyaa cimoo ta’an maal fa’i?

Namoonni umurii kam keessayyuu jiran kan rakkoolee armaan gaditti tarreeffaman qaban (Ingiliffa qofa) COVID-19 baay’ee dhibamuu danda’u. Dhibee cimaa jechuun namni COVID-19 qabame:

  • Dhukkubsatee hospitaala ciisuu mala
  • Waldhaansa addaa barbaaduu mala
  • Harganuu akka danda’aniif ventileetarii isaan barbaachisuu mala
  • Du’uu danda’a

Talaalliwwan COVID-19 (dooziwwan jalqabaa fi dandeettii dhibee ittisuu dabalan) fi malootni biroo COVID-19 ittiin ittisan barbaachisoodha, addumatti umuriin yoo dulloomtan yookin kanneen as irratti tarreeffaman dabalatee rakkoolee fayyaa heddu yookin cimaa ta’e yoo qabaattan. Tarreeffamni kun rakkoolee fayyaa COVID-19 baay’ee dhukkubsachuudhaf isin saaxilan hunda of keessatti hin hammatu. Rakkoo fayyaa asitti hin eeramne yoo qabaattan, rakkoo fayyaa qabdan akkamitti akka to’attanii fi COVID-19 irraa of eeguf ogeessa fayyaa keessan waliin dubbadhaa.

  • Kaansarii
  • Dhibee kalee baay’ee cimaa
  • Dhibee tiruu baay’ee cimaa
  • Dhibee sombaa baay’ee cimaa
  • Dhibee sammuu (Dementia) yookin rakkoolee niwuroolojii kanneen biroo
  • Dhibee sukkaaraa (gosa 1 yookin 2)
  • Boca qaamaa uumamaan sirrii hin taane (down syndrome)
  • Rakkoo onnee
  • Dhibee/infeekshinii HIV
  • Sadarkaa dandeettin dhibee ittisuu dadhabaa ta’uu irra gahuu (dandeetti dhibee ittisuu dadhabaa ta’e)
  • Rakkoo fayyaa sammuu
  • Ulfaatina humnaa olii fi furdachuu
  • Ulfa
  • Dhibee seelii dhiiga diimaa yookin talaasemiyaa
  • Tamboo aarsuu, amma yookin duraan
  • Waldhaansa orgaaniizimii qaama keessaa jabaataa (solid organ) yookin Seelii hidda dhiigaa jijjiiruu
  • Istirookii yookin dhibee serebiroovaaskularii, sochii dhiigna gara sammuutti taasisu kan miidhu
  • Rakkoowwan wantoota araada namatti fayyadaman fayyadamuu
  • Dhibee daranyoo sombaa
Namoonni gariin yookaan garmalee hirdhina madiinummaa qaamaatiin hubaman dooziiwwan kanneen fudhachuuf ajaji hakiimaa yookaan sanadi biraa ni barbaachisaa?

Lakki, namni kamuu bakka talaalliiwwan itti kennaman kamuu deemuun doozii hundumaa adda baafachuun fudhachuu ni danda’a. Kunis hawaasichi qaqqabiinsa isaa akka argatuuf gufuun dabalataa akka hin jiraanne kan mirkaneessudha. Namoonni hirdhina madiinummaa qaamaatiin hubaman haalota fayyaa isaaniin walqabate irratti gaaffilee yoo qabaatan, doozii dabalataa fudhachuun isaaniif kan tolu ta’uusaa dhiyeessaa tajaajila kunuunsa fayyaa isaanii wajjiin mari’achuu ni danda’u.