Dhaabbileen daldalaa, sagantaaleni fi qacartoonni talaallii COVID-19 dirqama gochaa jiru. Mirkaneessi arman gadii Washington keessatti fudhatama qaba. Bakkeewwan tokko tokko kanneen armaan gaditii tarreeffaman keessaa tokko qofa fudhachuu malu.
Seera manichaa kabajuun ragaa mirkaneessa talaallii fudhachuu isaan si gafatan itti agarsiisuf dursaa of qopheessaa.
Kaardii Galmee Talaallii COVID-19 CDC
- Ragaalee orjinaalaa, koppiiwwan, yookin suurawwan bilbila irra jiran ni fudhatamu.
- Talaallii guutuu fudhachuun fudhatama kan argatu doozii dhumaa fudhattanii torban lama boodadha:
- Johnson & Johnson: Doozii tokko, kan umuriin isaanii 18 fi isaa ol ta'eef kan eeyyamaaman
- Moderna: Dooziiwwan lamaan kan umuriin isaanii ji’a 6 fi isaa ol ta'eef guyyoota 28 adda fageessun kennaman
- Novavax: Dooziiwwan lamaan kan umuriin isaanii 12 fi isaa ol ta'eef guyyoota 21 adda fageessun kennaman
- Pfizer: Dooziin sadii ijoollee umrii ji’a 6 haga waggaa 4 tahaniif ni kennama. Dooziiwwan jalqabaa lamaan garaagarummaa guyyoota 21’n akkasumas doozii sadaffaan doozii lammaffaa booda torbanoota 8 booda kennama.
- Pfizer: Dooziiwwan lamaan kan umuriin isaanii 5 fi isaa ol ta'eef guyyoota 21 adda fageessun kennaman

Waa'ee kaardii talaallii keessan sirnaan qabuu ilaalchisee odeeffannoowwan barbaachisoo armaan gadii ilaalaa:
- GODHAA kaardii talaallii keessan hanga talaallii marsaa hundumaa fudhattanittis ta'ee sana booda sirnaan qabuu qabdu.
- GODHAA kaardii talaallii keessan duraa fi duuban koppii gochuun of harkatti qabadhaa. Albamii uumun, yookin yeroo barbaaddan salphaatti akka argachuu dandeessanitti suura kaastan sana taagii/mallattoo itti gochuun e-mail keessan irratti ergaa.
- GODHAA tokko of harkatti qabachuu yoo barbaaddan suura kaasaa.
- HIN gatinaa yookin buusinaa!
- Kaardoo keessan agarsiisaa suura kaatanii onlaayinii HIN maxxansinaa. Bakka isaa suura of kaasudhaan Istiikarii dijitaalaa keenya fayyadamaa #vaccinateWA yookin #wadoh barbaadudhaan! @WADeptHealth taag gochuu hin dagatinaa.
- Kaardii keessan orijinaala isaa laamineet HIN godhinaa. Koppii isaa of harkatti qabchuudhaf laaminet gochuu ni dandeessu.
Waraqaa Ragaa Talaallii COVID-19 yookin Koodii QR

Sample A:
Waraqaa Ragaa Talaallii COVID-19. MyIRmobile.com irraa argachuun ni danda'ama.

Sample C:
Koodin QR appilikeeshinii moobaliyilii nama ragga'eefii irratti mul'ata. (Appilikeeshiniiwwan garaa gara ta'uu malu)
Waraqaa Mala Odeeffannoo Talaallii Naannoo WA
- Unki Certificate of Immunization Status (CIS, Waraqaa Ragaa Sadarkaa Talaallii) Washington State Immunization Information System irraa piriint godhama.
- Galmeewwan harkaan barreeffama hanga ogeessa fayyaan hin mallatteeffamnetti fudhatama hin qabaatan.

Akka ragaa seera qabeessa talaallii COVID-19 tti waanti biraa fudhatamu maalidha?
- Galee ragaa meedikaalaa mirkanaa'e kan ogeessa fayyaa irraa kenname dabalata