WA Notify Ergaa Barreeffamaa

Yaadachiisi barreeffamaa yookaan bilbilaa Washington state Depart-ment of Health (DOH, Qajeelcha Fayyaa isteetii Waashingiten) irraa isin gaheera?

Ergaalee barreeffamaa/yaadachiisawwan bilbilan isin qaqqabuu malan gosoota lamatu jira.

Akeekkachiisa qorannoo COVID-19’n poositivii:

DOH yaadachiisa fi/yookin ergaa gabaabaa liinkii mirkaneessaa wajjin lakkoofsawwan bilbilaa qorannoo COVID-19 ppozitiivii ta'ee fi DOH tti gabaafameef ni erga. Yaadachiisi kun utuu eenyummaa ofii hin mul’isin fayyadamtoota WA Notify kan biroo akka isaan COVID-19’f saaxilamuu malan akkamiin akka beeksistan odeeffannoo kenna.

Yoo isin fayyadamaa WA Notify taatan, utuu eenyummaa ofii hin mul’isin fayyadamtoota kan biroo waa’ee saaxilamummaa jiraachuu maluu beeksisuuf yaadachiisa sana tuquu yookaan hidha ergaa barreefamaa keessaa cuqaasuun tarkaanfilee itti aanaan WA Notify keessatti hordofuu dha.

WA Notify fayyadamaa miti yoo taatan, ergaa gabaabaa dhufu dhiisuu dandeessu. Akkamitti akka bilbila keessanitti feetan baruu dabalatee waa'ee WA Notify baruu yoo barbaaddan, WANotify.orgilaalaa

Fayyadamtoonni WA Notify kanneen qorannoo ofiin godhamu (kan qorannoo manattii jedhamuun beekamu) fayyadamanii COVID-19’f posatiivii ta’an akka COVID-19’f saaxilamuu malan utuu of hin beeksisin fayyadamtoota WA Notify kan biroo beeksisuuf koodii mirkaneeffannaa gaafachuu danda’u. Kutaa “Yoo qorannoo COVID-19 dhuunfaan godhamuun posatiivii taatan akkamiin namoota biraa akka hubachiistanWANotify.orgirraa ilaalaa.

Akeekkachiisa COVID-19’f saaxilamuu danda’uu

Fayyadamtoonni WA Notify kanneen tarii saaxilamanii turan akeekkachiisa saaxilamummaa isaan qaqqaba.

Ergaan barreeffamaa fi akeekkachiisichi maal fakkaata?

Akeekkachiisa qorannoo COVID-19'n poositivii ta'uu

Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

pop up notification screenshot

 

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa

Qorannoo COVID-19 Keessan Qoodaa

Namoonni kan biroo COVID-19 saaxilamuu akka hin oolle icciitidhaan akka baran gochuuf as tuqaa. Fayyummaa hawaasa keessanii eeguf sadarkaalee kana eegaa. Odeeffannoon dhuunfaa keessan nama biraaf hin qoodamu.

Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

text message screenshot

 

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa

Message from (Mensaje del) WA Dept. of Health:

This number was given for a recent COVID-19 test. If this phone uses WANotify AND belongs to the person tested, please click the link within 24 hours. Follow the steps to anonymously alert others who may have been exposed.

https://us-wa.en.expressly/v?c=8w5io5c38ipo24fc

Se dio este numéro para una prueba reciente de COVID-19. Si este teléfono usa WANotify Y es de quien se hizo la prueba, haga clic en el enlace en las próximas 24 horas. Siga los pasos para alertar anónimamente a quienes tal vez hayan sido expuestos.

NOT the person tested? Need more information? Visit wanotify.org/text

¿NO es quien se hizo la prueba? ¿Desea más información? Visite notificawa.org/texto

Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

text message screenshot

 

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa

Message from WA Dept. of Health:

If this phone uses WANotify AND belongs to the person tested, please click the link within 24 hours. Follow the steps to anonymously alert others who may have been exposed.

https://us-wa.en.expressly/v?c=5b56h13n80q9onll

NOT the person tested? Need more information? Visit wanotify.org/text.

Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

text message screenshot

 

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa

Mensaje del Departamento de Salud del Estado de Washington:

Si este teléfono usa WANotify Y es de quien se hizo la prueba, haga clic en el enlace en las próximas 24 horas. Siga los pasos alertar anónimamente a quienes tal vez hayan sido expuestos.

https://us-wa.en.expressly/v?c=dvo8iije3v33saoj

¿NO es quien se hizo la prueba? ¿Desea más información? Visite notificawa.org/texto.

Akeekkachiisa COVID-19'f saaxilamuu danda'uu

Fakkii ergaa barreeffamaa fi akeekkachiisaa

exposure notification screenshot

Qabiyyee akeekkachiisa fi ergaa gabaabaa

Tarii COVID-19 dhaaf saaxilamtaniirtu ta'a

Dhiyeenyatti nama COVID-19'n qabametti dhiyoo turte. Itti aansun waanti gootan murteessadha waan ta'eef nuti ammoo isin gargaaruf qophiidha. Caalmatti baruudhaaf bakka kana cuqaasa.

Yoo ergaan barreeffamaa yookaan yaadachiisin na gahe maal gochuun qaba?

Itti fayyadamtoonni WA Notify utuu of hin mul’isin bu’aalee isaanii mosaajicha/app’cha keessatti mirkan-eessuuf hidha ergaa barreeffamaa keessa jiru cuqaasuun yookaan yaadachiisa sana tuquun tarkaanfilee itti aanan hordofuu qabu. Kun utuu ofii hin mul’isin fayyadamtootni WA Notify kan biroon yeroo dhiyootti naannoo saaxilamummaa COVID-19 jiraachuu malu akka turan yaadachiisa. Fayyadomtootni WA Notify bu’aa qorannoo isaanii dhoksaadhan akka mirkaneessan eeyyamuun tatamsa’inni COVID-19 hatattamaan akka ittifamu taasisa. Yeroo adeemsa qorannoo dhibee (case), Biiroon fayyaa hawaasaa liinkii mirkaneessaa (verification link) fi koodii laachuu dhiyeessuu ni danda’a.

Doktara waldhaansa isiniif laatu (primary doktor) yookin ogeessa qorannoo isiniif taasisu kan qunnamtan:

  • Ergaa gabaabaa fi/yookin akeekkachiisa (notification) yoo isin qaqqabe, garuu ammoo bu'aa qorannoo keessan hin fudhanne yoo ta'e, yookin
  • waa'ee bu'aa qorannoo keessanii gaaffii yoo qabaattan

Gaaffilee yeroo hunda gaafataman

Erga WA Notify eenyu akkan ta'e hin beeku ta'ee, akkamiti ergaa gabaabaan fi/yookin akeekkachiisni na dhaqqabuu danda'e?

Ergaan gabaaba fi akeekkachiisni DOH dhaan ergaman malee WA Notify dhaan miti. DOH namoota COVID-19'n qabaman hundumaaf ergaa gabaabaa fi/yookin akeekkachiisa ni erga, sababni isaa eenyu text and/or a notification to everyone who tests positive for WA Notify akka fayyadamu hin beeknu waan ta'eef. WA Notify fayyadamaa hin jirtan yoo ta'e, ergaa gabaaba fi akeekkachiisa dhiisuu (ignore) dandeessu.

DOH akkamiin nama ergaa barreeffamaa yookiin yaadachiisa erguuf baruu danda’a?

Akka seeratti, bu’aaleen qorannoo dhibee daddarbaa hundinuu bayyaaf gabaafamuu qabu, odeeffannoo tuttuuqqii wajjin jechuudha. DOH nama dhukkubaan qabame qorachuufi tuqaa hordofuuf (Ingiliffa qofaan) geggeessuun tamsa’ina dhibee dhaabuuf odeeffannoo kana fayyadama. Namoota qoratamanii poositiivii ta’an akeekkachiisun yookin hubachisun, fayyadamtoonni WA Notify namoonni biroo saaximauu akka danda’an dafanii akeekkachiisa dhoksaadhan akka kennaniif isaan dandeessisa.

Ani WA Notify fayyafamaa hin jiru. Maalif ergaa barreeffama natti ergite?

DOH namoota dhiyeenyatti COVID-19'n qabamaniif ergaa barreeffamaa fi/yookin akeekkachiisa (pop-up notification) bilbila isaanii irratti ergaaf.

DOH kan beeku kanneen poositiivii ta'an qofaadha – eenyu WA Notify akka fayyadame hin beeknu. Namoota hundumaatti ergaa gabaabaa erguudhan, fayyadamtoonni WA Notify namoonni kan biroo akka hin saaximane akkeekkachiisa saffisaan erguudhan namoota heddu baraaruu ni dandeenya.

Fayyadamaa WA Notify yoo hin taane, homaa gochuun isin hin barbaachisu. Akkamitti bilbila keessanitti akka dabaltan dabalatee waa'ee WA Notify caalmatti baruu yoo barbaaddan, WANotify.org ilaalaa

Ergichi lakkoofsa bilbilaa kam irraa dhufa?

Lakkoofsi DOH irraa ergaa ergu, 1-844-986-3040 dha.

Ergaan gabaaban fi/yookin akeekkachiisi na dhaqqabeera, garuu lakkoofsi ergaan irraa naaf dhufe kan miseensa maatii yookin nama wajjin mana tokko keessa jiraanuti. Maal gochuun qaba?

Fayyadamaan WA Notify kan poozitiivii ta’e namoota kan biroo tarii saaxilaman eenyummaa osoo hin ibsin isaan akeekkachiisuf, kanaaf ergaa barreeffamaa ykn beeksisa isin hin ilaallanne dhiisuu qabdu.

Yoo maatiin yookaan miseensi maatii keessan itti fayyadamaa WA Notify tahanii, qorannoon posatiivii tahanii, ammallee bu’aa isaanii WA Notify keessatti mirkaneessuu barbaadan, tarkaanfilee kutaa “Yoo qorannoo COVID-19 dhuunfaan godhamuun posatiivii taatan akkamiin namoota biraa akka hubachiistan” WANotify.orgirraa hordofuu danda’u.

Akeekkachiisa tuquuf yookin liinkii mirkaneessaa akka hojjatu gochuuf yeroo hammamin qaba?

Beeksisa yookin ergaan barreeffamaa erga isin qaqqabeen booda sadarkaawwan jiran hordofuun namoota WA Notify keessa jiran/fayyadaman beeksisuuf sa’aatii 24 qabdu. Yeroo sana keessatti hubachiisa sana tuquu yookaan hidha mirkaneeffannaa cuqaasuu yoo hin dandeenye, tarkaanfilee itti aanan hordofuun WA Notify kutaa “Yoo qorannoo COVID-19 dhuunfaan godhamuun posatiivii taatan akkamiin namoota biraa akka hubachiistan” WANotify.org irraa koodii mirkaneeffannaa gaafachuu dandeessu.

Liinkii mirkaneessaa WA Notify keessatti akka hojjatu gochuuf, ergaa barreeffamaa yookin akeekkachiisa sana namni tokkoo ol fayyadamuu ni danda'aa?

Lakki. Yoo maatiin yookaan miseensi maatii keessan itti fayyadamaa WA Notify tahanii, qorannoon posatiivii tahanii, ammallee bu’aa isaanii WA Notify keessatti mirkaneessuu barbaadan, tarkaanfilee kutaa “Yoo qorannoo COVID-19 dhuunfaan godhamuun posatiivii taatan akkamiin namoota biraa akka hubachiistan” WANotify.org irraa hordofuu danda’u.

Guyyaan ani itti saaxilame akkamittan WA Notifykeessatti argachuu danda'a?

iPhone irratti:

  1. Gara Settings (Qindaa'inoota) deemaa
  2. Exposure Notifications (Beeksisoota Saaxilamuu) Filadhaa ykn Iddoo barbaaddi keessatti Exposure Notifica-tions galchaa.
  3. Tilmaamaan guyyaan isin itt saaxilamuu maltan “You may have been exposed to COVID-19 (COVID-19’f saax-ilamuu maltu)” jalatti agarsiifama.

Android irratti:

  1. Appii WA Notify banaa
  2. See Details (Gadi fageenyawwan ilaalaa) kan jedhu “Possible exposure reported (Saaxilama ta'uu malu kan gabaafame)” jalatti filadhaa
  3. Tilmaamaan guyyaan isin itt saaxilamuu maltan “Possible Exposure Date (Guyyaa Saaxilamuu Maltan)” jalatti agarsiifama.