Appilkeeshiniiwwan ismaartfoonii beeksistuu saaxilamummaa WA Notify

WA Notify (Aalada Ogeysiiska ee WA) (Washington Exposure Notifications, kan Yaadachiisa Saaxalamuu Washingiten jedhamuunis beekamu) meeshaa/waan bilisaa saaxilamummaa COVID-19 jiraachuu malu fayyadamtoota hubachiisuuf bilbila ismaartii keessan irraitti dabalachuu dandeessaniidha. Guutummatti iccitii kan eeggate, kan odeeffannoo dhuunfaa kamuu hin sassaabnee fi hin qoodnee, akkasumas bakka isin deemtan hin hordofne dha.

Akkamittan WA Notify bilbila koo irratti fe’a?

Apple logo

iPhone irratti, Exposure Notifications Seetingii keessaa akka hojjatu godhaa:

  • Gara Settings (Seetingii) dhaqaa
  • Gara Exposure Notifications tti gadi bu’aa
  • “Bani (Turn On) Exposure Notifications cuqaasaa”
  • United States (Yunaayitid Isteetis) filadhaa
  • Washington filadhaa
Android logo

Bilbila Andirooyidii irratti:

Android’f yookaan iphone’f, koodii QR waraabaa/iscaan godhaa yookaan yoo bilbila fayyadamaa jiraattan WA Notify bilbila keessanitti dabalaa.

WA Notify QR code

Akkamitti hojjata?

Yeroo WA Notify akka hojjatu gootan, bilbilli keessan bilbila namoota isinitti dhiyoo jiranii fi WA Notify akka hojjatu godhanii waliin koodii icciitii wal jijjiira. Sirnichi utuu odeeffannoo waa’ee keessan hin mul’isin koodiiwwan sana waljijjiiruuf tekinolojii Biluutuuzii Annisaa Gadaanaa fayyadamu kan odeeffannoo dhuunfaa eegu fayyadama Yoo fayyadamaan WA Notify kan biraan isin dhiyeenyatti bira turtan boodarra qorannoon COVID-19’n irratti argame utuu eenyummaa ofii hin mul’isin namoota biraa hubachiisuuf tarkaanfilee itti aanan hordofaa, dammaqsituu ni argattu. Kuni kunuunsa barbaaddu hatattamaan akka argattuu fi namoota naannoo keessan jiranitti COVID-19 akka hin tatamsaasneef isin gargaara.

Algoorizimichi, taatewwan COVID-19 dabarsuu danda’an bakka kanaan dura fageenya sirrii irra turan yookin fageenya gabaabaa akeekkachiisu fudhachuun isin hin barbaachifne ta’uu addaan baasuf herreega hojjata. Sirriiti saaxilamtaniirtu yoo ta’e, WA Notify isin akeekkachiisa. Kanaaf, akeekkachiisni isin hin qaqqabne jechuun oduu gaaridha.

WA Notify’n afaanota 30 oliin ni argama.

WA Notify Flow Chart in Oromo - Click to Read as PDF

Icciitiin koo akkamitti eegama?

WA Notify teekinoolojii Appilikeeshinii Akeekkachiisa Saaxilamummaa Gugilii kan icciitii keessan eeguf tolfame irratt hundaa’a. Bakka keessan yookaan odeeffannoo/daataa dhuunfaa keessanii utuu hin funaanin yookaan hin mul’isin dugduubeen hojjeta. WA Notify’n akka gaariitti dalaguuf eenyuun akka taatan yookaan eessa akka jirtan beekuu hin barbaadu. Anniisaa Biluutuuzii xiqqoo waan fayyadamuuf, baatiriin keessan isin jalaa hin dhumu.

Hirmaannan guutummaatti fedhiidhani. Fayyadamtoonni fedhiidhaan itti dabalamuu yookis keessaa bahuu ni danda’u Dhuunfummaan fayyadamaa akkamitti akka eegamu odeeffannoo dabalataaf Seera Dhuunfummaa WA Notify. ilaalaa.

Akeekkachiifni kun maal fakkaatu?

Akeekkahiisa (notification) gosa lamatu isin qaqqaba. Namoonni qoratamanii poozitiivii ta’an liinkii mirkaneessatu karaa ergaa gabaabaa qaqqaba fi/yookin hubachiisatu qaqqaba. Fayyadamtoonni WA Notify kanneen tarii saaxilamanii turan akeekkachiisa saaxilamummaa (exposure notification) isaan qaqqaba. Waa’ee akeekachiisawwan kanaa caalmatti baraa akkasumas maal akka fakkaatan ilaalaa.

WA Notify akkamiin gargaara?

Akkuma namni hedduun yaadachiiftuu saaxilamummaa fayyadamaa deemuun, bu’aan isaas dabalaa akka deemu qorannoon mul’iseera. Modeeliwwan bulchiinsawwan sadi Washington state keessatti argaman irratti hundaa’e akka agarsiisutti namoonni muraasni WA Notify fayyadaman illee infeekshinii fi du’a ni hir’isu. Yeroo talaallii fudhannee akkasumas maaskii/haguugduu afaanii fi funyaanii uffannu, lubbuu baraaruu dandeenya. Taateewwan qaamaan geggeeffaman akkuma eegallu, WA Notify’n caasaa eegumsaa dabalamee dha. Inni waan dabalataa tokko kan nageenya keessanii fi namoota naannoo keessanii eegudha.

Qorannoon ofiin godhamuun COVID-19 qabaachuun keessan yoo mirkanaa’e akkatti namoota biroo hubachiisan.

Itti fayyadamtoonni WA Notify kan meeshaa qorannoo ofiin geggeeffamuu (kan qorannoowwan manattii jedhamuunis beekamu) fayyadamuun COVID-19 qabaachuun isaanii mirkanaa’e utuu eenyummaa ofii hin mul’isin itti fayyadamtoota WA Notify biroo akka isaan saaxilamuu malan hubachiisuuf koodii mirkaneessa gaafachuu danda’u.

Apple logo

iPhone irratti:

  • Gara Qindaa'inoota (Settings) deemuudhan Beeksisoota Saaxilamuu (Exposure Notifications) banaa.
  • “Share a COVID-19 Diagnosis.” (“Qorannoo COVID-19 Qoodi”) kan jedhu filadhaa.
  • “Continue” (Itti fufi) kan jedhu filadhaa.
  • Koodii galchuuf filannoo hin argattan yoo tahe, “Didn’t get a code? (Koodii hin argannee?) WA State Dept. of Health Website (Qajeelcha Isteeta WA Toora Interneetii Fayyaa) ilaalaa” Kan jedhu filadhaa. Koodii keessan galchuuf filannoo hin arganne yoo tahe, gulantaa (isteeppii) itti aanutti darbaa.
  • Lakkoofsa bilbilaa meeshaa keessan kan WA Notify fayyadamuu fi guyyaa qorannoo COVID-19 poozitivii keessanii galchaa.
  • “Continue” (Itti fufi) kan jedhu filadhaa.
Android logo

Bilbila Andirooyidii irratti:

  • WA Notify banuudhan “Share your test result to help stop the spread of COVID-19” (“Tatamsa'ina COVID-19 dhaabuu gargaaruf bu'aa qorannoo keessanii qoodaa”) kan jedhu filadhaa.
  • “Continue (Itti fufi)” kan jedhu filadhaa, achumaan “I need a code.” (“Koodiin na barbaachisa”) kan jedhu filadha.
  • Lakkoofsa bilbilaa meeshaa keessan kan WA Notify fayyadamuu fi guyyaa qorannoo COVID-19 poozitivii keessanii galchaa.
  • “Send Code” (Koodii Ergi) kan jedhu filadhaa.

Andirooyidii yookaan iPhone’f, Koodii QR waraabaa (iskaanii godhaa) yookaan yoo moobayila kan fayyadamtan taatan koodii mirkaneessaa gaafadhaa.

Image
For Android or iPhone, scan the QR code to notify others if you test positive for COVID-19 with a self-test

Beeksisni ol baatuu fi ergaan barruu geessituu mirkaneessituu wajjiin isin qaqqaba. Fayyadamtoota birootif saaxilama gahuu malu eeyummaa osoo hin beeksisisiin akeekkachiisuf sadarkaawwan WA Notify keessa jiran hordofuuf beeksisa tuquu ykn geessituu ergaa barruu keessa jiru irratti cuqaasuu qofatu isin irraa eegama.

Yoo isin WA Notify keessatti koodii mirkaneessituu gaafachuu hin dandeessan ta'e, sarara bilbilaa COVID-19 Isteetaa 1-800-525-0127 irratti bilbiluu, achumaan # irratti cuqaasuu fi hojjettoonni sarara bilbilaa isin akka fayyadamaa WA Notify taatan akka beekan godhuu qabdu. Fayyadamtoonni WA Notify biroo tarii saaxilamaniiru yoo ta’e akka akeekkachiistaniif hojjattoonni sarara bilbilaa irra hojjatan geessituu mirkaneessaa isiniif kennuu ni danda'u.

Bu’aalee qorannoo COVID-19 posatiivii ofiin qoratame akkatti gabaastan

Namoonni meeshaa qorannoo ofiin geggeeffamuu (kan qorannoowwan manattii jedhamuunis beekamu) fayyadamuun COVID-19 qabaachuun isaanii mirkanaa’e bu’aa posativii mosajii WA Notify alatti Department of Health (DOH, Qajeelcha Fayyaa)’tti gabaasuu danda’u. Qajeelfama yeroo amma akkamiin bu’aa posatiivii akka gabaasaniif, DOH COVID-19’f qoratamuu fuula ilaalaa.

Meeshaaleen qorannoo dhuunfaa bilisaa Say Yes! (Eeyyee jedhi) COVID Test (Qorannoo COVID) irraa ni argama

Qajeelfama dabalataa barruu DOH COVID-19’n qorannoo isin irratti yoo argame waan gootan irraa ni argama.

Hubadhaa: WA Notify mala akkeekkachiisati. Itti fayyamtoonni bu’aalee qorannoo isaanii DOH’tti akka gabaasanitti hin saxaxamne(qopheeffamne). Gara DOH’tti bu’aalee gabaasuun sirna moosaajii WA Notify’n aladha.

Hordoffii tuttuuqqii fi WA Notify lamaan isaanituu maalif nu barbaachisu?

Hordoffiin tuttuqqii waggoota dheeradhaaf hojii fayyaa hawaasaa bu’a qabeessa ture. WA Notify hojiidhuma kana icciitii osoo hin baasin gargaara. Fakkeenyi isaa kunooti: COVID-19 dhaan yoo qabamtan, ogeeyyiin fayyaa hawaasaa isiniif bilbiluudhaan yeroo dhiyootti eenyu wajjin tuttuqqii akka qabdan isin gaafachuu danda’u. Nama haaraa baasii keessatti bira teessan maqaa dhahuu hin dandeessan. Lamaan keessanuu WA Notify ni foyyadamtu yoo ta’e, namni haaran (the stranger) geejjiba irra osoo jiruu saaxilamuu akka hin oolle akeekkachiisni ni qaqqaba, COVID-19 hiriyoota fi maatii isaanitti akka hin tatamsaasnef tarkaanfii fudhadhaa. Akkuma talaalliiwanii fi maaskii uffachuun tokkoo tokkoon isaanii tamsa’iinsa COVID-19 dhaabuuf gargaaran, gaafa waltahan caalmaatti hojjetu.

WA Notify fayyadamuu itti fufuun qabaa yookaan amma cufuu (turn off) nan danda’aa?

Nuti namni kamiyyuu WA Notify bilbila isaanii irratti akkuma hojjetaa jiruun akka itti fufanii fi akka hin cufne jajjabeessina. Akkuma uggurri laafaa deemee fi dalagaan eegaleen, WA Notify’n karaa salphaa ittiin caasaa eegumsaa dabalataa of harkatti baadhattanii deemtaniidha.

Talallii fudheera yoo ta’e WA Notify na barbaachisaa?

Eeyyee! Isteetiin Washingiten yeroo muraasaaf COVID-19 hubachuu itti fufa. Nuti ammayyuu waa’ee vaayirasichaa waan baayyee, kan akka talaalliiwwan yeroo hagam dheeratuuf hojjetu kan jedhuu fi talaalliiwwan sanyiilee COVID-19 haaraa irraa hagam nama eeguu danda’u kan jedhu faa barachaa jirra. Namoota talaallii fudhataniif balaan isaa gadi bu’aa yoo tahellee, namoonni guutummaatti talaallii fudhatan ammayyuu COVID-19’n qabamuu fi daddabarsuu akka malan beekna. Akkkasumas, namoonni haga yoonaa talaallii hin fudhanne akka jiranis beekna. Sababoota kanneeniif, jiraattota Washingiten hundi – tatamsa’ina COVID-19 dhaabuuf bilbila isaanii irratti WA Notify akka hojjechiisan ni jajjabeessina.

Waa’ee WA Notify (Akeekkachiisa WA) jecha tamsaasuu barbaadduu?

Toolkiitii WA Notify keenya ergaa miidiyaa hawaasaatif, poostariiwaaniif, eddattoo yookin saampilii beeksisa reediyoo fi TV fi kaneen biroo ilaalaa. Akkasumas, hiriyyootaa fi maatii keessanitti himaa. Namoonni baay’een akkuma WA Notify fayyadamaa deemaniin, isinii fi hawaasa keessan carraan eeguu isaatiis ni fooyya’a.

Gaaffilee kan biroo yeroo heddu gaafataman

WA Notify (Akeekkachiiftuu WA) keessatti akkamittan guyyaan itti saaxilame argachuu danda’a?

iPhone irratti:

  1. Gara Settings (Qindaa'inootaa) deemaa
  2. Exposure Notifications (Beeksisoota Saaxilamuu)filadhaa ykn Iddoo Barbaachaa keessatti Exposure Notifications (Beeksisoota Saaxilamuu) galchaa
  3. Guyyaan tilmaamaa isin itti saaxilamuu maltan “You may have been exposed to COVID-19 (COVID-19’f saaxilamuu maltu)” kan jedhu jalaa argachuu dandeessu.

Andirooyidii irratti:

  1. Appilikeeshinii WA Notify banaa
  2. See Details (Gadi fageenyawwan ilaalaa) kan “Possible exposure reported (Saaxilama ta'uu malu gabaafame)” jala jiru filadhaa
  3. Guyyaan tilmaamaa isin itti saaxilamuu maltan “Possible Exposure Date (Guyyaa Saaxilamuu Maltan)” kan jedhu jalaa argachuu dandeessu.
Washington State Department of Health (DOH, Biiroo Fayyaa Washington State) irraa ergaan barreeffamaa fi/yookin hubachiisni na qaqqabeera. Maaliif?

DOH namoota dhiyeenyatti COVID-19’n qabaman hundumaaf ergaa barreeffamaa fi/yookin akeekkachiisa (pop-up notification) bilbila isaanii irratti ergaaf, kunis fayyadamtoonni WA Notify fayyadamtoonni kan biroo akka hin saaxilamneef akeekkachiisa hatattamaan dhoksaan akka dabarsaniifi. Waa’ee akeekachiisawwan kanaa caalmatti baraa akkasumas maal akka fakkaatan ilaalaa.

Yoo ergaa barreeffamaa fi yaadachiisan lamaanuu argattan, yaadachiisa sana tuquun yookaan hidha ergaa barreeffamaa keessa jiru cuqaasuun utuu eenyummaa ofii hin mul’isin itti fayyadamtoota biroo saaxalimuu malan yaadachiisuuf tarkaanfilee WA Notify itti aanan hordofaa.

Waa’ee WA Notify koo haaraa fayyaa hawaasatiif gumaachuu ergaan/akeekkachiisni na qaqqabeera. Maaliif?

DOH (Department of Health, Qajeelchi Fayyaa) foyya’iinsa barbaachisu gochuu akka danda’utti WA Notify akkam akka gaariitti akka dalagu hubachuu barbaada. Daataa WA Notify keessan qooduf yoo itti walii galtan, iccciitiin dhuunfaa keessan eegamaadha. Odeeffannoon dhuunfaa kamiyyuu waan hin sassaabamneef yookin nama biroof waan hin qoodamneef karaan ittiin adda isin baasan hin jiru. DOH qofaatu sadarkaa naannoo qofatti daataa/odeeffannoo kana arguu danda’a.

Fayyadmatoonni WA Notify odeeffannoo isaanii qoodudhaaf yoo itti walii galan, maaltu sassaabama?

Odeeffannoo keessan qoodudhaaf yoo itti walii galtan, icciitiin huunfaa keessan ni eegama. Odeeffannoon dhuunfaa kamiyyuu waan hin sassaabamneef yookin nama biroof waan hin qoodamneef karaan ittiin adda isin baasan hin jiru. DOH qofatu data sadarkaaa kanaa, kanneen itti aananii jrian kan hammatu arguu danda’a:

  • Lakoofsa namoota WA Notify irraa odeeffannoo isaanii qoodudhaaf itti walii galanii. Kuni namoonni/saampiliin keenya hangam akka sirriitti bakka bu’u/sirrii ta’e akka barruuf nu gargaara.
  • Lakkoofsa Exposure Notifications fayyadamtoota WA Notify bira qaqqabanii. Kuni kan nu gargaaru tatamsa’ina COVID-19 keessatti jijjiirama jiru ilaaludhaafi.
  • Baay’ina namoota akeekkachiistuu saaxilamummaa cuqaasan. Kuni namoonni waanta fayyaan hawaasaa jedhu fudhachuuf hangam fedhii akka qaban qorachuuf nu gargaara.
  • Baay’ina namoota nama COVID-19’n qabametti dhiyoo turanii, garuu ammoo sababa baay’ee itti hin dhiyaannef yookin yeroo dheeraa bira hin turreef saaxilamoo ta’uu isaanii kan agarsiisu akeekkachiisne kanneen hin qaqqabne. WA Notify keessatti algorimiin saaxilamummaa murteessu sirrachuu qabaachuu dhiisuu isaa akka addaan baafannuuf kuni nu gargaara.
IPhone koo irratti WA Notify yommuun akka hojjatu taasisu, dirqama togilii “Availability Alert (Mallattoon Aragamuu Agarsiisu)” banuu yookin cufuun qabaa?

Cufaan gaaridha. Yeroo murtaa’eef naannoo Washington ala deemta yoo ta’e banaa yoo dhiiste kan gorfamu ta’us. Yeroo Availability Alert (Dammaqsituu Argamuu) banaa tahee jirutti, gara naannoo biraa kan tajaajila yaadachiisa saaxilamummaa akka WA Notify dhiyeessantti yeroo imaltan yaaadachiisni isinii ergamuu mala. Yoo iPhone qabaattan, naannolee baay’ee itti dabaluu dandeessu garuu yeroo tokkotti naannoo tokko qofatu hojjeta. Kan biraa haaraa akka hojjatu gochuuf naannoo tokko/kan duraanii balleessuun isin irraa hin eegamu. Yoo bilbila Andirooyidii qabaattan, moosajii yaadachiiftuu saaxilamummaa akka WA Notify naannolee garagaraa irra itti fe’achuu dandeesu, garuu yeroo tokkotti mosaajii tekinoolojii WA Notify wajjin walsimu kan fayyadamu tokko qofatu hojjeta.

WA Notify fayyadamuudhaaf filachuutu/seenuutu narraa eegamaa?

Eeyyee. WA Notify fayyadamuun bilisaa fi fedhiidhaan. Yeroo barbaaddanitti keessaa bahuu ni dandeessu. Kana gochuuf, iPhone irratti salphaadhumaan tajaajila isaa cufaa (off) yookaan moosaajicha bilbila Andirooyidii irraa balleessaa. Yeroo keessaa baatan, koodiiwwan garagaraa kan bilbilichi fayyadamtoota dhiyoorra jiran irraa walitti qabe ni bada deebisuunis hin danda’amu.

WA Notify appilikeeshinii tuttuqaa ittiin hordofaniidhaa?

Lakki. WA Notify odeeffannoo waa’ee namoota isin itti dhiyaattanii turtanii hin hordofu, kanaafuu “tuttuqaa hordofuu” hin hojjetu. Tuttuqqii adda baasun, namni COVID-19’n qabame eenyu akka saaxile yookin eenyu wajjin tuttuqqii akka taasise adda baasa. Malichi (tool) odeeffannoo dhuunfaa kamuu walitti hin qabu yookaan hin qoodu, kanaafuu namni kamiyyuu nama isin wajjin wal tuttuqtan beekuu hin danda’an.

“Saaxilamummaan” maalidha?

Saaxilamuun kan uumamu yeroo fayyadamaan WA Notify kan biraan isin itti dhiyeenyaan yeroo dabarsitan boodarra COVID-19 qabamuun isaa/ishee mirkanaa’u dha. Saaxilamummaa murteessuf WA Notify algorizimii fayyadama, kunis taatewwan kanneen fageenya irra jiran irraa yookin akeekkachiisa kan isin hin barbaachisne dhiyeenya irraa COVID-19 daddabarsan adda baasufi. WA Nottify akeekkachiisa saaxilamummaa kan isiniif ergu fayyadamaa kan biraa wajjin walitti dhiyoo yoo taatan fi fageenya dheeraa ta'ee akkaataa DOH jedhetti COVID-19 daddabrsuudhaf carraan bal'aan yoo jiraate qofaadha. Algoorizimiin kun hogganoota/hojjetoota fayyaa hawaasaan fooyyefamuu danda’a.

Tarii saaxilamee akkan ture WA Notify yoo natti hime/beeksise maaltu ta’a?

Saaxilamuu akka hin oolle WA Notify yoo isinitti hime, akeekkachiisni bilibila keessan irra jiru kallattiidhaan gara marsariitiitti isin geessuun itti aansee maal gochuu akka qabdan odeeffannoo akka argattan godha. Kunis kan of keessatti hammatu akkamittii fi eessatti akka qoratamuu dandeessan, odeeffannoo waa’ee ofii keessan eegu fi nageenya namoota isinitti dhiyoo jiranii eeguu, akkasumas qabiyyeewwan/maloota gaaffilee keessan deebisuuf gargaaran fa’a. Qajeelfamoota marsariitii irra jiran seeran dubbisuu fi hordofuun barbaachisaadha.

COVID-19 dhaan yoon qabame namoonni ni beekuu?

Lakki. WA Notify odeeffannoo waa’ee kee ibsu nama kamiifuu hin qoodu. Yeroo namni tokko waa’ee saaxilamummaa jiraachuu maluu yaadachisi isa/ishee dhaqqabu, namni isaan yeroo dhiyootti itti dhiyaatanii turan COVID-19’n qorannoon irratti argamuu qofadha. Namni sun eenyu akka tahe/te yookaan saaxilamummaan sun eessatti akka mudate hin beekan.

WA Notify dhaaf kaffaluutu narraa eegamaa?

Lakki. WA Notify bilisa.

WA Notify akkamitti Washington state gargaara?

Qorannoon University of Washington‘n geggeeffame tokko (Ingiliffaan qofa) akkuma namni baay’een yaadachiiftuu saaxilamummaaa fayyadamaa deemuu, bu’aan (faayidaan) isaa guddaa akka deemu mul’ise. Bu’aalen qorannoo akka agarsiisanitti, ji’oota afran jalqabaa hojiirra oletti WA Notify tilmaaman lubbuu namoota 40 to 115 akka baraare fi keezii COVID-19 tin qabamuu 5,500 hambisuu danda’eera. Modeelin odeeffannoo (data models) akka agarsiisutti, namoonni muraasni WA Notify fayyadaman iyyuu dhibee COVID-19 fi du’a ittisuu ni danda’u, kuni kan agarsiisu WA Notify tatamsa’ina COVID-19 ittisuuf mala (tool) baay’ee gaarii ta’uu isaati.

Isteetii/naannoodhaan ala yoon bahe WA Notify ni hojjataa?

Eeyyee. Isteeta aappii tekinolojii Google/Apple wal fakkataa fayyadamu (Ingiliffa qofa), yoo deemtan, bilbilli keessan fayyadamaa isteeta sana keessa jiru wajjin koodii icciitii wal jijjiiruu itti fufa. Qindeessituu bilbila ismaartii keessanii irraa wanti jijjiiruu qabdan hin jiru. Yeroo dheeradhaaf Washingtoniin ala turtu yoo ta’e, deeggarsa naannoo fi of-eeggannoo/akeekkachiisa argachuudhaaf isteetii/naannoo haaraa keessa jirtan sanatti filannoowwan biroo yaaluu qabdu.

WA Notify fayyadamtoota kan biroo akeekkachiisuuf/beeksisuuf hangam itti fudhata?

Fayyadamtoonni nama biraa appilikeeshinicha fayyadamuun COVID-19 dhaaf saaxilaman, fayyadamaan COVID- dhan qabame fayyadamtoota WA Notify kan biroo icciitidhaan akeekkachiisuf erga sadarkaalee WA Notify keessatti argamu hordofeen booda, sa’aatii 24 gidduutti akekkachiisi isaan qaqqaba.

WA Notify irraa akeekkachiisa heddu fudhachuun ni danda’amaa?

Fayyadamtoonni qorannoon posatiivii tahan yaadachiisa irraan dhufu fi ergaa barreeffamaa lamaanuu argachuu malu. Fayyadamtoonni yeroo baay’ee saaxilamuu malan yeroo saaxilamuu haaraan jiraatu hunda ni yaadachiifamu.

COVID dhaan yoon qabame akkamittan WA Notify tti himuu danda’a?

Yoo qorannoon posatiivii taatanii namni wayii DOH irraa yookaan abbaa taayitaa fayyaa hawaasaa naannoo irraa isin quunname, WA Notify fayyadamuu keessan isin gaafatu. Ni fayyadamtu taanan, geessituu mirkaneessaa fi/ykn beeksisa isiniif ergu akkasumas WA Notify seenuf sadarkaawwan akka hordoftan isin gargaaru. Hidhichi (link) yookaan yaadachiisi odeeffannoo dhuunfaa keessanii wajjin kan wal qabate miti. DOH ergaa barreeffamaa fi/yookaan yaadachiisa lakkoofsa bilbilaa namooti dhiyoo COVID-19’n qorannoon irratti argame fayyadaman irrattini erga.

Yeroo tarkaanfilee sana hordoftan DOH karaa ittiin namoota yaadachiisa saaxilamummaa WA Notify argatan itti baru hin qabu. Beeksisini saaxilamummaa odeeffannoo waa'ee keessanii homaatuu hin qabatu. Namoonni bu’aa qorannoo isaanii icciitidhaan WA Notify keessatti hammuma heddumminaan mirkaneessaa deeman, tatamsa’ina COVID-19 caalmatti ittisuu dandeenya.

Yoo qorannoon posatiivii taatan fi ammallee utuu of hin beeksisin bu’aa keessan WA Nofity keessatti mirkaneessuu barbaaddan, kutaa isa “Yoo qorannoo COVID-19 dhuunfaan godhamuun posatiivii taatan akkamiin namoota biraa akka hubachiistan” jedhu fuula kana gararraatii utuu eenyummaa ofii hin mul’isin fayyadamtoota WA Notify kan biroo waa’ee saaxilamummaa jiraachuu maluu hubachiisuuf tarkaanfilee ittiin koodii mirkaneeffannaa gaafatan ilaalaa.

Ergan WA Notify bibila koo irratti fe’een booda waanti kan biraa ani gochuu qabu jiraa?

Tarkaanfiin biraa kan barbaachiso kan armaan gadii qofaafi:

  1. Yoo COVID-19 dhaan qabamtan, yookin
  2. Dhibichaaf saaxilamuu akka hin oolle beeksisni ibsu yoo isin qaqqabe.

Yoo qorannoon posatiivii taatanii, fi namni wayii DOH yookaan abbaa taayitaa fayyaa hawaasaa naannoo keessanii irraa isin quunname, WA Notify akka fayyadamtan isin gaafachuufi. Ni fayyadamtu taanan, geessituu mirkaneessaa fi/ykn beeksisa isiniif ergu akkasumas WA Notify seenuf sadarkaawwan akka hordoftan isin gargaaru. Geessituun ykn beeksisni odeeffannoo dhuunfaa keessan wajjin wal hin qabatu. Waa’ee saaxilamummaa ilaalchisee DOH eenyu akka appilikeeshinichaan beeksisni akka qaaqqabe karaa ittiin beekuu hin qabu. Beeksisini saaxilamummaa odeeffannoo waa'ee keessanii homaatuu hin qabatu. Namoonni bu’aa qorannoo isaanii icciitidhaan WA Notify keessatti hammuma heddumminaan mirkaneessaa deeman, tatamsa’ina COVID-19 caalmatti ittisuu dandeenya.

Yoo qorannoon posatiivii taatan fi koodii mirkaneeffannaa barbaaddan, kutaa isa “Yoo qorannoo COVID-19 dhuunfaan godhamuun posatiivii taatan akkamiin namoota biraa akka hubachiistan” jedhu fuula kana gararraatii utuu eenyummaa ofii hin mul’isin fayyadamtoota WA Notify kan biroo waa’ee saaxilamummaa jiraachuu maluu hubachiisuuf tarkaanfilee ittiin koodii mirkaneeffannaa gaafatan ilaalaa.

WA Notify fayyadamuun baatirii kiyya na jalaa akka hir’atu ni taasisaa yookin daataa baay’ee ni fayyadamaa?

Lakki. Bluetooth Low Energy technology fayyadamuudhaan akka baatirii fi daataa keessan irratti dhiibbaa cimaa fiduu akka hin dandeenyetti kan hojjatameedha.

WA Notify’n baatirii heddu waan fayyadama maalif fakkaata?

Dhugaadhumatti, tarii isa miti Fayyadamni baatirii bilbila keessan irra jiru kan agarsiisu appilikeeshiniiwwan akka WA Notify dabalatee guyyaa guyyaatti baatirii dhibbeentaa meeqa akka fayyadamtaniidha. Mosaajiilee fi maloonni baay’ee halkan hin dalagan. WA Notify’s akkasuma hin dalagu, garuu fayyadamaan posatiiva tahee yoo argame saaxilamummaa jiraachuu malu kamuu isini hubachiisuuf sa’atiilee muraasa booda koodiiwwan garagaraa ni sakatta’a. Fakkeenyaaf, yeroo raftanii jirtanitti appilikeeshiniin tokko illee banamee/hojjataa hin jiru yoo ta'e, baatirii yeroo sana fayidaarra oole dhibbeentaa olaanaa kan fudhatu WA Notify dha. Kana jechuun WA Notify baatirii hedduu fayyadamaa jira jechuu miti – persenteejii olaanaa hamma baatirii xiqqoo qofa fayyadama.

WA Notify’n akka hojjatuuf biluutuuzii banaa godhee kaa’un qabaa?

Eeyyee. WA Notify’n Bluetooth Low Energy waan fayyadamuuf fayyadamtoonni biroo dhiyeenya jiraachuu isaanii siistamichi akka arguuf biluutuuziin yeroo hunda banaa ta’uu qaba.

WA Notify akka hojjatuuf bilbila kiyya irratti banaa godhee kaa’un qabaa?

Lakki. WA Notify osuma bilbila fayyadamaa jirtanii ofumaan hojjata.

WA Notify Ismaartifooniin kan turan irratti ni hojjataa?

Gosti isaan qaban kanneen armaan gadii yoo ta’e, namoonni iPhone fayyadaman WA Notify fayyadamuu danda’u:

  • iOS gosa 13.7 yookin isa boodaa (iPhone 6s, 6s Plus, SE dhaaf yookin haaradhaaf)
  • iOS gosa 12.5 (iPhone 6, 6 plus, 5s dhaaf)

Ismaartifooniin Andiroyidii keessan Bluetooth Low Energy fi Android vershinii/gosa 6 (API 23) yookin kan isaa oliiti yoo ta’e, fayyadamtoonni Andirooyidii WA Notify fayyadamuu ni danda’u.

WA Notify fayyadamuudhaaf waggaa 18 guutun qabaa?

Lakki. WA Notify umurii keessan hin ilaalu yookin hin hordofu.

Bilbila kiyya naama biraatti yoon kenne teekinoolojiin kun ni hojataa?

Yeroo saaxilamummaan jirutti eenyu akka bilbilicha fayyadamaa akka ture WA Notify hin ibsu. Bilbila nama biraatti yoo kennitani fi WA Notify carraan COVID-19 tiif saaxilamuu akka jiru WA Notify yoo agarsiise, namni bilbilicha fayyadamu kamiyyuu qajeelfmoota fayyaa hawaasaa hordofuun dirqama.

Ergaan gabaaban fi/yookin akeekkachiisi na dhaqqabeera, garuu namni qoratame/qabame miseen sa maatii yookin nama wajjin jiraannuti. Maal gochuun qaba?

Fayyadamaan WA Notify kan poozitiivii ta’e namoota kan biroo tarii saaxilaman eenyummaa osoo hin ibsin isaan akeekkachiisuf, kanaaf ergaa barreeffamaa ykn beeksisa isin hin ilaallanne dhiisuu qabdu.

Yoo maatiin yookaan miseensi maatii keessan fayyadamaa/tuu WA Notify ta’e/te, qorannoon posatiivii tahuun ammallee bu’aa qorannoo isaanii WA Notify irratti mirkaneesuu yoo barbaadan, tarkaanfilee kutaa fuula kanaa “Yoo qorannoo COVID-19 dhuunfaan godhamuun posatiivii taatan akkamiin namoota biraa akka hubachiistan” keessa jiru hordofuu danda’u

Meeshaalee kanneen akka iPads yookin sa’aatii ismaart (smart watches) irratti WA Notify ni hojjataa?

Lakki. Sirni yaadachiisuu saaxalimummaa addatti bilbiloota ismaartii tahaniif waan saxaxameef iPads yookaan taabileetota irratti hin hojjetu.

Namoota bilbiloota ismaart hin qabne teekinoolojii kana akka argataniif Washington state maal hojjataa jira?

Tatamsa’ina COVID-19 ittisuudhaaf maloonni gargaaran WA Notify qofa miti. Yoodhuma bilbiloota ismart hin qabaanne illee, hordoffii tuttuuqqii fi tattaffiwwan biroo taasisuun jiraattota Washington hunda kan fayyaduudha. Tatamsa’ina -19 ittisuuf talaallii fudhachuun mala baay’ee filatamaadha; maaskii godhachuun, walirraa fageenya qaamaa eegun fi walitti qabama namootaa hir’isuunis maloota biraa namni kamiyyuu gochuun tatamsa’ina COVID-19 ittisuu danda’uudha.

Lifeline program (sagantaan lubbuu baraaruu) mootummaa federaalaa namoota ulaagaa guutaniif baasii bilbilaa ji’aa ni dhiyeessaf. Hirmaattonni tajaajila sarara maleessaa dhiyeessan ismaartfooniwwan bilisaa dhiyeessuu ni danda’u. Waa’ee sagantichaa, eenyu ulaagaa akka guutu, akkamitti akka galmaa’anii fi hirmaattota dhiyeessitoota sarara maleessaa (wireless) caalmatti baradhaa (Ingiliffa qofaan).

Washington afaanota 30 oliin WA Notify gadi lakkisee jira, kanaaf Guugil Pileey Istoor keessatti maalifan afaan Ingiifaa fi Ispaanish qofaan arga?

WA Notify’n afaan akka durtii bilbila fayyadamaa irratti guutame irratti hundaa’uun hojjeta. Gosti (version) WA Notify tokko qofatu jira, garuu ergaan irraan dhufu – yaadachiisi saaxilamummaa, fakkeenyaaf – afaanota fayyadamaan filatu 30 ol tahaniif ni dhiyaata.

Akeekkachiisa tuquuf yookin liinkii mirkaneessaa akka hojjatu gochuuf yeroo hammamin qaba?

Beeksisa yookin ergaan barreeffamaa erga isin qaqqabeen booda sadarkaawwan jiran hordofuun namoota WA Notify keessa jiran/fayyadaman beeksisuuf sa’aatii 24 qabdu. Yoo sa’atii sana keessatti yaadachiisa sana tuquu yookaan hidha mirkaneessituu sa’atii sana keessatti tuquu dadhabdan, tarkaanfilee kutaa gararraa fuula kanaa keessaa “Yoo qorannoo COVID-19 dhuunfaan godhamuun posatiivii taatan akkamiin namoota biraa akka hubachiistan” hordofuun WA Notify keessatti koodii mirkaneessaa gaafachuu dandeesu. Yeroo namni wayii DOH yookaan abbaa taayitaa fayyaa naannoo irraa waa’ee bu’aalee qorannoo COVID-19 keessan ilaachisee isin quunnamu hidha (link) mirkaneessaa gaafachuu dandeessu.

Washington maaliif mala kana filate?

Washingiten garee hordoffii isteetii, ogeessota nageenyaa fi bilisummaa civilii akkasumas miseensota hawaasota muraasa dabalatee, sirna yaadachiiftuu saaxailamummaa Guugil/Aappil akka gulaalaniif hundeesseera. Garichi amansiisummaa, eegumsa daataa cimaa sagantichaa mirkanaa’e fi itti fayyadama isteetiiwwan biroo irratti hundaa’uun hojiirra oolmaa isaa gorseera.