Gaaffilee yeroo heddu gaafataman
Bakka Qorannoon Itti Gaggeeffamu Naannoo Kootti Dhihoo Barbaaduu (Ingiliffaan)
Bu’aawwan qorannoo manatti taasifame kan qabaman ta'uu keessan agarsiisan salphaatti gabaasaa
Namoonni meeshalee qorannoo bituuf eeyyamni hin barbaachisne bitatanii fi bu’aa qorannoo kan qabaman ta'uu agarsiisu fudhatan, akkuma bu’aawwan qorannoo fudhataniin gara sarara bilbilaa COVID-19 isteetichaa kan ta’e 1-800-525-0127 irratti bilbiluu, achumaan # irratti cuqaasuu qabu. Sararri bilbilichaa kan hojjatu, Wiixata 6 a.m. hanga 10 p.m., fi Kibxataa hanga Dilbataa (fi guyyoota ayyaana waggaa kabajaman) 6 a.m. hanga 6 p.m tti. Deeggarsi hiika afaaniis jira.
Maalif Qoratamu
Qoratamuun lubbuu baraara. Qorannoo taasisuun namoonni of eeggannoowwan kan akka adda of baasuu, yeroo isaa eeggate taasisuun tatamsa’ina vaayirasichaa akka dhaabsisaniif isaangargaara; namoonni dhibichaan qabamanii osoo mallattoon irratti hin mul’atin dhibicha tatamsaasuu danda’u. Akkasumas, qoratamuun hojjattoonni fayyaa hawaasaa weerara adda baasun tarkaanfii hatattamaa akka fudhataniif, dabalataanis gosa vaayirasichaa haaraa ta’e akka hordofaniif isaan dandeessisa. Hojiilee idilee itti fufsiisuu keessatti qoratamuun waanta baay’ee barbaachisaadha.
Qorattoonni University of Washington fi Department of Health (DOH, Qajeelcha Fayyaa) qorannoo COVID-19 taasisuu fi WA Notify (Beeksisa Washingtan) fayyadamuun hordoffii taasisuun Mudde 2020 hanga Bitootessa 2021 tti namoota haaraa qabaman naannoo 6,000 ta’an ittisuu akka danda'e irra gahaniiru.
Yoom Qorannoon Akka Taasifamu
Miirri dhukkubbii yoo isinitti dhagahame qorannoo godhaa. COVID-19 mallattoolee (Ingliffaan) dhukkubaa bal’aa qaba, kanaafuu miirri gaariin yoo isinitti hin dhagahamne ta'e, amma danda'ametti dafanii qorannoo taasisuun baay'ee gaaridha.
Nama dhukkuba COVID-19 n qabametti yoo saaxilamtan qorannoo godhaa. Mallattoowwandhukkubichaaisinirrattiyoo argaman dafaaqoratamaa. Erga saaxilamtanii booda mallattoon dhukkubichaa isin irratti argamuu baannaan guyyoota shan eegaa, sana booda qoratamaa.
Daldalli ykn immoo bakkoonni dhimma qaban magaalaa Waashingitan keessa jiran bakka tajaajilaa ykn daldalaa seenuuf ulaagaa qoratamuu ykn talaalamuu gaafachuu danda’u. Bakkoota kana seenuun dura itti gaafatamaa bakkichaa dursaa dubbisaa ykn immoo marsaariitiii isaanii daawwadhaa.
Imalagochuukeessan dura ykn erga gootanii booda qoratamuun isin barbaachisa ta’a. Qajeelfama imalaa yeroo dhihoo CDC(Ingliffaan) ilaalaa.
Garee namootaa wajjiin walitti qabamuuf yeroo deemtan, keessumattuu warroota balaa dhukkuba hammaataa qabanii fi talaalliiwwan COVID-19 isaanii irratti waqtaawaa (Ingliffaan) ta'uu dhiisuu malan.
Qorannoon Eessatti Taasifama
Marsariitin Department of Health Isteeta WA baafanni iddoowwanqorannoonittitaasifamuu (Ingiliffaan) tokkoontokkookaawuntiikeessatti argaman sa’aatiihojii fi ulaagaalee wajjin kaa’a. Waa’ee bakkeewwan qorannoo ilaalchisee odeeffannoo dabalataatif, 2-1-1 tti bilbilaa. Kiitiwwan qorannoo ajaja (prescription) malee bitaman manatti qorannoo taasisuuf ajajuudhan akkasumas dukkaana qorichaatii argachuun ni danda’ama.
Gatii
Diyeessitoonni inshuraansii maatiiwwaniif ji'aan hamma qorannoowwan saddeetii gahaniif baasii ni kaffalu. Waa'ee baasii kaffaluu inshuraansii caalatti hubadhaa (Ingliffaan).
Qorannoowwan kaawuntiitti yookin bakkeewwan qorannoo naannodhaan deeggaramutti gaggeeffamaniif baasin kiisidhaa bahu homtuu hin jiru. Qorannoowwanheddu, keessumattuunamootamallattoolen irratti mul’ataniif, baasin isaa inshuraansii irratti herreegama yookin Department of Health dhaan deeggarama.
Akkasumas qorannoo manatti taasifamu naannoo irraa ykn kuusawwanii fi dukkaanota qorichaa sarara irraa bituu dandeessu. Inshuraansii ykn ajajni ogeessa hoomtuu hin barbaachisu.
Gosoota Qorannoo
Gosootni qorannoo amma jiran qorannoo antijiinii hatattamaan taasifamu, qorannoo molokiyuularii (kan laaboraatoorii fi siree irratti taasifamu), fi qorannoowwan manatti ofiin taasifaman muraasa of keessaa qaba. Dhiyeessinqorannootokkoofedhii fi dandeettiiqaamaomishuuirrattihundaa’ungaraagarata’a.
Qorannoo ManattiTaasifamuAkkamittiGochuun Danda'ama
Bu’aa qorannoo sirrii ta’e argachuuf qajeelfamaa fi kallattii meeshaalee qorannoo hatattamaa keessatti argaman hordofuun bayeessa. Akkasumas biraandiiwwan baay'een ajajoota viidiyoo ni kennu. Shaakkaliiwwan hunda caalaa baay'ee gaarii ta'an dabalataa argachuuf, Qorannoo manatti taasifamuu irratti gorsoota CDC (Ingliffan) ilaalaa.
Qorannoo hatattamaa irratti bu’aan dhukkubicharraa bilisa jedhu sobaa argamuu mala. Meeshaawwan qorannoo muraasni qorannoo lama qabu (yoom qorannoo gochuu akka qabdaniif qajeelfama saanduqa irra jiru sirriitti hordofaa)
Qorannoo taasisuun akkamitti akka hojjetu irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf, fuula gaaffilee qorannoo taasisuu irratti yeroo hedduu gaafataman keenya ilaalaa.
Qorannoon Akkamitti Hojjata
Qorannoon heddu kan gaggeeffamu funyaan keessaa sumuda fudhachuuni. Qorannoowwan tokko ammoo sumuda hancufaa fudhachuun gaggeeffamu. Fuula gaaffilee qorannoo taasisuu irratti yeroo hedduu gaafatamanii irratti odeeffannoowwan gadi fageenyan argamuu ni danda'u.
Yoom Kophaa Akka Turamu ykn Adda Of Baafamu
Qorannoo keessan gochuun dura ykn bu'aawwan keessan fudhachuun boodakophaaturuunykn adda of baasun isin irraa eegamuu mala. Kuni haala talaallii fudhachuu keessanii fi mallattoleeagarsiisaajiraachuukeessanirrattihunda'aa. Qajeelfama CDC yeroo dhihoo kana haala irratti hunda'uun adda qooda (Ingliffaan). Akkasumas namoonni mallattolee agarsiistan fi/ykn COVID-19 dhaf saaxilamtan qajeelfama keenya hordofuu dandeessu.
Hordoffii
Mallattoolee yoo isin irratti argaman, hanga danda’ametti mana turaa. Yoo isin COVID-19 dhan qabamtan, oduu gaariin nageenyummaa ofii keessanii fi namoota biroo eeguudhaf tarkanfiiwwan fudhachuu dandeessan jiru. Odeeffannoon dabalataa asitti argamuu ni danda'a: Yoo qabamtan maal godhuu akka qabdan.