Talaallii COVID-19

Talaallin COVID-19 namoota umurii ji’a 6 fi isaa oliitif jira, sadarkaan godaansa isaanii maaliyyuu yoo ta’e.

Manaa bahuu kan hin dandeenye fi talaallii COVID-19 kan barbaadanii? maaloo as ilaalaa​​​​​

Qabiyyeen yeroo dhumaaf Mudde 9, 2022 haaromfame

Center for Disease Control and Prevention (CDC) yaadota gorsaa ittisa dabalaa akka armaan gaditti haaressee jira:

  • Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 5 talaallii walfaannee jalqabaa qeenxee Moderna COVID-19 erga fudhatanii xumuuranii ji’oota lama booda, ittisa dabalaa lachee haaraa argachuuf ulaagaa ni guutuu.
  • Talaalliin Pfizer COVID-19 daa'imman ji'a 6-waggaa 4 amma doozii Pfizer qeenxee lamaa fi doozii Pfizer lachee tokko of keessatti qabata.
    • Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’anii kanneen ammallee walfaannee jalqabaa Pfizer doozii-3 hin jalqabne yookin doozii sadaffaa walfaannee jalqabaa isaanii hin fudhanne amma walfaannee Pfizer haaromfame ni fudhatu
    • Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6-waggaa 4 ta’an kanneen duraan doozii 3-jalqabaa walfaannee Pfizer xumuuran yeroo kanatti dooziiwwan dabalataa yookiin ittisa dabaloo fudhachuudhaf ulaagaa hin guutan
  • Talaallii walfaannee jalqabaa fudhatanii xumuuran taanan akkasumas ittisa dabalaa COVID-19 kana dura hin fudhanne yoo ta'e—ittisa dabalaa mRNA haaroomfamaa fudhachuu kan hin dandeenye yookan kan hin fudhanne yoo ta'e, ittisa dabaloon COVID-19 Novavax ga'eessotaaf ni jiru

Odeeffannoo barbaaddan isiniif kennuu barbaanna. Fayyaa keessaniif filannoo mataa keessanii akka murteessuu dandeessaniif odeeffannoo waktaawaa isiniif laanna.

Talaallii COVID-19 fudhachuudhaf waantin beekuu qabu maalidha

Talaallicha akkamittan argadha?

Beellama qabachuu fi iddoo isaa baruuf Agarsiiftuu Talaallii daawwadhaa.

Isinitti dhiyeenyatti bakka talaallin itti argamu baruuf 438-829 (GET VAX) tti Zip Kodii keessan erguu dandeessu.

Waa'ee talaallii COVID-19 gaaffii qabduu? Beellama talaallii barbaaduu irratti gargaarsa ni barbaadduu? Sarara Bilbilaa Odeeffannoo COVID-19 1-800-525-0127 irratti bilbilaa, achiin booda # tuqaa. Deeggarsi tajaajila afaanii jira.

Doozii lammaffaa talaallii (Moderna/Spikevax yookin Pfizer/Comirnaty) fudhachuuf bellama qabachuuf yoo karoorsitan, doozii jalqabaa talaallidhuma kanaa fudhachuun dirqama.

Isin yookin namni isin beektan manaa bahuu kan hin dandeenye yoo jiraate, unka onlaayinii (Ingiliffa) guutuu ni dandeessu (Ingiliffa). Deebin keessan namoota dhuunfaa Kaawuntii Jiru fi/yookin Garee Talaallii Naannoo Socho'an waliin akka wal qunnamsiifnuf nu gargaara.

Wantoota kan biroo COVID-19 wal qabatan kanneen akka mana jireenyaa, deeggarsa tajaajila kanneen akka bishaani fi ibsaa, inshuraansii fayyaatif 211 tti bilbilaa yookin visit wa211.org daawwadhaa.

Odeeffannoo dabalataaf, Talaalliwwan COVID-19 ilaalaa: Barruu odeeffannoo Waan beekuu qabadanii.

Talaallii fudhachuudhaaf lammii U.S ta'uun qabaa?

Lakki, talaallii fudhachuudhaaf lammii U.S ta'uun dirqama miti. Kana jechuun talaallii argachuudhaaf lakoofsa sooshaal sekuriitii, yookin dokumentiiwwan biroo sadarkaa baqannaa keessanii ibsan isin hin barbaachisu jechuudha. Qaamoleen talaallii dhiyeessan tokko tokko lakoofsa sooshaal sekuriitii gaafachuu malu, garuu kennuu hin qabdan.

Talaallicha argachuudhaf ijoollen keessan lammii U.S. ta'uun irra hin jiru. Ogeeyyin waldhaansa fayyaa odeeffannoo sadarkaa godaansaa nama kamiyyuu hin gaafatan. Dargaggoota waggaa 18 gadii talaalchisuuf, yeroo heddu maatinii fi guddiseewwan eeyyama kennuu qabu.

Washington State Department of Health (Muummen Fayyaa Isteeta Washingtan) namni umurii waggaa ji’a 6 fi isaa olii hundi akka talaallii fudhatan ni gorsa.

Talaallidhaaf kaffaltii nan gaafatama?

Lakki. Tallicha yommuu fudhattan kaffaltii homaatuu hin baastan (Ingiliffa), yookin dhiyeessaa/ogeessa fayyaa yookin wiirtuu talaallii (vaccination facility) nagahee kaffaltii homaatuu hin fudhattan. Kuni kan raawwatu namoota inshuraansii dhuunfaa qaban, Apple Health (Medicaid) qaban, Medicare qaban, inshuraansii hin qabne irratti.

Yeroo ogeessa fayyaa/doktara keessan bira talaallii fudhachuudhaaf dhaqxanitti tajaajila biroo yoo argattan, tarii kaffaltii gaafatamuu dandeessu. Kuni akka hin taane gochuudhaaf, dursitanii waa'ee kaffaltii doktara keessan gaafachuu ni dandeessu.

Inshuraansii fayyaa hin qabdan yoo ta'e, ogeeyyiin fayyaa talaallidhaaf isin kaffalchiisuu hin danda'an, kan hin taane yoo ta'e ammoo seera sagantaa talaalii COVID-19 cabsan jechuudha. Yoo isin kaffalchiisan karaa covid.vaccine@doh.wa.gov email godhaa.

Inshuraansii fayyaa yoo qabaattanii fi yoo kaffalchiifamtan, jalaqaba karoora inshuraansii keessan qunnamaa. Dhimmichi isiniif hin furamne yoo ta'e, Biiroo Komishinarii Inshuraansitti komii dhiyeeffachuus (Ingiliffa) ni dandeessu.

  • Tajaalila hiika afaanii bilbilaa (kaffaltii tokko malee afaanota 100 oliin jiru) argachuuf 800-562-6900 tti bilbilaa
  • TDD/TYY: 360-586-0241
  • TDD: 800-833-6384
    Inshuraansii fayyaa hin qabu yoon ta'e hoo?

    Uwwisa inshuraansii hin qabdan yoo ta’e, dhiyeessaa (provider) keessanitti himaa. Ammayyu talaallicha baasii malee argachuu ni dandeessu.

    Talaallichaaf baasiin baasu hin qabu yoo ta'e, odeeffannoo inshuraansii fayyaa kiyyaa maalifan gaafatama?

    Yeroo talaallii fudhattan, dhiyeessan talaallichaa kaardii inshuraansii yoo qabaattaniif isin gaafata. Kana kan godhaniif talaallii isiniif kennan sanaaf booda kaffaltii fudhachuu waan qabaniifi (kaffaltii talaallii kennuu). Inshuraansii hin qabdan yoo ta'e, dhiyeessan keessan beekuu qaba. Kanas ta'e, ammayyuu talaallicha baasii tokko malee ni fudhattu.

    Kaffaltii talaallii kennuu maalidha, eenyutu kaffala?

    Kaffaltiin talaallii kennuu jechuun kaffaltii dhiyeessan waldhaansa fayyaa talaallii isiniif kennuuf kaffalchiisudha. Kuni gatii talaallii mataa isaa irraa adda.

    Mootummaan federaalaa gatii talaallii guutummaa isaa ni kaffala. Inshuraansii fayyaa kan mootummaa yookin dhuunfaa yoo qabaattan, dhiyeessan talallii keessan kaffaltii talaallii kennuutif isaan kaffalchiisuu mala.

    Kaffaltii talaallii COVID-19 kennnuutif kiisii keessanii baasuu hin qabdan yookin dhiyeessaa keessan irraa nagahee kaffaltii fudhachuu hin qabdan. Kuni kan raawwatu namoota inshuraansii dhuunfaa qaban, Apple Health (Medicaid) qaban, Medicare qaban, inshuraansii hin qabne irratti.

    Amma talaalliwan COVID-19 keessaa kamtu argama?

    Talaalliwwan sadi itti fayyadama yeroo hatattamaatif U.S. Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaata fi Qorichaa U.S.) tiin hayyamamaniiruu yookin guutummaatti ragga’amaniiru. Talaalliwwan kunniin ammatti isteeta Washington keessatti kennamu. Talaalliiwwan Pfizer (Comirnaty) fi Moderna (Spikevax) sababa haala balaa darbee darbee dhufu kan thrombosis jedhamu thrombocytopenia syndrome (TTS, Mallattoo Pilaatileetii Dhiigaa Gadi Aanaa) fi Guillain-Barré syndrome (GBS, Mallattoo Sirni Dhukkuba Ittisuu Narvii Yeroo Hubu) tif talaallii Johnson & Johnson caalaa ni gorfamu.

    Talaallii COVID-19 Pfizer-BioNTech (Comirnaty):

    Dooziin sadii ijoollee umrii ji’a 6 haga waggaa 4 tahaniif ni kennama. Dooziiwwan jalqabaa lamaan garaagarummaa guyyoota 21’n akkasumas doozii sadaffaan doozii lammaffaa booda torbanoota 8 booda kennama.

    Kuni talaallii doozii lamaan fudhatamu ta’ee garaa garummaa guyyoota 21 tiin kan kennamudha, dabalataniis:

    • Namoonni madiinummaa dadhabaa qaban fi talaallii COVID-19 mRNA doozii lama fudhatan doozii dabalataa jalqabaa fudhachuu qabu.
    • Namni umuriin isaa waggaa 5 fi isaa ol ta’e hundi sagantaa talaallii jalqabaa guutuu ykn doosiin booster duraanii erga fudhatee ji’a lama booda doosiin guddiftuu talaallii sirrii (bivalent) fudhachuu qaba. Daa’imman waggaa 5 talaallii maqaa Pfizer fudhatan talaallii Pfizer fooyya’e (bivalent) kan booster dose qofa argachuu danda’u. Namoonni dhuunfaa umuriin isaanii waggaa 6 fi isaa ol ta’e sagantaa talaallii jalqabaa isaanii keessatti maqaa talaallii argatan osoo hin ilaalin talaallii fooyya’e (bivalent) Pfizer ykn Moderna irraa booster dose fudhachuu qabu.

    Ati walfaannee talaallii COVID-19 hundaa fudhattee xumuurte taanan akkasumas doozii ittisa dabalaa CDC dhan eerame isa dhihoo fudhattee jirta taanan, talaalliin COVID-19 keewaqtaawaadha jechuudha.Talaallichi maqaa Comirnaty jedhu jalatti namoota umurii 12 fi isaa oliitif akka kennamu raggaasifamee jira. Talaallichi itti fayyadamiinsa yeroo hatattamaatif (for emergency use) dargaggoota umurii ji’a 6 hanga 11 jiraniif akka kennamu raggaasifamee jira. Qorannoowwan yaalii kilinikaalawaa agarsiisutti waanti addaa rakkisaa ta’e kan uumame hin jiru.

    Talaallii COVID-19 isa Moderna (Spikevax) jedhamu:

    Kuni talaallii doozii lamaan fudhatamu ta’ee garaa garummaa guyyoota 28 tiin kan kennamudha, dabalataniis:

    • Dooziin dabalataa (sadaffaa) namoota dandeentin dhibee ittisuu isanii dadhabaa ta’eef kennama.
    • Namoota umuriin isaanii ji’a 6 fi isaa ol ta’eef, doosiin isaanii isa dhumaa erga fudhatanii ji’a 2 booda, talaallii isaanii yeroon akka walsimuuf doosiin guddiftuu talaallii mRNA fooyya’e (bivalent) ni gorfama. Daa’imman umuriin isaanii ji’a 6 hanga waggaa 4 ta’e talaallii fooyya’e (bivalent) kan maqaa talaallii sagantaa talaallii jalqabaa isaanii keessatti argatan waliin walfakkaatu fudhachuu qabu. Daa’imman waggaa 5 talaallii maqaa Moderna fudhatan talaallii Moderna ykn Pfizer fooyya’e (bivalent) kan booster dose argachuu danda’u. Namoonni dhuunfaa umuriin isaanii waggaa 6 fi isaa ol ta’e sagantaa talaallii jalqabaa isaanii keessatti maqaa talaallii argatan osoo hin ilaalin talaallii fooyya’e (bivalent) Pfizer ykn Moderna irraa booster dose fudhachuu qabu.

    Talaalliin namoota umuriin isaanii wagga 18 fi isaa ol ta’aniif guutummaatti kan mirkanaa’edha. Talaalliin Moderna ijoollee umrii ji’a 6 – waggaa 17 tahaniif Emergency Use Authorization (EUA, Heyyama Itti Fayyadamaa Dingataa) jalatti ni jira. Ati walfaannee talaallii COVID-19 hundaa fudhattee xumuurte taanan akkasumas doozii ittisa dabalaa CDC dhan eerame isa dhihoo fudhattee jirta taanan, talaalliin COVID-19 keewaqtaawaadha jechuudha.

    Qorannoowwan yaalii kilinikaalawaa agarsiisutti waanti addaa rakkisaa ta’e kan uumame hin jiru.

    Talaallii COVID-19 vaccine Johnson & Johnson – Janssen:

    Talaallin kun namoota dhuunfaa umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa oliitif itti fayyadama waldhaansa hatattamaatiif kan eeyyamameedha. Kunii talaallii doozii tokkoo (yeroo tokko qofa) fudhatamuudha. Ati walfaannee talaallii COVID-19 hundaa fudhattee xumuurte taanan akkasumas doozii ittisa dabalaa CDC dhan eerame isa dhihoo fudhattee jirta taanan, talaalliin COVID-19 keewaqtaawaadha jechuudha. Namni umuriin isaa waggaa 18 fi isaa ol ta’e hundi sagantaa talaallii jalqabaa guutuu ykn doosiin booster duraanii erga fudhatee ji’a lama booda doosiin guddiftuu talaallii sirrii (bivalent) fudhachuu qaba. Qorannoowwan yaalii kilinikaalawaa agarsiisutti waanti addaa rakkisaa ta’e kan uumame hin jiru. Talaalliiwwan Pfizer fi Moderna talaallii Johnson & Johnson caalaa ni gorfamu.

    Talaallii COVID-19 vaccine Novavax:

    • Dooziiwwan lamaan kan umuriin isaanii 12 fi isaa ol ta'eef guyyoota 21 adda fageessun kennaman
    • Namni umuriin isaa waggaa 12 fi isaa ol ta’e hundi sagantaa talaallii jalqabaa guutuu ykn doosiin booster duraanii erga fudhatee ji’a lama booda doosiin guddiftuu talaallii mijaawaa (bivalent) fudhachuu qaba.
    • Namoonni umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta’es yoo hin dandeenye, ykn talaallii mRNA fooyya’e doosiin guddiftuu fudhachuu hin barbaanne talaallii Novavax doosiin guddiftuu fudhachuu filachuu danda’u.

    Talaallin kun namoota dhuunfaa umuriin isaanii waggaa 12 fi isaa oliitif itti fayyadama waldhaansa hatattamaatiif kan eeyyamameedha. Ati walfaannee talaallii COVID-19 hundaa fudhattee xumuurte taanan akkasumas doozii ittisa dabalaa CDC dhan eerame isa dhihoo fudhattee jirta taanan, talaalliin COVID-19 keewaqtaawaadha jechuudha. Qorannoowwan yaalii kilinikaalawaa agarsiisutti waanti addaa rakkisaa ta’e kan uumame hin jiru. 

    Doozii lammaffaa fudhachuuf yeroon isaa yoo na jala darbe, marsaa jalqabaatii kaasee irra deebin fudhachuun qabaa?

    Lakki.Doozii lammaffaa fudhachuuf yoo booddetti haftan, irra deebin jalqabaa kaatanii fudhchuun isin hin barbaachisu.

    Doozii jalqabaa fudhattanii guyyoonni eeyyamaman sun erga darbaniin booda, hatattamaan doozii lammaffaa fudhadhaa.

    Doozii lammaffaa argachuuf hammam yoo turtan iyyuu doozii lammanuu fudhachuun barbaachisaadha.

    Dandeettin dhibee ittisuu keessan dadhabaa yoo ta'ee fi doozii dabalataa fudhachuudhaf ulaagaa kan guuttan ta'e, doozii lammaffaa erga fudhattaniin booda yoo xiqqaate guyyaa 28 turuu qabdu.

    Ulfa yoon ta'e, harma hosisaa yoon jiraadhe yookin ulfaa'uf karoora yoon qabaadhe, talaallii COVID-19 fudhachuu nan danda'aa?

    Eeyyee, ragaaleen akka agarsisanitti yeroo ulfaa talaallin COVID-19 fudhachuun rakkoo homaa hin qabu. (CDC, Giddu Galli Ittisaa fi To'annoo Dhibee) (Ingiliffa qofa), American College of Obstetricians and Gynecologists (ACOG, Kolleejjin Ogeeyyii Obistireshiyaani fi Gaayinakoolojistootaa), Society for Maternal-Fetal Medicine (SMFM, Gamtaa Waldhaansa Haadholii fi Miciree) (Ingiliffa qofa), talaallin COVID-19 haadholii ulfaa, kan harma hoosisaa jiranii fi ulfa ta'uudhaf karoora qabaniif akka kennamu jedhaniiru. Qoraannoowwan tokko tokko akka agarsiisanitti, talaallii yoo fudhattan, mucaaan keessan karaa ulfaa fi harma hodhuutin farra dhibee COVID-19 irraa ittisu (anti bodies) argatu. Haadholiin ulfaa talaallii osoo hin fudhatin COVID-19'n qabaman, carraan rakkoowwan akka osoo hin gahin dahuu fi dahuuumsa irratti yookin isa dura mucaan du'uudhaf saaxilamuu isaanii olaanaadha. Dabalataanis, namoonni yeroo ulfaa COVID-19'n qabaman deeggarsa lubbuu baraaruu (life support) fi ujummoo hargansuu harka lama hanga sadii ni barbaadu.

    Yeroo ulfaa fi waqtii harma hoosisuutti leecalloowwan talaallii COVID-19 dabalataa argachuuf, maaloo odeeffannoo talaallii haaroomfamaa toora marsaariitii Talaallii Tokko, Lubbuuwwan Lama irraa ilaalaa.

      Talaalliwwan irra deddeebin (routine) yoon fudhadhe, talaallii COVID-19 fudhachuu nan danda'aa?

      Eeyyee. Koreen Gorsituu Hojiiwwan Talaallii (Advisory Committee on Immunization Practices (ACIP)) gaafa Caamsaa 12, 2021 yaada furmaataa (recommendations) isaanii jijjiiraniiru. Kanaaf, ammma osuma talaalliwwan gosa biroo fudhataa jirtanii talaallii COVID-19 fudhachuu ni dandeessu.

      Talaallii COVID-19 irraa adda baasun talaalliwwan mana baruumsaa dirqama ta'an (Ingiliffa) kan ijoollee keessanii yookin talaalliwwan jajjabeeffaman kanneen biroo beellamuu hin qabdan. Talaallii COVID-19 tif beellama qabachuun, ijoollen talaalliwwan kan biroos akka fudhataniif carraa gaarii uuma.

      Kaardin galmee talaallii (vaccination record card) maalidha?

      Doozii talaallii COVID-19 jalqabaa yommuu fudhattan waraqaa kaardii talaallii fudhachuu qabdu. Kaardiin gosa talaallii (Comirnaty/Pfizer-BioNTech, Spikevax/Moderna, yookin Johnson & Johnson) kam akka fudhattanii fi guyyaa itti fudhattan akka beektan isin gargaara.

      Talaallii Comirnaty/Pfizer-BioNTech yookin Spikevax/Moderna yoo fudhattan, yeroo doozii jalqabaa sana dhiyeessan keessan doozii lammaffaf beellama isiniif qabuu qaba. Dhiyeessan keessan doozii lammaffaa booda akka xumuruuf, kaardi kana olkaa’aa.

      Doozii dabalataa yookin doozii dandeettii dhibee ittisuu dabalu fudhattu yoo ta'e, kaardii talaallii keessan qabattanii beellama keessan dhaquu qabdu. Ogeessi talaallii isinii kennu doozicha ni galmeessa.

      Waa'ee kaardii talaallii keessan sirnaan qabuu ilaalchisee odeeffannoowwan barbaachisoo armaan gadii ilaalaa:

      • Kaardii talaallii keessan hanga talaallii fixxanittis ta'ee erga fixxaniin booda olkaa'aa.
      • GODHAA kaardii talaallii keessan duraa fi duuban koppii gochuun of harkatti qabadhaa.
      • Albamii uumun, yookin yeroo barbaaddan salphaatti akka argachuu dandeessanitti suura kaastan sana taagii/mallattoo itti gochuun e-mail keessan irratti ergaa.
      • GODHAA tokko of harkatti qabachuu yoo barbaaddan suura kaasaa.

      Kaardii talaallii keessan bakka beellamaatti hin fidne yoo ta'e illee dozii lammaffaa inuma fudhattu. Talaallii gosa wal fakkaataa fudhachuu keessan mirkaneessuf, doozii tokkoffaa gosa talaallii kam akka fudhattan dhiyeessaa keessan gaafadhaa. Kaardii talaallii yoo gattan, MyIR seenun (My Immunization Registry (Galmee Talaallii Kiyya)) (Ingiliffa qofa) kaardii talaallii COVID-19 keessan ilaaluf, odeeffannicha iskiriin shootii isaa yookin suura kaasaa. Akkaawuntii hin qabdan yoo ta'e, yeroo kamittuu MyIR dhaaf galmaa'uu (sign up) ni dandeessu.

      Karaa MyIR tiin galmee keessan mirkaneessun kan saffisu ta'uu dhiisuu mala, akkasumas ammatti tajaajilichi Ingiliffa qofaan kennamaa jira. MyIRmobile ilaalchisee yookin gaaffii waa'ee galmee talaallii ilaalchisee deeggarsi bilbilaa kallattiidhan jira; kunis Department of Health COVID-19 (Muummee Fayyaa COVID-19) sarara bilbilaa 833-VAX-HELP irratti bilbiluudhan yookan karaa imeelii waiisrecords@doh.wa.gov qunnamuudhan.

      Nageenya fi Bu'a Qabeessummaa

      Talaallii COVID-19 Maaliifan Fudhachuu Qaba?

      Talaallii COVID-19 fudhachuun fedhii keessan irratti hundaa'a, garuu weerara kanatti xumura gochuuf hanga danda'ametti namoonni heddu akka talaalaman barbaanna. Hawaasa keessatti namoonni baay'een talallii fudhachuu yookin dhiyeenyatti dhibichaan qabamuu irraa kan ka'e dandeettin dhibee ittisuu namootaa gaafa dabalu, tatamsa'inni COVID-19 ni hir'ata. Baay'inni namoota talaallii fudhatanii hanguma dabalaa deemu, tatamsa'inni dhibichaa hir'ataa deema.

      Talaalliwwan COVID-19 karaa hedduun isin gargaaru:

      • COVID-19 dhaan yoo qabamtan, carraa dhibichaan dararamuu baay'ee hir'isa
      • Talaallii guutuu fudhachuun carraa COVID-19 dhan dhibamanii ciisuu yookin du'uu gadi xiqqeessa.
      • Talaallii fudhachuun, hawaasa keessatti namoonni dhibicha irraa ittifaman hawaasa keessatti akka heddummatan taasisa, kuni ammoo dhibicha akka hin babal'anne gargaara.
      • Namoonni vaayirasichi namoota birootti akka hin daddabarsineef saayintistoonni dandeettii talaallichaa qorachuu itti fufaniiru.

      Erga guutumaatti talaallii fudhattanii booda, COVID-19 dhaan qabamuun ammayyuu ni danda'ama, garuu kan yeroo talaallii hin fudhatin duraatin gaafa wal bira qabamu baay'ee xiqqaadha.

      Namoonni talaallii hin fudhatin vaayirasichaan qabamuun namoota birootti ni daddabarsu. Sababa meedikaalaaf namoonni tokko tokko talaallii fudhachuu hin danda'an, kuni ammoo caalmatti COVID-19'f salphaatti akka saaxilaman isaan taasisa. Talaallii hin fudhanne yoo ta'e, carraan isin gosa COVID-19 vaayirasii kan biraatin (Ingiliffa qofa) dhukkubsattanii ciisuu yookin du'uu keessan olaanadha.Talaallii fudhachuun, maatii, ollaa fi hawaasa keessan ittisuuf gargaara.

      Namoonni baay'en dhibichaan qabaman erga ni bayyanatu ta'ee, talallii COVID-19 fudhachuun maalif na barbaachisa?

      Balaan COVID-19 geessiu du'a qofa miti. Namoonni COVID-19'n qabaman baay'ee isaanii mallatto giddu galeessatu irratti argama. Haa ta'u malee, vaayirasicha tilmaamun baay'ee rakkisaadha, gosoonni COVID-19 (Ingiliffa qofa) muraasni baay'ee akka nama huban ni beekna. Namoonni tokko tokko COVID-19'n qabamanii baay'ee dhukkubsachuu yookin du'uu ni danda'u, dargaggoota kana dura rakkoo fayyaa homaa hin qabne dabalatee jechuudha. Kaneen biroo “COVID yeroo dheeraf kan baatan (long-haulers)” kan jedhamuun beekaman mallattoon dhibichaa ji'ootaf isaan irra turuu dandaa'a, jireenya isaaniis ni miidha. Vaayirasichi haaraa ta'uu isaa irraa kan ka'e, dhiibbaa yeroo dheeraa COVID-19 geessisu hanga ammaatti hin barre. Vaayirasicha ittisuuf malli baay'ee filatamaan talaalalamuudha. Dargaggeessa fi fayyaalessa namni ta'e iyyuu talaallii COVID-19 fudhachuu qaba.

      Gosti (variant) COVID-19 maalidha?

      Vayirasiiwwan nama irraa gara namaatti gaafa darbu ni jijjiirama. ‘Gosa vaayirasii (variant)' jechuun vaayirasii jijjiiramedha. Gosa vaayirasii (variant) tokko tokko yeroon booda ni badu, kaan ammoo kaan ammoo ittuma fufuun hawaasa keessa tatams'u.

      Centers for Disease Control and Prevention (CDC) (Ingiliffa qofa) gosoota vaayirasii yaaddessoo ta'an adda baasera. Yeroo ammaa kana gosoota vaayirasii heddutu yaaddessaa ta'ee jira, sababni isaa salphaa fi saffisaan waan tatamsa'aniif dhibeen COVID-19 akka baay'atu godhu.

      Talaallin COVID-19 gosoota vaayirasii (variants) ittisuuf ni ta'aa?

      Talaalliin COVID-19 yeroo ammaa Ameerikaatti dhiyaatu kun bifa dhukkuba hamaa, hospitaala ciisuu fi du'a, garaagarummaa irratti illee ittisuuf bu'a qabeessa. Haa ta'u malee, ogeeyyiin fayyaa hawaasaa keessumattuu namoota balaa guddaa qaban biratti bifa COVID-19 salphaa fi giddu galeessaa irraa eegumsi hir'achuu argaa jiru.

      Doosiin booster tailored immunity guddisuu fi omicron variant irraa eegumsa fooyya'aa kennuudhaaf uumameera. Eegumsa gaarii irraa fayyadamuuf doosiiwwan gorfaman hunda argachuun barbaachisaa dha.

      Isin, maati fi nama jaalattan dhibicha irraa ittisuuf talaallin mala filatamaadha. Uwwisni talaallii yommuu olka'u, tatamsa'ina vaayirasichaa hir'isa akkasumas gosootni vaayirasii kan biroo akka hin uumamnes ni gargaara.

      Talaaliwwan kun rakkoo kan hin qabne ta'uu isaanii akkamitti beekna?

      Talaaliiwwan COVID-19 nagaa ta’uu isaanii mirkaneessuuf, Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Jiddugalawwan Too'annoo fi Ittisa Dhibee) n dandeettii To’annoo nageenya talaallii bal’isuun jabeesseera. Sababa Kanaaf, ogeessonni nageenya talaallii dhimmoota yeroo yaalii talallii COVID-19 hin ka’iin yokiin hin argamiin ni to’atu ni qoratu.

        Talaallin Johnson & Johnson irratti maaltu ademsifama jira?

        Muddee 2021 irra eegale Washington State Department of Health (DOH, Qajeelcha Fayyaa Isteeta Waashingtan) TalaalliiJohnson & Johnson (J&J) yeroo tokko kan fudhatamu caalaa talaallii COVID-19 mRNA (Pfizer-BioNTech fi Moderna) akka filatan gorsa.

        Haroomsi kuni haaraan talaallii J&J hordofuun waa'ee haalota darbee darbee mul'atan lamaa ilaalchisee erga deetaan dhiyaate booda qajeelfamaCenters for Disease Control and Prevention (JiddugalaTo'annoo fi Ittisa Dhukkubbii) hordofa.

        Haalonni kunneen kan wal qabatan talaallii COVID-19 J&J qofa wajjiin malee talaalliwwan Pfizer ykn Moderna miti. Namoota yeroo ammaa kana talaallii COVID-19 barbaadaniif DOH talaalliiwwan Moderna fi Pfizer gorsa. Haa ta’u malee, talaalliiwwan kanneen fudhachuu yoo hin dandeenye ykn hin barbaanne taatan talaalliin J&J ammas ni jira. Maaloo waa’ee filannoowwan keessanii ogeessa fayyaa keessan waliin mari'adhaa.

        Torbanoota darban sadeen keessatti talaallii COVID-19 J&Jkan fudhattan yoo ta'e ykn talaallii COVID-19 J&J argachuuf karoora yoo qabaattan, mallattoowwan akeekkachiisaa gosa itituu dhiigaa TTS dhan dhufan beeka. Isaan bowwoo mataa ulfaataa, dhukkubbii garaa. dhukkubbii miilaa fi/ykn hafuura baasuu dadhabuu of keessatti dabalata. Mallattolee kanneen keessa kamiyyuu yoo argitan, maaloo hatattamaan waldhaansa argadhaa.

        Talaallii COVID-19 kamiyyuu erga fudhataniin booda, yeroo torban jalqabaa keessatti mallattoolee xiqqaadhaa hanga giddu galeessatti yoo nama irratti mul’ate homaa miti, ho''insa qaamaa, bowwoo mataa, bututuu fi dhukkubbii bakka qaamni itti wal qunnamu/maashaa dabalatee jechuudha. Mallattooleen kunneen yeroo heddu talaallii erga fudhatanii booda guyyoota sadi gidduutti kan nama eegalu yoo ta’u, guyyoota muraasa qofa tura.

        Talallin tokko FDA dhaan mirkanaa'e jechuun maal jechuudha?

        Mirkaneessa itti fayyadama hatattaamaaf osoo hin taane, guutummaatti mirkaneessuf FDA'n raga yeroo dheeradhaaf qorata. Talaallin tokko hayyama guutummaan mirkanaa'uu argachuuf, omisha talallii keessatti ragaan sun nageenyummaa, bu'a qabeessummaa fi to'annoo qulqullinaa sadarkaa olanaa agarsiisuu qaba.

        Mirkaneessi Itti Fayyadama Hatattamaa (EUA), osoo waraqaa hayyamaa hin kennamin dura yeroo labsii hatattamaatti omishni akka dhiyaatuf akka taasisuuf FDA gargaara. Kaayyon EUA, ragaan yeroo dheeradhaaf osoo hin qoratamin dura namoonni talaalliwwan lubbuu baraaran akka argatan gochuudha. Haa ta'u malee, EUA qorannoo ragaa kilinikaa cimaa ta'e, kan yeroo gabaabadhaaf tasifamu barbaada, gaafata. EUA'n FDA dhan hayyamni kennameef kamiyyuu Scientific Safety Review Workgroup (Garee Hojii Qorannoo Saayinsii Nageenyaa) tin qoratama, akka qaama Western States Pact (Walii Galtee Naannolee Lixaa) (Ingiliffa qofa) tti jechuudha.

        Western States Pact Maalidha?

        Gareen qorannoo kun waa’ee nageenyummaa talaallii irratti yaada ogummaa dabalataa dhiyeessu. Gareen kun kan of keessatti hammatu ogeeyyii naannolee miseeensa ta’aniin muudaman, fi saaayintistoota akka biyyaatti talaalli fi fayyaa hawaasaa irratti ogummaa guddaa qabaachun isaanii itti amanameedha. Yeroo COVID-19 balaa fayyaa ta’ee labsame qindoomina cimaa fi walta’iinsa naannoolee dhihaa waliin socho’uuf, paanaaliin kun talaallii arfan yeroo ammaa kutaa Waashingitan keessatti qabnuuf gamaaggama federaalaa waliin wal-fakkaatuun ragaalee uummataaf dhiyaatan hunda gamaaggame. Yeroo gara marsaa fayyina haaraa weerara vaayirasii kanaatti ceenu, Western States Pact (Waliigaltee Biyyoota Dhihaa) diigamee jira, eeyyamni itti fayyadama talaallii kutaalee dhihaa keessatti hunduu Food & Drug Administration (FDA, Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa) kan murtaa’u yoo ta’u, yaadni talaallii The Center for Disease Control and Prevention (CDC, Giddu-gala To'annoo fi Ittisa Dhukkubootaa) irraa kan dhufu ta’a.

        Bu'aa qorannoo Western States Scientific Safety Review Workgroup:

        Talaallin COVID-19 qaama kiyya keessatti akkamitti hojjata?

        Viidiyoo kana ilaalaa Talaallin akkamitti qaama keessan keessatti akka baruuf.

        Talaalliwwan mRNA (Pfizer fi Talaalliwwan mRNA (Pfizer and Moderna COVID-19)

        Talaalliwwan jiran keessaa lamaan messenger RNA (mRNA) dha.

        Talaalliwwan mRNA seelonni qaama keessanii pirotiinii ispaayikii koronovaayirsaii dhiibbaa hin geessifne akka omishan barsiisa. Dandeettiin dhibee ittisuu keessan pirootiinicha waliin waan wal hin gitneef, qaamni keessan farra qaamaa (antibodies) omishuu jalqaba. Gara fuulduraatti dhibichaan ni faalamtu yoo ta'e, farreen ittisaa (antobodies) kuneen akkamitti COVID-19 akka faccisan ni yaadatu. Yeroo talaallii argattan, osoo dhibee homaafuu hin saaxilamin qaamni keessan dandeettii COVID-19 of irraa ittisuu horata. Erga hojii isaa hojjateen booda, mRNA dafee caccabuun qaamni guyyoota muraasa gidduuti nagaa ta'a.

        Talaalliwwan vaayiral vektarii (Talaallii COVID-19 Johnson & Johnson)

        Talaalliwwan COVID-19 keessaa tokko vaayiraal vektariidha.

        Talaalliwwan vektar gosa vaayiraasii dadhabaadhan hojjatme (vaayirasii COVID-19 nama qabsiisu irraa adda kan ta'e jedhuudha). Talaalliwwan kunneen seelonni keessan pirotiinii ispaayikii koronovaayirasii miidhaa hin qaqqabsiisne akka omishan barsiisu. Malli qaamni keessan dhibee ofirraa ittisu (immune systme) pirootiinin isaan akka wal hin gitne yommuu argu, farra qaamaa omishuu eegala. Qaamni keessan gara fuulduraatti akkamitti COVID-19 irraa akka isin ittisu ni barata, osoo hin dhukkubsatin jechuudha.

        Talaallin vektarii (vector vaccine) nuti qabnu kan doozii tokkooti. Erga doozicha fudhattaniin booda qaamni keessan guutummaatti dhibicha ofirraa ittisuuf hanga torbee lamaa ni tura.

        Talaalliwwan kuta xiqqaa pirootinii (Talaalliwwan Novavax COVID-19)

        Talaalliwwan COVID-19 Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaataa fi Dawaa) mirkanaa’an keessaa tokko talaallii kutaa xiqqaa pirootiniiti. Talaalliiwwan kuta xiqqaa pirootinii bicuuwwan vaayirasii (pirootinootaa) COVID-19 fidan (vaayirasii lubbuu qabu kamiyyuu osoo hin fayyadamiin hojjetaman) dabalata talaallichi qaama keessatti akka gaariitti akka hojjetu gargaaruf yaadame qabu of keessaa qaba. Sirni madinummaa qaamaa keenya pirootiinii fiixee qara qabu kanaaf deebii akkamii akka kennu erga beekee booda, sana booda vaayirasii qabatamaadhaf dafee deebii kennuun COVID-19 irraa isin ni eega. Talaalliiwwan kuta pirootinii vaayirasii COVID-19 fidu waliin infeekshinii fiduu hin danda'an akkasumas DNA keenya waliin walitti hin bu'an.

        Talaallin kutaa xiqqaa vaayirasii argamu talaallii doozii-lamaadha. Yeroo baay'ee guutumaan guututti eegumsa argachuuf, doozii lammaffaa booda gara torbeewwan lamaa fudhata.

        Yeroo tokko tokko talaallin mallattoowan akka qaama gubaa giddu galeeessa ta'e yookin waan akka qorraa fiduu danda'a, garuu rakkoo homaa hin fidu.

        Odeeffannoo dabalataaf, wantoota dubbifaman (resources) kanneen ilaalaa: Isnaappishootii Talaalliwwan COVID-19 fi Talaalliwwan COVID-19: Maaltu Beekamuu akka Qabu.

        Namoonni hawaasa keessa jiran hedduun isaanii koronavaayirasii ittisuu yoo danda'an, vaayirasichi eessayyuu gahuu hin danda'u jechuudha. Kana jechuun, tatamsa'ina isaa saffisaan dhaabuu ni dandeenya akkasumas weerara kana gara balleessutti ni dhiyaanna jechuudha.

        Talaalliwwan COVID-19 akkamitti hojjatamu?

        Viidiyoo gabaaban kun talaalliwwan COVID akkamitti akka hojjataman agarsiisa.

        Talaallin mRNA maalidha?

        Talaallin messenger RNA, yookin mRNA gosa talaallii haaradha.Talaallin mRNA, seelin keessan “pirootinii akka qoraattii (spike protein)” miidhaa hin qaqqabsiifne akkamitti akka omishu barsiisa. Pirootinii akka qoraattii kun waanta korona vaayirasii irratti (on the surface) argaitaniidha. Sirni danddeettii dhibee ittisuu keessan pirootiinichi kan achii akka hin taaane yeroo hubatu qaamni keessan dandeettii dhibee ittisuu cimsachuun farra dhibee (antibodies) omisha. Kuni waanta yeroo dhibeen COVID-19 nu qabu uumamuun wal fakkaata. Erga hojii isaa hojjateen booda, mRNA dafee caccabuun qaamni guyyoota muraasa gidduuti nagaa ta'a.

        Yeroo darbe keessa mRNA gosa yaalaa kan biroo fi kunuunsa yaala bineensotaatif itti fayyadamnu illee, mala kana fayyadamuun talaallii omishuun saayinsii gara fuulduratti tarkaanfachiisa akkasumas gara fuulduraatti talaallii omishuun baay'ee salphaa ta'a jechuudha.

        Waa'ee talaalliwwan mRNA marsariitii CDC irratti akkamitti akka hojjatan (Ingiliffa qofa) caalmatti dubbisuu ni dandeessu

        Talaallin vaayiraal vektarii maalidha?

        Talaallin gosti akkanaa gosa vaayirasii garaa agaraa akka dadhabu godhame (“vektarii”) seelota keessaniif ajaja kennu fayyadama. Pirotiinii akka qorattii kan COVID-19 miidhaa hin geessifne uumuf veektarchi selii lixuun maashinii seelii fayyadamama. Seelichi gubbaa isaatti (on its surface) protiinii akka qoraattii (spike protein) agarsiisa, sirni dandeettii qaama keessanii ammoo pirootichi kan achii akka hin taane arga jechuudha. Sirni dandeettii ittisa dhibee qaama keessanii farra qaamaa (antibodies) omishuu eegaluun seelonni dandeettii dhibee ittisuu kan biroo infeekshinicha akka lolaniif isaan dammaqsa. Qaamni keessan gara fuulduraatti akkamitti COVID-19 irraa akka isin ittisu ni barata, osoo hin dhukkubsatin jechuudha.

        Talaalliwwan kuta xiqqaa pirootinii maali?

        Talaalliwwan COVID-19 Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaataa fi Dawaa) mirkanaa’an keessaa tokko talaallii kutaa xiqqaa pirootiniiti. Talaalliiwwan kuta xiqqaa pirootinii bicuuwwan vaayirasii (pirootinootaa) COVID-19 fidan (vaayirasii lubbuu qabu kamiyyuu osoo hin fayyadamiin hojjetaman) dabalata talaallichi qaama keessatti akka gaariitti akka hojjetu gargaaruf yaadame qabu of keessaa qaba. Sirni madinummaa qaamaa keenya pirootiinii fiixee qara qabu kanaaf deebii akkamii akka kennu erga beekee booda, sana booda vaayirasii qabatamaadhaf dafee deebii kennuun COVID-19 irraa isin ni eega. Talaalliiwwan kuta pirootinii vaayirasii COVID-19 fidu waliin infeekshinii fiduu hin danda'an akkasumas DNA keenya waliin walitti hin bu'an.

        Fooyyessaaan maali?

        Fooyyessaan Novavax keessatti argamu dabalata deebii sirna madinummaa cimsuuf akka gargaaru yaadamedha.

        Talaalliwaan keessatti qabiyyee maal faatu argama?

        Qabiyyeewwan talaalliwwanii COVID-19 keessatti argaman addumatti kan talaalliwwaniiti. Talaalliwwan wantooni of keessatti qabatan, qabiyyeewwan (active ingredients) mRNA yookin andeenoovaayirasii haarome (modified adenovirus) qabiyyeewwan kanneen akka coomaa (fat), ashaboo, sukkaara kan qabiyyeewwan (active ingredients) ittisan, akkasumas yeroo deddeebisanii fi kuusan talaallii ittisu wajjin.

        Talaallin Novavax COVID-19, talaallichi qaama keessatti akka gaaritti akka hojjatu gargaaruf jecha, coomaa fi sukkaara waliin talaallii kuta xiqqaa pirootinii irratti hundaa’e kan dabalata qabuudha. Talaallin kun mRNA hin fayyadamu.

        Talaalliwwan Pfizer, Moderna, Novavax, fi Johnson and Johnson seeliwwan namaa (seelii miciree dabalatee), vaayirasii COVID-19, laateksii, tursiistuwwan (preservatives), yookin omisha booyyee fi jelaatin dabalatee omisha bineensotaa homaayyuu of keessaa hin qabu. Talaalliwwan hanqaaquu keessatti hin guddaanne, kanaaf omisha hanqaaquu of keessaa hin qabu.

        Odeeffannoo waa'ee qabiyyeewwanii (ingredients) argachuuf Gaaffi &Deebii; Marsariitii Hospitaala Daa'immanii Filaadalfiyaa (Ingiliffa) daawwadhaa. Qabiyyee guutuu barruu odeeffannoo Pfizer (Ingiliffa qofa), Moderna (Ingiliffa qofa), Novavax (Ingiliffa qofa), fi Johnson & Johnson (Ingiliffa qofa) irraa argachuu ni dandeessu.

        Talaallin Johnson & Johnson tishuu miciree (fetal tissue) of keessaa qabaa?

        Talaallin COVID-19 Johnson & Johnson jedhamu akkuma talaalliwwan kaanii teekinoolojiidhuma wal fakkaataa fayyadamuun omishame. Qaama miciree yookin seeliwwan fitasii of keessaa hi qabu. Talaallin qeenxen tokko kan omishamu, koppiiwwan seeliwwanii laaboraatoorii keessatti guddatanii keessatti, seeliwwan kun ulfa fedhaan baafame (elective abortion) kan waggaa 35 dura ta'e irraa fudhatameedha. Ergasii kaasee sararoonni seelii talaallii kanaa laaboraatoorii keessa taa'aa ture, talaalliwwan kanneen omishuuf seeliwwan miciree (fetal cells) kan biroo fayidaarra hin oolle. Kuni namoota muraasaf odeeffaannoo haaraa ta'uu danda'a. Haa ta'u malee, talaalliwwan dhibeewwan akka gifiraa, rubeella, heppitaayitas A faan bifuma wal fakkaatun hojjataman.

        Talaallin COVID-19 maseenumma fidaa?

        Talaalliwwan dhala godhachuu yookin maseenummaa qaqqabsiisuu isaanii kan agarsiisu ragaan saayinsii homtuu hin jiru. Talaallichi gara qaama kee gaafa seenu, koronavaayirasii loluudhaf dandeettii dhibee ittisuu qaama wajjin ta'uun farra dhibee (antibody) uuma. Adeemsi kun organizimii sirna wal hormaataa kee wajjin wal qabatu hin qabu.

        Centers for Disease Control and Prevention (CDC) (Ingiliffa), American College of Obstetricians and Gynecologists (ACOG) (Ingiliffa), fi Society for Maternal Fetal Medicine (SMFM) (Ingiliffa) dubartootni gara fuulduraatti ulfa ta'uu fedhan, kan amma ulfa ta'an yookin harma hoosisaa jiran hundi talaallii COVID-19 akka fudhatan gorsu. Dubartoonni hedduun erga talaallii COVID-19 fudhataniin booda ulfaa'aniiru yookin ijoollee fayyaalessa dahaniiru.

        Ragaa amma jiruun, talaallii COVID-19 dabalatee talaalliin kamiyyuu rakkoo dhala godhachuu dadhabuu dhiirota irraan gahu agarsiisu hin jiru. Dhiyeenyatti qorannoon xiqqaan dhiirota fayyaaleyyii 45 (Ingiliffa) kanneen talaalii COVID-19 mRNA COVID-19 (i.e., Pfizer-BioNTech yookin Moderna) fudhatan hirmaachise, osoo talaallii hin fudhatinii fi erga fudhataniin booda amaloota sanyii kormaa kanneen akka hammamtaa fi sochii ilaalera. Talaallii booda qorattoonni amaloota sanyii kormaa (sperm) irratti jijjiirama kana jedhamu hin argine.

        Gubaan qaamaa mudate, dhiirota fayyaaleyyii keessatti sanyii kormaan yeroo gabaabadhaaf gadi bu'uudhan wal qabata. Qaama gubaan mallattoo talaallii COVID-19 kan yeroo gabaabaa qofaaf turu ta'us, talallii booda qaama gubaan (fever) sanyii kormaa miidha kan jedhu ammatti ragaan homaatuu hin jiru.

        Odeeffannoo dabalataaf, fuula CDC Odeeffannoo Talaallii COVID-19 namoota ijoollee godhachuu barbaadaniif (Ingiliffa) jedhu ilaalaa. Akkasumas odeeffannoo dhugaa waa'ee talaalliwwanii baruudhaf marsariitii CDC Talalliwwan COVID-19 (Ingiliffa) ilaaluu ni dandeessu.

        Erga talaallii fudhataniin booda mallattoo akkamiitu rakkoo hin geessisne?

        Akkuma talaalliwwan gosa biroo (routine vaccines), mallattolee beekamoon isaan fidan (common side effects) dhukkubbii irree, dadhabbii, mataa bowwoo fi dhukkubbii maashaa fa'i.

        Mallattoowwan kunneen talaallcihi hojjachuu isaa kan agarsiisaniidha. Yaaliiwwan (trials) Pfizer fi Moderna keessatti, mallattoolen kunneen talaallii erga fudhataniin booda yeroo heddu guyyoota lama keessatti kan mudate yoo ta'u hanga guyyaa tokkoo qofa ture. Mallattooleen (Side effects) kunneen caalmatti kan mudatan yeroo doozii jalqabaa caalaa yeroo doozii lammaffaati. Yaalii kilinikaa talaallii Johnson & Johnson keessatti mallattoolen kan turan giddu galeessan guyyaa tokkoo hanga lamaati.

        Talaalliwwan sadaniifuu namoonni umurii 55 ol jiran kan dargaggootaa wajjin gaafa wal bira qabamu, mallattoolee (side effects) muraasatu gabaafame.

        Karaa marsaa intarneetii fi miidiyaalee hawaasummaa irratti waa'ee mallattoolee (side effects) odeeffannoo dhugaa hin taane arguu dandeessu Yeroo odeeffannoo (claim) waa'ee mallattoolee (side effects) argitan kamiyyuu madda odeeffannichaa adda baasuu keessan mirkaneeffadhaa.

        Talaallii COVID-19 ergan fudhadheen booda yoon dhukkubsadhe maaltu ta'a?

        Akkuma talaalliwwan kaanii (other routine vaccines) erga talaallii fudhataniin booda, talaallin COVID-19 rakkoowwan yookin mallattoolee kanneen akka dhukkubbii irree, mataa bowwoo, qaama gubaa yookin qaamni bututuu fa'aa ni qaba. Kunneen mallattoolee talaallichi hojjachuu isaa agarsiisaniidha. Erga talaallii COVID-19 fudhattanii booda miidhaawwan gam tokkee dhufan caalmaatti baraa.

        Erga talaallii fudhataniin booda, taatee cimaa mudate Vaccine Adverse Event Reporting System (VAERS, Mala Gabaasa Taatee Cimaa Talaallin Geessisu) (Ingiliffa qofa) tti gabaasuu qabdu. “Taatee cimaa (adverse event)” jechuun rakkoo fayyaa yookin mallattoo (side effect) kamiyyuu talaallii fudhachuun booda mudatuudha. Waa'ee VAERS odeeffannoo dabalataa argachuudhaf, " VAERS jechuun maalidha?” kan jedhu kana kanaa gaditti argamu ilaalaa.

        VAERS jechuun maalidha?

        VAERS jechuun mala dursanii akeekkachiisuu Giddu Gala To'annoo fi Ittisa Dhibee (CDC) fi Bulchiinsa Nyaata fi Qorichaa (FDA) dhaan gaggeeffamuudha. VAERS rakkoolee talaallidhaan wal qabatan adda baasuf gargaara.

        Namni kamiyyuu (ogeessi fayyaa, dhukkubsataan, namni kunuunsa kennu) taatee cimaa/rakkoolee mudachuu malan VAERS tti gabaasuu (Ingiliffa qofa) danda'u.

        Siistamichi hanqinoota mataa isaa qaba. Gabaasa VAERS jechuun mallattoo (reaction) yookin bu'aa isaa kan geessise talaallicha jechuun miti. Gabaasa VAERS jechuun hiika tallaallii fudhachuutu durse jedhu qofa qaba.

        VAERS saayintistoonni rakkoo uumamuu maluuf barsiifata kana dura ture yookin sababa qorataniif akka hubataniif isaan gargaara. Tarree bu'aa talaallii mirkanaa'ee (verified outcomes of vaccination) jechuu miti.

        VAERS tti yeroo gabaastan, Giddu Gala To'annoo fi Ittisa Dhibee (CDC) fi Bulchiinsa Nyaata fi Qorichaa (FDA'n) yaaddowwan fayyaa jiran adda baasun talaalliwwan rakkoo kan hin qaqqabsiifne ta'uu isaanii akka mirkaneessaniif isaan gargaaraa jirtu jechuudha. Rakkoon wayii yoo mudate, tarkaanfii fudhachuun waa'ee dhimmi sanaa ogeeyyii fayyaa (health care providers) beeksiisu.

        Kanaan dura dhibee COVID-19 qabameera yoon ta'e, talaallii COVID-19 fudhachuu nan dana'aa?

        Eeyyee, Advisory Committee on Immunization Practices (ACIP, Koreen Koree Gorsituu Hojiiwwan Talaallii) namni COVID-19 dhaan qabamee ture kamiyyuu akka talaalamu ni gorsa.

        Ragaan akka agarsiisutti erga COVID-19 dhaan qabamanii guyyaa 90 keessatti deebi'anii qabamuun waan baramee miti; kanaaf, qaama keessan keessa (uumamaan dandeettii dhibee ittisuu kan jedhamu) qabaachuu maltu. Haa ta'u malee, dandeettiin uumamaan dhibee ittisuu qaama namaa keessa jiru hangam akka turu hin beeknu.

        Namoonni yeroo ammaa COVID-19'm qabamanii jiran talaallii fudhachuudhaf hanga bayyanatanii fi yeroon adda bahanii turuu isaanii dhumutti turuu qabu.

        Namoonni yeroo dhiyootti COVID-19 dhaaf saaxilamanii turanis talaallii fudhachuudhaanf hanga guyyaan isaan adda of baasanii turan xumuramutti turuu qabu, yoo sirriitti nama biroo addaan of-baasanii turan jechuudha. Carraan isaan namoota biroo faaludhaaf qaban ol-aanaa yoo ta'e, dhibicha akka hin babal'ifneef jecha yeroo adda of-baasanii jiranitti talaallii fudhachuu ni danda'u.

        Maaloo qajeelfamoota adda of baasuu fi kophaa turuutiif, Fuula Adda of Baasuu fi Kophaa Turuu COVID-19 keenya ilaalaa.

        Kanaan dura alaarjii talaallii yoon qabaadhe, talaallii COVID-19 fudhachuu nan danda'aa?

        Namoota kanaan dura alaarjii cimaa qabaniif talaallichi kennamuu hin qabu.Alaarjiiwwan kanneena akka anaphylaxis, doozii talaallii mRNA yookin vaayiral vektarii yookin qabyyee talaalliiwwan COVID-19 Pfizer-BioNTech/Comirnaty (Ingiliffa qofa), Moderna/Spikevax (Ingiliffa qofa), Novavax (Ingiliffa qofa), yookin Johnson & Johnson–Janssen (Ingiliffa qofa) kamiyyuu jechuudha.

        Namoonni kanaan dura rakkoo alaarjikii talalliwwan biroo yookin teeraappii waraannatamuu (injectable therapies) qaban talaallicha fudhachuu malu. Haa ta'u malee, ogeeyyin fayyaa (providers) waa'ee rakkoo isaan mudachuu danda'uu qorannoo gaggeessu (risk assessment) fi gorsuu qabu. Namni tokko talallii fudhachuu yoo murteesse, ogeeyyin fayyaa mallattoolee (reactions) battalatti mudachuu danda'an to'achuuf daqiiqaa 30 ilaaluu qabu.

        Advisory Committee on Immunization Practices (ACIP) akka gorsetti, ogeeyyin fayyaa dhukkubsattootaf erga talaallii kennaniin booda alarjii jiru ilaaluf yoo xiqqaate daqiiqaa 15 to'achuu qabu. Odeeffannoo dabalataa argachuuf yaadota furamaataa yaalaa yeroo gabaabaa talaallii mRNA (Ingiliffa) ACIP ilaalaa.

        Ulaagawwan Talaallii

        Talaallin COVID-19 Dirqamaa?

        Talaaallii COVID-19 fudhachuun fedhii irratti hundaa'a, haa ta'u garuu qacartoonni, kolleejjiwaan fi yuunivarsiitiwwan tokko tokko namni akka talaallii fudhatu ni barbaadu.

        Yeroo ammaa Washngtan kanneen armaan gadiitif talaallii COVID-19 ni dirqamsiisa:

        • Hojjattoota waldhaansa fayyaa fi hojjattoota kunuunsa fayyaa yeroo dheeraa (Ingiliffa qofa)
        • Hojjattoota kaabinee ejansii naannooo (Ingiliffa qofa)
        • Hojjattoota fi bu'uuraalee barnoota, (Ingiliffa qofa) kanneen armaan gadii hammatu:
          • Hojjattoota fi kontiraaktaroota manneen barnoota dhuunfaa K-12, distiriiktiwwan manneen barnoota mootummaa K-12, manneen barnoota chaartarii, fi distiriiktiwwan tajaajila (tartiibni isaa manneen barnootaa yookin barattoota barnoota naannoo-gosaa (state-tribal education) hin hammatu)) keessa hojjatan,
          • Dhiyyeesitoota kunuunsa daa'immanii fi barnoota oolmaa daa'immanii duraa (early learning) kanneen daa'imman maati heddu keessaa dhufan tajaajilanii fi
          • Hojjattoota dhaabbilee barnoota olaanoo keessa jiran.

        Hojjattoonni kunneen hanga Onkoloolessa 18, 2021 tti talaallii guutuu fudhachuutu irraa eegama (ega marsaa talallii hunda xumaranii yoo xiqqaate torban lama booda). Dirqamani (requirement) kan hammatu, kontiraaktaroota, tola ooltota, fi nama bakkeewwan kana keessatti gita hojii kamiyyuu irratti hojjatu.

        Gareewwan kana keessa tokko keessa yoo jiraattan yookin qaamni isin qacare yookin manni baruumsaa keessan talaallii COVID-19 akka dirqamaatti yoo fudhatan, maal gochuu akka qabdan baruuf dippaartimentii humna namaa, hojjachiisaa yookin mana baruumsaa keessan qajjin haasa'aa. Biiron Fayyaa dambii hojjachiiftotaa yookin kolleejji/yuunivarsiitii keessa hin lixu.

        Talallichi isini fi namoota naannoo keessan jira COVID-19 irraa eega.Kanaaf, waa'ee fayidaa tallaallichaa doktara keessan yookin kilinika gaafadhaa.

        Hojjattoota K-12 tiif ulaagaan talaallii COVID-19 maalidha?

        Hojjattoonni manneen barnoota dhuunfa mootummaa K-12 jiran hundi hanga Onkoloolessa 18, 2021 tti talallii guutuu akka fudhatan yookin ragaa mana amantii yookin waldhaansaa akka dhiyeessan Bulchaan Inslee, Hagayya 18,2021, ajaja dabarsee ture.

        Ajajni kun hojjattoota bu'uuraalee barnootaa keessa jiran (Ingiliffa qofa) hunda irratti hojiira oola.Isaanis:

        • Hojjattoota fi kontiraaktaroota manneen barnoota dhuunfaa K-12, distiriiktiwwan manneen barnoota mootummaa K-12, manneen barnoota chaartarii, fi distiriiktiwwan tajaajila (tartiibni isaa manneen barnootaa yookin barattoota barnoota naannoo-gosaa (state-tribal education) hin hammatu)) keessa hojjatan,
        • Dhiyyeesitoota kunuunsa daa'immanii fi barnoota duraa oolmaa daa'immanii (early learning) kanneen daa'imman maati heddu keessaa dhufan tajaajilanii fi
        • Hojjattoota dhaabbilee barnoota olaanoo keessa jiran.

        Odeeffannoo dabalataatif, Hojjattoota mana baruumsa K-12 jiraniif dirqamaan talaallii COVID-19 kennuu: gaaffilee yeroo heddu gaafataman (PDF) (Ingliffa) (Biiroo To'ataa Qajeelcha Uummataa) ilaalaa.

        Dirqamaan talaallii fudhachuu irraa akkaminan bilisa ta'a?

        Hojjachiisan yookin kolleejjin/yuunivarsiitin keessan talaallii COVID-19 fudhachuu akka dirqamaatti yoo dhiyeessan, yookin mootummaadhan talaallii fudhachuu qabdu yoo jedhamtan. Labsiin Hagayya 9 (Ingiliffa) Jay Inslee yookin Labsiin Hagayya 18 (Igiliffa), akkamitti ragaa mirkaneessaa talallii fudhachuu akka sassaaban baruuf qaama isin hojjachiisu yookin kolleejii/yuunivarsiitii keessan qunnamuu qabdu, fudhachuu dhiisuf seera eeyyamu yoo qabaatan akkasumas fudachuu dhiisuf maal gochuu akka qabdan baruuf jechuudha. Biiron Fayyaa dambii hojjachiiftotaa yookin kolleejjii/yuunivarsiitii keessa hin lixu.

        Talaallii COVID-19 tiif Biiroo Fayyaa (DOH, Department of Health) irraa unka talaallii fudhachuu dhiisuu (exemption form) fudhachuun isin irraa hin eegamu. Biiroon Fayyaa (DOH) unka talaallii COVID-19 fudhachuu dhiisuu hin qabu. Waraqaan Ragaa Fudhachuu Dhisuu Naannoo Washington (COE, Certificate of Exception), maatiwwan/guddiseewwan kanneen ijoollee isaanii talaallii dirqamaan ijoollee manneen barnootaa K-12, mana baruumsaa (preschools) osoo hin galin duraa fi kunuunsa daa'immaniif kennamu akka hin fudhanne barbaadaniif kennama. Yeroo ammaa Washingtan talaallii COVD-19 ijoollee mana baruumsaa yookin kunuunsa daa'imanii jiran akka fudhatan hin dirqisiisu, kanaaf COE keessatti hin hammatamne.

        Mana baruumsa fi kunuunsa daa'immanii

        Namoonni umurii 18 gadii talaallicha fudhachuu ni danda'uu?

        Yeroo kanatti, gosooti talaallii Pfizer-BioNTech (Pfizer) fi talaallii COVID -19 Moderna ijoollee umrii ji’a 6 fi isaa oliif ni heyyamama. Talaalliin Novavax namoota umuriin isaanii waggaa 12 fi isaa ol ta’eef Hayyama Itti Fayyadama Hatattamaa (EUA) jalatti ni argama.

        Dargaggoonni umurii 17 gadii hanga seeran hin eeyyamamneefitti, talaallicha argachuudhaf maatii yookin guddisee eeyyamsiisuu malu (Ingiliffa qofa). Odeeffannoo dabalataaf Vaccinating Youth (Dargaggootaf Talaallii Kennuu) irratti marsariitii keenya ilaalaa.

        Mirkaneessa hayyama maatii yookin guddisee dhiyeessuf ulaagaa isaan gaafatan kilika talaallii kennu gaafadhaa.

        Jalqabbii (entry) K-12 tiif naannichi talaallii COVID-19 ni gaafataa?

        Department of Health (Qajeelcha Fayyaa) utuu hin taane, Washington State Board of Health (Boordiin Fayyaa Isteetii Waashingitan) ijoollee mana barnootaa K-12 keessa jiraniif ulaagaa talaallii fudhachuu qopheessuuf aangoo qaba Revised Code of Washington (RCW, Seerota Waashingitan Fooyya’an) 28A.210.140. Yeroo kanatti Talaallii COVID-19’f ulaagaan mana barnootaaf yookaan oolmaa daa’imaaf bahe hin jiru.

        Ijoollen koo talaallii COVID-19 fudhatan yoo ta'e, talaallii kan biraa fudhachuu ni danda'uu?

        Namoonni talaallii gosa biroo erga fudhataniin booda torban lama gidduutti, gaafa sana iyyuu yoo ta'e, talaallii COVID-19 fudhachuu ni danda'u.

        Weerara COVID-19 tin wal qabatee ulaagaalee talaallii mana baruumsaa kan bara 2022-2023 irratt jijjiiramni ni jiraataa?

        Boordin Fayyaa Naannoo ulaagaalee talaallii mana baruumsaa irratti jijjiiramni yoo jiraate akka ta'u ni murteessa. Ammatti, ulaagaaleen (requirements) talaallii mana baruumsaa akkuma jiranitti itti fufu. Ijoollen osoo baruumsa hin jalqabin dura ulaagaa talalaallii guutuu qabu.

        Talaallii Booda Jireenyi Maal Akka Fakkaatu

        Talaallii guutuu fudhachuu jechuun maalidha?

        Ati walfaannee talaallii COVID-19 hundaa fudhattee xumuurte taanan akkasumas doozii ittisa dabalaa CDC dhan eerame isa dhihoo fudhattee jirta taanan, talaalliin COVID-19 keewaqtaawaadha jechuudha.

        Ergan talaallii guutuu fudhadheen booda maal gochuun qaba?

        Al-tokko guutumatti talaalamtan taanaan, kanneen armaan gadii gochuu qabdu:

        Talaallii COVID-19 guutuu yoon fudhadhe, of-eeggannoowwan kan biroo taasisuun qabaa?

        Talaallii guutuu yoo fudhatan illee, ammayyuu kanneen armaan gadii gochuu qabdu:

        • Hamma humneessituu keessan erga fudhachuudhaan ”namoota haaromfaman” ta’uun eegumsa ol’aanaa argadhaa.
        • Seerota kutichaa eegaa. Magaalonni, kutaawwan bulchiinsaa, daldalootni, taatewwanii fi wal ga’iiwwanii ammayyuu maaskiiwwan ykn mirkaneessa qorannoo talaalamuu/qabaachuu dhabuu gaafachuu danda'u.
        • Mallattoowwan dhukkuba COVID-19 yoo ofirratti argitan deemaa qoratamaa.
        • Tarii COVID-19’f saaxilamtaniirtu yoo ta’e akka isin akeekkachiisuf akkasumas poozitiivii yoo taatan namoota biroo akka akeekkachiisuf, WA Notify bilbila ismaartii keessan irratti dabalaa. WA Notify guutumaan guututti kan dhuunfaa waan ta’eef, eenyummaa keessan hin beeku akkasumas eessa akka deemtan hin hordofu.
        • Eegumsa gaarii argachuuf qindeessituuwwan walitti qabama namaa mana keessaatti maaskii gita keessan ta’e uffadhaa.
        • Gorsa deemsaa Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Jiddugalawwan Too'annoo fi Ittisa Dhibee) fi qajeelcha fayyaa hordofaa
        • Erga COVID-19 f saaxilamtanii booda tarkaanfiiwwan of eeggannoo barbaachisoo ta’an godhaa.
          • Qajeelfama adda baafamuu fi adda baafamuu argachuuf fuula keenya COVID-19 Isolation and Quarantine ilaalaa.
        Talaallii fudhachuu koo ragaa dhiyeesssun qabaa?

        Naannoowwan daldalaa ykn ta’eewwan muraasatti talaallii COVID-19 fudhachuu keessan akka mirkaneessitan gaafatamuu dandeesu.

        Kanaaf, waraqaa kaardii talaallii keessan akkuma waragaa ragaa dhalootaa fi dookumetiiwwan kaanitti seeran qabaa! Suura isaa kaasun mana olkaa'aa. Waa'ee kaardii talaalli fi galmee talaallii caalmatti dubbisaa.

        Talaalliiwwan COVID-19 koo irratti hin haaromfamne yoo ta'e hoo?

        Hanga ammaa talaalliiwwan COVID-19 keessan irratti hin haaromfamne yoo ta'e ho?

        • Wiirtuu talaallii COVID-19 kaffaltiirraa bilisaa naannoo keessanii barbaadaa!
        • Qindeessituuwwan walitti qabama mana keessaa keessatti maaskii sirriitti isin gitu godhachuu itti yaadaa.
        • Mallattoowwan dhukkuba COVID-19 yoo ofirratti argitan deemaa qoratamaa.
        • Kan imaltan yoo ta’e, imala keessan duraa fi booda qorannoo COVID-19 godhaa.
        • Tarii COVID-19 f yoo saaxilamtan akka isin yaadachiisuu fi osoo enyummaa keessan hin ibsiin kanneen biroo akka beeksisuuf bilbila ismaartii keessan irratti WA Notify dabaladhaa. WA Notify guutumaan guututti kan dhuunfaa waan ta’eef, eenyummaa keessan hin beeku akkasumas eessa akka deemtan hin hordofu.
        Ergan talallii fudhadheen booda COVID-19 dhan dhukkubsachuu nan danda'aa?

        Carraan dhukkubsachuu xiqqaadha, garuu carraan dhukkubsachuu muraasni jira. Talalliwwan baay'ee kan hojjatu, garuu 100% ni hojjatu jechuu miti. Mallattoolee COVID-19 kan fakkaatu (Ingiliffa), yoo isin irratti mul'ate, namoota irraa fagaachun ogeessa fayyaa qunnamuu qabdu. Ogeeyyiin fayyaa tarii qorannoo COVID-19 akka taasistan isin gorsuu danda'u.

        Odeeffannoo waa'ee qorannoo COVID-19, maaloo Odeeffannoo Qarannoo Taasisuu ilaalaa.

        Ergan talaalliifudhadheen booda COVID-19 daddabrsuu nan danda'aa?

        Carraan dhukkubichaan qabamuun namootaa guutummaatti talaallii fudhatanii fi humneessituu fudhatan baay’ee gad bu’aadha. Haata'umalee, namoonni talaallii COVID-19 isaanii akka haaromfamu godhatan yoo COVID-19 n qabaman dhukkubicha ni daddabarsu.

        Yoon COVID-19 dhaaf saaxilame maal gochuun qaba?

        Maaloo qajeelfamoota adda of baasuu fi kophaa turuutiif, Fuula Adda of Baasuu fi Kophaa Turuu COVID-19 keenya ilaalaa.

        Yaaddoo fi dhiphina COVID-19 dhan wal qabatee dhufu akkamittan to'achuu danda'a?

        Weerarichi fayyaa qaama fi sammuu keessan akka miidhuu akka danda'u ni hubanna. Qophaa keessan miti. Naannoo Washingtan keessa faayinaansii fi hoji dhabdummaa, cufamuu mana baruumsaa, hawaasa irraa adda bahuu, rakkoo fayyaa, gadda fi namni jalaa du'uu fi kanneen birooon wal qabatee namoonni yaaddoo fi dhiphinan rakkkatan heddutu jiru. Dhiphinni/muddamni hojiitti deebi'uu waliin dhufus as keessatti dabalama.

        Yaaddoo fi dhiphina isin mudatu to'achuuf kan isin gargaaru, wantoonni dubbifaman kanaa gaditti muraasni isaanii ni argamu:

        Talaallii Dandettii Dhibee Ittisuu Dabaluu fi Dooziwwan Dabalataa

        Garaa garummaan doozii dabalataa COVID-19 fi talaallii dandeettii dhibee ittisuu dabaluu (booster) maalidha?

        Doozii dabalataa jechuun (doozii sadaffaa jedhamuun kan beekamu) namoota dandeentin dhibee ittisuu isanii dadhabaa ta'eef kennama. Yeroo tokko namoonni dandeentin dhibee ittisuu isanii dadhabaa ta'e, jalqaba yeroo talaallii guutuu fudhatan qaamni isaanii dandeettii dhibee ittisuu gahaa hin qabaatu. Kuni yeroo mudatu, talaallii doozii dabalataa yoo fudhatan qaamni isaanii dhibee ittisuuf dandeettii dabalataa argata.

        Dandeettii dhibee ittisuu dabalataa (buustarii) kan agasriisu, doozii talaallii namni tokko erga talaallii fudhateen booda dandeettii dhibee ittisuu qabuuf kennamu garuu immoo dandeettin dhibee ittisuu sun yeroon booda yoo hir'ataa deemedha (kuni dandeettii dhibee ittisuu akeekkachiisaa (waning immunity) jedhama). Kanaafidha waggaa 10 tti buustaraii tetaanasii kan fudhattaniif, sababni isaa dandeettiin talaallii tetaanasii kan yeroo daa'imummaa yeroon booda gadi bu'aa deema.

        Maaloo namoota sirni ittisa dhukkubaa isaanii miidhamaa ta’e ilaalchisee qajeelfamoota Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Jiddugalawwan Too'annoo fi Ittisa Dhibee) yokiin immoo marsaaratii DOH ilaalaa.

        Doozii dabalataa talaallii COVID-19 eenyutu argachuu qaba?

        Maaloo namoota sirni ittisa dhukkubaa isaanii miidhamaa ta’e ilaalchisee qajeelfamoota Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Jiddugalawwan Too'annoo fi Ittisa Dhibee) yokiin immoo marsaaratii DOH ilaalaa.

        Dooziwwan dandeettii dhibee ittisuu dabalan maalif barbaachisoo ta'an?

        Dooziwwan dandeettii dhibee ittisuu dabalan namoonni dhibee COVID-19 cimaadhaf baay'ee saaxilamoo ta'an baay'ee akka hin dhukkubsanne isaan gargaara.

        Booster doses kanaan dura namoota bifa COVID-19 hamaa qabamuuf carraa guddaa qaban qofaaf kan gorfamu yoo ta’u, yaadni kun garuu namoota umuriin isaanii ji’a 6 fi isaa ol ta’e hunda hammachuudhaan babal’atee COVID-19 irraa eegumsa cimsuuf.COVID-19.

        Kuni keessattuu daballii gosa vaayirasii caalatti daddarbanii fi namoota United States keessaatti COVID-19 dhan qabaman wajjiin barbaachisaadha.

        Talaalliwwan COVID-19 United States keessatti akka kennaman eeyyamni kennameef ykn raggaasifaman COVID-19 dhan dhukkuba baay'ee cimaa, dhukkubsatanii hospitaala ciisuu yookin du'uu hir'isuu irratti ammas bu'a qabeessaadha, gosa vaayirasii biroo dabalatee jechuudha. Ammas, Talaalliiwwan amma jiran adeemsa keessa gadi bu'uu dandeettii ittisuu isaanii wajjiin wal qabachuu malu. Dooziwwan

        Odeeffannoo fi Galteewwan Dabalataa

        Waa'ee COVID-19 wantoota dubbifaman gareewwan adda ta'aniif

        Daa'immanii fi Dargaggoota

        Harma hoosisuu fi/yookin namoota ulfa ta'an

        Baqattoota fi Koolu Galtoota

        Manaa bahuu kan hin dandeenye

        Hawaasa irratti xiyyeeffachuun wantoonni dubbifaman (resources) dabalataa Fuula Talaallii Wal-qixa Argachuu fi Hirmaannaae (Ingiliffa qofa) jedhu irraa argachuun ni danda'ama.

        Gaaffin koo naaf hin deebine. Akkamittan caalmatti baruu danda'a?

        Gaaffileen walii galaa ammoo covid.vaccine@doh.wa.gov tti ergamuu danda'u.