Qorannoon Maalif Barbaachisa?
Of-eeggannoowwan nageenya kan biroo kanneen akka talaalli fudhachuu, maaskii godhachuu fi walirraa fageenya eeggachuu iratti dabalataan qorannoo taasisuun barbaachisaadha akkasumas mala amansiisaa tatamsa'ina COVID-19 ittisuudha.
Ba'aa Manneen Barnootaa Irraa Ba'aa Hir'isuuf Walta'iinsan Hojjachuu
Washington State Department of Health, (biiroon Fayyaa Washington State) namoota qaaman argamanii karaa Learn to Return program, (Sagantaa Debi'udhaaf Barachuu) tin barataaniif haala mijataa uumuf michoota (partners) waliin hojjataa jira. Learn to Return (Ingiliffa qofa) barattoota achitti argamaniif qorannoo COVID-19 akka dhiyeessaniif manneen barnootaa gargaara.
Kanneen dhuunfaa, chaartarii fi manneen barnoota gosaa guutummaa naannichaa keessatti argaman dabalatee manneen barnootaa 300 ol ta'aniif Learn to Return dhiyeessu dhaaf, DOH Washington Office of the Superintendent of Public Instruction (OSPI), (Biiro Bulchiinsa Qajeelcha Barnootaa Washington) fi Health Commons Project bu'aaf hin dhaabbanne wajjin ta'uun hojjataa jira.
Manneen Barnootaf
Learn to Return:
- Manneen barnootaf kaffaltii malee akka ta'utti qophaa'edha
- Hirmaannan manneen barnootaa fedhiidhani
- Manneen barnootaa aanaalee tarsiimowwaan qorannoo COVID-19 kan fedhii isaanii wajjin wal gitu akka qopheessanii fi hojiitti hiikan isaan gargaara
- Aanaaleen (districts) meenuu qorannoo keessaa filatan (Ingiliffa qofa) keessaa akka filatan isaan taasisa. Kuni tatamsa'inni cimaan akka hin mudanne adda baasuf kan gargaaru qorannoo gargara baasuu of keessaa qaba
- Tarsiimowwan qorannoo taasisuu dabalatee, tarsiimoo fi mala filatamaa uumuf, deeggarsa qorannoo taasisuu hanga dhumaatti dhiyeessa
Caalmatti baruudhaf, bulchiinsi mana baruumsaa fi hojjattoonni Learn to Return Fuula Bulchiinsa & hojjattoota mana baruumsaa (Ingliffa qofa) ilaaluu ni danda'u.
Galmee wajjin manni baruumsaa aanaa keessan eegalaa (Ingiliffa qofa)
Qorannoo mana baruumsatti taasifamu mirkaneessuf Learn to Return sadarkaa hundatti argachuun murteessadha. Hirmaannan salphaatti akka taasifamu jajjabeessuf, Public Readiness and Emergency Preparedness Act, (Labsiin Qophii Hawaasa fi Qophii Balaa Tasaa) (PREP Act - Ingiliffa qofa) federaalaa danqaawwan dhorkaawwan to'annoo kanneen akka warqaa ragaa kunuunsa fayyaa malee qorannoo akka gaggeessaniif abbootii aangoo manneen barnootaf hayyama kenneera. Dabalataanis Labsiin PREP, manneen barnootaa qawaa seera fi rakkoo karaa ittisa dandeettii dhibee ittisuu itti gaafatamummaa irraa dhufu (risk through broad immunity protections from suit and liability) irraa ni ittisa.
Maatiwwan/Guddiseewwan fi Barattootaf
Learn to Return:
- Maatidhaaf baasii malee akka ta'utti tolfame
- Fedhii irratti kan hundaa'e
- Daa'imman keessan mana baruumsatti fayyummaa isaanii eega
- Qaaman argamanii barachuuf manneen barnootaa banaa akka ta'an gargaara
- Ispoortiwwan fi hojiiwwan sirna barnootatiin alaa irratti hirmaanna akka itti fufu godha
- Keeps your child's identity private
- Mucaan keessan akka itti tolutti meeshaa ittiin saamuda fuudhan (swab) osoo baay'ee gadi hin fageessin fayyadamaa
Caalmatti barachuuf, maati fi barattonni Learn to Return Fuula Maati & Barattootaa (Ingiliffa qofa) ilaaluu danda'u.
Washington State Department of Health Kutaa Oduu irraa (Ingiliffa qofa)
Maddeewwan Garaa Garaa (Ingiliffa qofa)
- Learn to Return
- Supplemental Considerations to Mitigate COVID-19 Transmission in K-12 Schools (PDF)
- PREP Act (PDF)
- Sporting Activities Guidance (PDF)
- Qajeelcha Manneen Barnoota fi Kunuuna Daa'immanii
- K-12 COVID-19 Requirements 2021-2022 (PDF)
- Bu'aa Qorannoo COVID-19 Gabaasuu
- Washington State Department of Health Kutaa Oduu