Waamicha hatattamaa aannan daa'immanii gabaa irraa akka guuramaniif

Mead Johnson Nutrition foormulaa daa'immanii Nutramigen Powder kan qaruuraawwan 12.6 fi 19.8 oz keessatti argaman gabaa irraa deebifamanii akka guuraman beeksisa baasera. Oomishaalee Mead Johnson biroo irratti dhiibbaan hin gahu.

Daakuuwwan aannan daa'imaa gabaa irraa deebifamanii akka guuramaniif ajajaman kanneen armaan gadii of keessatti qabatu:

  • Lakkoofsa tuuta oomishaa:
    • ZL3FHG (qaruuraawwan 12.6 oz)
    • ZL3FMH (qaruuraawwan 12.6 oz)
    • ZL3FPE (qaruuraawwan 12.6 oz)
    • ZL3FQD (qaruuraawwan 12.6 oz)
    • ZL3FRW (qaruuraawwan 19.8 oz)
    • ZL3FXJ (qaruuraawwan 12.6 oz)
  • Koodii UPC:
    • 300871239418
    • 300871239456
  • Guyyaa dhuma tajaajilaa: 1 Jan 2025

Lakkoofsota qaruura daakuu aannan sakatta'aa:

  • Yoo kan gabaa irra kan guurame ta'e, daakuu aannanicha daa'ima keessaniif HIN kenninaa.
  • Qaruuraawwan gabaa irraa deebifamanii akka guuraman ajajaman hunda "HIN Fayyadaminaa" jechuun mallattoo itti godhaa.
  • Daakuun aannanii akka jijjiiramuuf qaruuraawwan deebifamanii akka guuraman ajajaman qabadhaa.

Akkamitti daakuu aannan daa'imaa gabaa irraa deebifamanii akka guuramaniif ajajaman jijjiiruun danda'ama:

Daakuu aannan daa'imaa gara kuusatti deebisuuf yaalaa:

  • Kuusaan tokkoon tokkoon isaanii wantoota dhiyeessaniin garaagarummaa qabu.
  • Kuusaawwan muraasni daakuu aannan daa'imaa gabaa irraa deebifamanii akka guuraman ajajaman deebisanii fudhachuun jijjiirraa, kireeditii kuusaa ykn mallaqa deebisanii kennuu malu. Yoo kuni filannoo ta'e, daakuu aannan daa'imaa kamiyyuu argachuuf kireeditii ykn mallaqa deebi'ee sana fayyadamuu dandeessu.
  • Yoo kuusichi daakuu aannan daa'imaa kan hin jijjiirre ta'e lakkoofsa 2 armaan gadii ilaalaa.

Gara kilinika WIC Keessaniitti bilbilaa:

  • Kuusaawwan keessan keessatti daakuu aannan daa'imaa WIC kam akka argamu ilaaluuf mirkaneessaa;
  • Faayidaalee daakuu aannan daa'imaa akkuma barbaachisummaa isaatti jijjiiruuf gara kilinikichaatti bilbilaa;
  • Kilinika keessan argachuu yoo hin dandeenye, 1-800-841-1410 irratti
    Wiixataa hanga Jimaataa 8wd hang 5wb kutaa biyyaatti bilbilaa.

Mead Johnson gara 866-534-9986 bilbiluun ykn imeelii gara consumer.relations@rb.com erguun yeroo qunnamtan isaan oomisha kana irratti dhiibbaan gahu isaa mirkaneessuuf ni gargaaru. Yaaddoo kamiyyuu yoo qabaattan, ogeessa fayyaa keessan qunnaamaa.