COVID-19

This page is being reviewed for updates. The Washington State Department of Health has updated its guidance for what to do if you are sick with COVID-19 or were exposed to COVID-19. This page may have content that is inconsistent with the new guidance.

Sarara Bilbilaa Odeeffannoo COVID-19

Waa’ee COVID-19 gaaffiilee yoo qabaattan, 1-800-525-0127 irratti bilbiluudhan 7 irratti cuqaasaa. Isaan yeroo deebisan, tajaajiloota hiikaa afaanii argachuudhaf afaan keessan dubbadhaa. Sararri bilbilichaa kan hojjatu Wiixata 6 a.m. hanga 10 p.m. fi Kibxataa hanga Dilbataa (akkasumas guyyoota ayyaana waggaa kabajaman) 6 a.m. hanga 6 p.m. dha.

Manaa bahuu kan hin dandeenye fi talaallii COVID-19 kan barbaadan?

Galmaa'uudhaaf karaalee sadiitu jiru.

Of eeggadhaa, WA - COVID-19 Keessa Akka Gaarittii fi Nageenyaan Jiraachuu

Amma COVID-19 gara fuulduraatti yeroo dheeradhaaf turuuf akka dhufe beekna. Ofii keenya, namoota jaallannuu fi hawaasa keenyaf hanga danda’ametti nageenya keenya eegnee akkamitti jireenya keenya jiraachuu akka dandeenyu hubachuun barbaachisaadha. Akkamitti akkas gochuu dandeenya? Meeshaalee hanga ammaatti baranne hunda fayyadamuudhan: talaallii fi ittisa dabaloo fudhachuu, qoratamuu fi yoo dhukkubsatan yookiin saaxilaman mana turuu, namoota baay’ee keessatti haguuggii afaanii fi funyaanii (maaskii) uffachuu, akkasumas fageenya keenya eeggachuu.

Hawaasa keenya keessatti COVID-19 waliin yommuu sadarkaa jireenya haaraa keessa seennu waan beekuu qabdan kunooti.

Tarkaanfii Fudhadha, Of Eeggannoo Godhaa

Decorative

Talaallii fudhadhachuun Humnoma

Talaalliin Covid-19 fi ittisa dabaloon infeekshinii fi dhukkuba hamaa ittisuu irratti tokkoffaadha.

Dabalata baradhaa

Decorative

Yeroo Qoratamuu Qabdan Beekuu

Yoo dhukkubni isinitti dhaga’ame, walga’ii irratti hirmaachaa jirtu ta’e, yookiin COVID-19'f saaxilamtan ta’e, qorannoo gochuun balaa COVID-19 daddabarsuu hir’isaa.

Dabalata baradhaa

Decorative

Haguuggii afaanii fi funyaanii (Maaskii) uffadhaa

Haguuggii afaanii fi funyaanii (maaskii) uffachuun tatamsa'ina COVID-19 akka hir'isu kan mirkanaa'ee fi ammas bakka tokko tokkotti barbaachisaa kan ta'eedha.

Dabalata baradhaa

 

Amma COVID-19 dhan Qabamtanii Jirtu Yoo Ta'e

Qajeelfamoota Haaraa Ilaalaa

Mana turaa akkasumas namoota irraa fagaadhaa, qajeelfama adda of baasuu isa haaraa hordofaa.

Dabalata baradhaa

Wal'aansa Argachuu

Filannoo wal’aansa keessanii qorachuuf ogeessa kunuunsa fayyaa keessan qunnamaa.

Dabalata baradhaa

Damdamachuuf Deggarsa Argadhaa

Yeroo COVID-19 irraa damdamattan dhiheessii nyaataa fi qorichaa, kunuunsa daa'immanii, fi tajaajila biroo argadhaa.

Dabalata baradhaa

COVID Dheeraa

Namoonni COVID-19 qabaman dhukkuba kanaan erga qabamaniin booda mallattoo torbanii hanga waggoota dheeraa turu qabaachuu danda'u. Dhukkuba COVID-19 ittisuudhan COVID yeroo dheeraa ittisaa.

Dabalata baradhaa

Odeeffannoo Dabalataa

Mallattoolee dhukkubaa, agarsiistuwwanii fi ittisa COVID-19

Mallattoolen COVID-19 ijoon kanneen armaan gadiiti:

  • Qufaa, hafuura kutuu yookiin afuura baafachuu rakkachuu, ho’ina qaamaa, qorra, dhukkubbii maashaalee, dhukkubbii qoonqoo, dhandhamaa yookiin foolii haaraa dhabuu. Mallattoolen biroo baay’ee hin mul’anne ol ol nama jechisiisuu, hooqqisiisuu yookin garaa kaasaa dabalata.
  • Mallattoolee akeekkachiisa balaa tasaa COVID-19 armaan gadii yoo argitan, 911 irratti bilbilaa:
    • Hafuura baafachuu dadhabuu
    • Dhukkubbii yookiin dhiibbaa laphee walitti fufaa
    • Tasa jaanja'uu
    • Dammaquu yookin dammaqanii turuu dadhabuu
    • Gosa gogaa qaamaa keessan irratti hunda'uun gogaa qaamaa, hidhii yookin qeensa haalluu daalacha, boora yookiin cuquliisa ta'e
  • Gareewwan kamtu balaa keessa jira?
    • Namoota dullooman, namoonni umurii kamiiyyuu rakkoo fayyaa bu’uuraa qabanii, fi dubartoonni ulfaa dhukkubbi cimaa COVID-19 irraa dhufuuf saaxilamuuf carraa guddaa qabu.

Ani akkamittan ofii fi maatii kiyya eeguu danda'a?

  • Yeroo ulaagaa guutan talaallii fi humneessituu argachuu.
  • Yoo dhukkubsattan mana turaa.
  • Bakka namoonni baay’een itti baay’atan yeroo deemtan haguuggii afaanii fi funyaanii(maaskii) godhachuu fi namoota biroo irraa fageenya faana ja'a (meetira lama) fagaachuu.
  • Namoota baay'ee fi iddoowwan sirriitti qilleensan hin arganne deemuu irraa of qusadhaa.
  • Harka keessan irra deddeebi'uudhan dhiqadhaa yookiin sanitaayizerii harkaa fayyadamaa.
  • Yeroo qufaatanii fi haxxiffattan ciqilee keessaniin yookiin sooftiidhaan haguugaa.
  • Fuula, afaan, funyaan yookiin ija keessan hin tutuqinaa.
  • Bakka mana keessan keessa jiru qulqulleessaa.
  • Mallattoolee COVID-19 yoo qabaattan, ogeessa fayyaa keessan qunnaamaa.
Kuusawwanii fi iddoowwan namoonni baay'een jiran haala of eeggannoo qabuun daawwadhaa

Ba’uu keessan duras ta’e boodas yeroo mana irraa fagaattan, ofii fi namoota biroo eeguuf wantoota yaada keessa galchuu qabdan hedduutu jiru.

Bahuu keessaniin dura:

  • Yeroo isin dhukkubu, hamma isiniif danda'ametti, gara kuusaa yookiin iddoo namoonni baay'een jiran hin deeminaa. Miseensi maatii yookiin hiriyaan mi'a isiniif fidan qabaadha.
  • Kuusan nyaataa, qorichootaa fi mi'oota biroo sarara irraan gara mana keessanii akka isiniif fidan ajajuu ilaalcha keessa galchaa.
  • Yoo danda’ame sa’aatii baay’inni hin jirre gara mana daldalaa deemuuf yaalaa.
  • Manaa bahuu keessaniin dura harka keessan dhiqadhaa.

Mana keessatti yeroo namoonni baay’atanitti:

  • Haguuggii afaanii fi funyaanii (Maaskii) keessan golgu uffadhaa.
  • Isinii fi namoota biroo gidduu hiriira kaffaltii irrattilee yoo xiqqaate faana ja'a (meetira lama) fagaadhaa.
  • Yeroo qufaatan yookiin haxxifattan haguuggadhaa.
  • Fuula keessan hin tuqinaa.
  • Yoo bittaadhaf baatan, qabannoo harkifamtuu yookiin guuboo bittaa qulqulleessuf saanitayizerii harkaa yookiin qulqulleessituu farra ilbiisota fayyadamaa.

Yeroo manatti deebitan:

  • Huccuu Haguuggii fuula michuudhaan haala gaariin olka'aa. Haguuggii afaanii fi funyaanii(maaskii) altokkotti gatamu qabu gataa.
  • Harka keessan dhiqadhaa.
  • Shaakkalliiwwan nageenyummaa nyaataa hojiirra oolcha. Oomishaalee nyaataa sanitaayizii hin godhinaa. Kuduuraalee fi Muduraalee akkuma barametti micaa.
Ulfa, daa'immani fi COVID-19

Yoo ulfa taatan waan beekuu qabdan

  • Namoonni ulfi yookiin dhiyeenya ulfaa'an namoota ulfa hin taanen wal bira qabamee yoo ilaalamu carraan dhukkuba COVID-19'n qabamuu isaanii ol’aanaadha.
  • Namoonni yeroo ulfaa COVID-19'n qabaman carraan da’umsa isaanii yeroo malee ta'uu (torban 37 dura da’uu) fi daa’imni du’aa ta’e dhalachuun isaa guddadha, akkasumas rakkoolee ulfaa biroof carraan isaan itti saaxilaman guddaa ta’uu danda’a.
  • Namootni ulfaa yookiin dhiyeenya ulfaa’anii fi namoonni isaan waliin wal qunnaman tatamsa’ina COVID-19 irraa of eeguuf akka gargaaruutti tarkaanfiiwwan kana fudhachuu qabu:
    • Talaallii akkasumas humneessituu fudhadhaa.
    • Haguuggii afaanii fi funyaanii(maaskii) godhadhaa.
    • Namoota biroo irraa faana jaha fagaadhaa, akkasumas iddoo namoonni baay'een jiranii fi haala gaariidhan qilleensa hin arganne deemuu irraa of qusadhaa.
    • Dhukkubni kun namoota birootti akka hin babal’anneef qoratamaa.
    • Harka keessan irra deddeebin dhiqadhaa, akkasumas yeroo qufatanii fi haxxiffattan ciqilee keessaniin yookiin sooftiidhaan haguugaa.
    • Mana keessan wal irraa osoo hin kutin farra ilbiisotaatin qulqulleessaa.
    • Fayyaa keessan guyyaa guyyaadhan hordofaa.
    • Ulfa ta'uu keessan irratti yaaddoowwan kamiyyuu yoo qabaattan, yoo dhukkubsattan yookiin yoo COVID-19'n qabameera jettanii yaaddan battalumatti ogeessa fayyaa keessanif bilbilaa.

Ulfa fi Talaallii COVID-19

  • Talaalliin COVID-19 namoota ulfa ta'aniif, harma hoosisaniif, amma ulfa'aa jiraniif, yookiin gara fulduratti ulfaa'uu danda'aniif ni gorfama.
  • Ragaan nageenyaa fi bu’a qabeessummaan talaallii COVID-19 yeroo ulfaa irratti mul’atu dabalaa jira. Daataan kun akka agarsiisutti faayidaan talaallii COVID-19 fudhachuun balaa talaallii yeroo ulfaa fudhachuun beekamu yookiin dhufu danda'u kamiyyuu ni caala.
  • Namoonni ulfaa yeroo ulaagaa guutan talaallii ittisa dabaloo COVID-19 fudhachuu qabu.
  • Talaalliwwan COVID-19 namoota ulfa ta'an yookiin daa'imman isaanii irratti dhibee COVID-19 hin fidu.
  • Yeroo ammaa kana talaalliiwwan COVID-19 dabalatee talaalliwwan kamiyyuu rakkoo dhala godhachuu dadhabuu dubartoota yookiin dhiirotaa akka fidan ragaan agarsiisu hin jiru.
  • Ulfa taatanii waa'ee talaallii COVID-19 irratti gaaffilee dabalataa qabduu? Dhiyeessitoota eegumsa fayyaa yookiin MotherToBaby ogummaan isaanii gaaffilee keessan bilbilaan yookiin chaatiidhan deebisuu danda'anitti haasa'aa. Tajaajilli iccitii bilisa ta'e Wiixata-Jimaata, 8 a.m hanga 5 p.m ni argama tamsaasa kallattiitin chaatii gochuudhaf yookiin imeelii erguuf MotherToBaby (afaan Ingliffaa fi Ispaanish qofaan) daawwadhaa, yookiin gara 1-866-626-6847 tti bilbilaa.

Daa'imni reefuu dhalate yoo COVID-19 qabaate akkamitti akka kunuunsan

  • Daa'imman haaraan namoota yeroo ulfaa COVID-19'n qabaman irraa dhalatan baay'een yeroo dhalatan COVID-19 hin qaban.
  • Daa'imman haaraa dhalatan kan COVID-19'n qabaman baay'een mallattoolee salphaa qabu yookiin hooma hin agarsiisne, akkasumas fayyaniiru. Daa'imman reefuu dhalatan tokko tokko COVID-19 irraan kan ka'e dhukkuba hamaaf akka saaxilaman gabaasni ni mul'isa.
  • Yoo isin COVID-19'f kophaa turaa kan jirtan ta'ee fi daa'ima haaraa dhalate qabaattan, yeroon kophaa turuu keessan hanga dhumutti of eeggannoowwan durfamanii godhaman hordofaa:
    • Namoota isin waliin hin jiranne irraa fagaachuuf mana turaa.
    • Miseensota maatii hin dhukkubsanne biroo irraa adda of baasaa (of fageessaa), akkasumas iddoowwan namoota biroo wajjiin itti fayyadamtan keessatti haguuggii afaanii fi funyaanii (maaskii) godhadhaa.
    • Nama kunuunsa kennuu fayya qabeessa kan ta'ee fi kan guutumaan guututti talaallii fudhatanii fi balaa olaanaa dhukkubbii hamaa hin qabne daa'ima haaraa dhalateef kunuunsa akka kennu godhaa. Yoo kan danda'mu ta'e, kunuunsa namni kennu daa'imaaf kennuu akka danda'utti aannan keessan agarsiisaa. Yoo galtee kennitan, kunuunsituu fayyaalettiin akka qopheessitu gaafadha.
    • Yeroon kophaa turuu keessan dhumuu isaatin dura daa'ima haaraa dhalate kunuunsun dirqama yoo ta'e, yeroo daa'ima keessan nyaachistan yookiin baattan haguuggii afaanii fi funyaanii godhachuu dabalatee of eeggannoowwan durfamanii godhaman hordofaa.
    • Daa'imni keessan haaraa dhalate mallattoolee COVID-19 qabaachuu isaa hordofaa.
  • Ragaan yeroo amma akka agarsiisutti aannan harmaa vaayirasii gara daa'immaniitti dabarsuuf carraa hin qabu. Qorannoowwan yeroo dhiyoo taasifaman namoonni talaallii COVID-19 fudhatan farraa ilbiisota dhukkubaa fidan ittisan kara aannan harmaatin gara daa'ima isaaniitti akka dabarsan mul'isu. Yoo COVID-19 qabaattanii fi harmaa hoosisuu filattan:
    • Hoosisuun dura harka keessan dhiqadhaa.
    • Yeroo harmaa hoosistanii fi daa'ima keessan irraa faana jaha (meetira lama) keessatti yeroo argamtan haguuggii afaanii fi funyaanii uffadhaa.

Sararri bilbilaa Perinatal Support Washington warra haaraa fi eegaa jiran hundaaf, yookiin namoota jaallatan hundaaf, yeroo odeeffannoo fi deeggarsa fayyaa sammuu barbaadan hundatti ni argama. Sarara bilbilaa Perinatal Support Washington 1-888-404-7763 irratti bilbilaa yookiin marsariitii Perinatal Support daawwadhaa (Afaan Ingiliffaa qofa). Ergaa yookiin Imeelii warmline@perinatalsupport.org irratti ergaa.

Gargaarsa argachuun murteessadha. Sararri bilbilaa Wixaataa hanga Jimaataa 9 a.m hanga 4:30 p.m, (afaan Ingliffaa fi Ispaanishii qofaan) hojjetta. Galgalaa fi dhuma torbeetti ergaa nuuf barreessaa namni tokko sa'aatii 1-12 keessatti bilbila keessan ni deebisa. Sararri Ho'aan keenya hojjattoota hawaasaa, ogeessa fayyaa eeyyama qabu yookiin maatii muuxannoo yaaddoo daa'umsa booda isaan qunnameen qabaniin kan guutameedha.

Ofii keessanii fi maatii keessaniif ofeggannoo godhaa

Washington Listens: Waa'ee dhiphina COVID-19, haasa'uun yoo isin barbaachise gara Washington Listens 1-833-681-0211 tti bilbilaa. Yeroo hundaa namni Wiixataa hanga Jimaatatti 9 a.m hanga 9 p.m itti fi dhuma torbee irratti 9 a.m hanga 6 p.m itti TTY itti haasoftan ni jira akkasumas tajaajiloonni afaan argachuus ni jiru. Odeeffannoo dabalataa fuula keenya Fayyaa Sammuu fi Nageenya Miiraa (Afaan Ingiliffaa qofa) irraa argachuu dandeessu.

  • Haala dhukkuba daddarbaa amma kana irratti gorsoota dabalataa odeeffannoo miidiyaa amanamaa, ejensiiwwan fayyaa uummataa fi naannoo, akkasumas toora interneetii fayyaa uummaataa haaromfaman irraa odeeffannoo argadhaa.
  • Qabeenya hawaasaa kanneen akka lakkoofsota bilbilaa, toora internetii fi herrega miidiyaa hawaasaa jiran tarreessaa. Manneen barnoota, doktoroota, dhaabbattoota fayyaa uummataa, tajaajiloota hawaasaa, wiirtuuwwan fayyaa sammuu hawaasaa fi sararawwan bilbilaa dabaluu dandeessu.
  • Miseensota maatii fi hiriyoota wajjiin bilbilaan yookiin karaa tajaajiloota sarara irraatin qunnamaa.
  • Wantoota murteessoo fayyaaf dhiyaatan (kan akka saamunaa, sanitaayizerii alkoolii irratti hunda'aan, sooftiiwwan, termometirii, qorichoota ho'ina qaamaa hir'isanii fi meeshalee qorannoo COVID-19 manatti taasifamuu) harkatti qabadhaa.
  • Dhiyeessaa qorichoota isinii fi miseensonni maatii keessan osoo adda hin kutin fudhatan qabaachuf yaalaa.

Deeggarsa dargaggoota miseensota maatii keessaniif

  • Hiriyoota fi maatii isaanii wajjiin bilbilaan, ergaa barruutin, imeelidhan yookiin miidiyaa hawaasaatin hasa'uun gargaarsaa fi qunnamtii itti fufiinsa qabu gaafadhaa.
  • Yoo oduun kan isaan dhiphisu ta'e boqonnaa fudhachuu hin irranfatinaa. Daa'imman keessan odeeffannoo internetii yookiin maddoota odeeffaannoo biroo irraa argachuu malan ibsuufin itti haasa'aa.
  • Daa'imman gaaffilee akka gaafatan jajjabeessuu fi haala yeroo ammaa akka hubatan isaan gargaarun deeggaruu irratti xiyyeffannaa godhaa.
  • Waa'ee miirawwan isinitti dhagahamanii haasa'uun beekamtii kennaafi.
  • Miirawwan isaanii suura kaasudhan yookiin gochoota birootin akka ibsatan gargaaraa.
  • Kan yeroo biraa caalaa jajjabina kennafi akkasuma xiqqoo obsaafi.