Wal'aansota COVID-19

Namoonni akka COVID-19 dhan qabaman qorannoon beekamanii fi balaa ol'aanaa daraan dhukkubsachuu qaban Qorichoota COVID-19 argaman irraa fayyadamaa ta'uu danda'u. Wal'aansonni kunnen dhukkuba hammaataa, mana yaalaa ciisu fi du'a sababa COVID-19 tin dhufu irraa ittisuu danda'a. Yoo isin kan qabamtan taatani fi balaa ol'aanaa irra kan jirtan taatan, wal'aansonni sirriitti akka hojjatan dafanii eegaluu waan irra jiraatuf ogeessa fayyaa keessanii wajjiin battalumatti mari'adhaa. Ogeessi fayyaa keessan qorichi COVID-19 kamtu isiniif hunda caalaa baay'ee gaarii akka ta'e murteessuf isin gargaara.

Wal'aansonni/qorichoonni COVID-19 ittisuu akka bakka bu'uufi miti. Namni ulaagaa guutuu hundi talaallii akka fudhatanii fi tatamsa'ina COVID-19 ittisuuf tarkaanfiiwwan biroo akka fudhaatan ammas ni gorfama.

Wal'aansonni Farra Qaama Alagaa Monoclonal maali?

Farreen qaamaa alagaa pirootinoota qaamonni namootaa vaayirasii kan akka vaayirasii COVID-19 fidu dhorkuuf uumudha. Farreen qaama alagaa laaboratorii keessatti uummaman hamma vaayirasii qaama keessan keessa jiru daangessuuf akka farreen qaama alagaa uummamaatti hojjata. Farreen qaama alagaa monoclonal jedhamuun beekamu. Yoo isin balaa COVID-19 hammaataa irra kan jirtanii fi COVID-19 dhan qabamuun keessan qorannoodhan kan beekame ykn nama qabame tokko wajjiin tuttuqqii dhiyoo kan taasistan yoo taatan, waldhaansa farra qaama alagaa monoclonal (mAb) ilaalcha keessa galchuu barbaadu dandeessu. Umurii, seeenaa fayyaa keessanii fi mallattoolee yeroo hammamiif akka qabaattan irratti hundaa'uun COVID-19 irraa fayyuuf waldhaansa mAb (bebtelovimab) tif ulaagaa guutuu maltu.

Qorichoonni COVID-19 dhaf Saaxilamuun dura fudhataman maali?

Qorichota Saaxilamuun dura fudhataman (PrEP) qorichoota vaayirasiin akka hin maxxanne fi seelii namaa akka hin seenne dhorkuudhaf uumamaniidha. Akka farreen qaama alagaa monoclonal yeroo ammaa kan jiran osoo hin taane, Evusheld farra qaama alagaa bu'a qabeessa ta'uuf yeroo dheeraa kan itti fudhatu yommuu ta'u namni tokko COVID-19 dhaf saaxilamuu isaatin dura ittisuuf ykn eeguf qofa faayidaa irra akka ooluf eeyyamni kan kennameefidha. Evusheld mallattoolee dhukkubaa COVID-19 dhan dhufan wal'aanuf kan oolu miti, akkasumas nama COVID-19 dhan qabame tokkootti erga saaxilamaniin booda kan kennamuu miti; saaxilamuun dura qabamuu ittisuuf kan kennamuudha.

Farri Vaayirasii Afaaniin fudhataman maali?

Waldhaansi farra vaayirasii afaanin fudhatamuu vaayirasiin SARS-CoV-2 (Vaayirasii COVID-19 fidu) qaamaa keessan keessatti akka hin baay'anne dhaabun, hamma vaayirasii qaama keessan keessaa hir'isuun ykn sirna dandeettii dhibee ittisuu keessan gargaarun qaamni keessan COVID-19 dhan akka lolu gargaara. Waldhaansa argachuun, mallattoolee baay'ee hammaataa hin taane qabaachuu dandeessu, akkasumas carraawwan dhibeen keessan hammaachuf qabuu f mana yaalaa keessatti kunuunsa argachuuf barbaachisan hir'isuu mala. Wal'aansonni farra vaayirasii COVID-19 dhukkubsattoota mallattoolee salphaa irraa hamma giddu-galeessa ta'e qabaniif, kan mana yaalaa keessa hin jireef, guyyoota shanii fi isaa gadiif mallattoolee kan hin qabaanefi dhukkuba hammaatadhaaf balaa ol'aanaa irra jiraniif jira.

Farreen vaayirasii Karaa Ujummoo Dhiigaa dabarsuun Kennaman Maali?

Remdesivir (Ingiliffa qofaan) qoricha farra vaayirasii Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa) dhan eeyyama argate yommuu ta'u fi yeroo ammaa kana Washington State Department of Health (WADOH, Qajeelcha Fayyaa Isteeta Waashingtan) rabsamaa hin jiru. Vaayirasiin of akka hin baay'isne dhoowwudhan hojjata. Remdesivir adeemsa yerootin lilmoodhan karaa ujummoo dhiiga dabarsuun kennama, kunis IV infusion jedhamuun beekama.

Remdesivir Dargaggootaa fi daa'imman mana yaalaa hin ciisneefi balaa ol'aanaa dhukkuba COVID-19 hammaataa qaban wal'aanuf eeyyamni kennameefiidha. Ebla 25, 2022 irratti, FDA daa'imman umuriin isaanii yoo xiqqaate guyyoota 28 ta'an kan yoo xiqqaate ulfaatina 3 kg (hamma paawundii 6.6 kan gahu) madaalanii fi balaa ol'aanaa dhibee hammaataadhan qabamuu qaban hammachuuf eeyyama kana bal'iseera, kunis remdesivir wal'aansa daa'imman umuriin isaanii 12 gadi ta'eef FDA dhan eeyyamni kennameef isa jalqabaa isa taasisa.

Remdesivir hamma danda'ametti dafee mallattooleen erga eegalanii booda guyyoota torba keessatti eegaluu qaba, kanaafuu namoonni balaa ol'aanaa irra jiran mallattoolee yoo qabataanii fi COVID-19 dhan qabamuun isaanii qorannoodhan beekame ogeessa fayyaa isaanii wajjiin wal qunnamuun barbaachisaadha. Waldhaansichi akka walfaannee qorichoota lilmoodhan karaa ujummoo dhiigaa dabarsaniin kennaman sadii, guyyoota walitti aanan sadiif guyyaatti yeroo tokko kennama.

Manneen yaalaa eegumsa fayyaa waldhaansa remdesivir dhukkubsataa deddeebi'uun yaalamuuf kennuu danda'an hundaa miti – dhukkubsattoonni filannoon waldhaansaa jiraachuu malu akka jiru ilaaluf ogeessa fayyaa isaanii mari'achiisuu qabu.

Akkasumas Remdesivir dhukkubsattoota sababa COVID-19 tin dhukkuba hammaataa qabaniifi mana yaalaa ciisan waldhaanufis ni fayyada. Yoo isin sababa COVID-19 tin mana yaalaa ciistanii kan jirtan taatan, remdesivir ykn waldhaansonni biroo kan barbaachisan ogeessonni fayyaa keessan ni murteessu.

Gaaffilee Yeroo Hedduu Gaafataman

MAb'onni namoota COVID-19 dhan qabaman akkamitti gargaaru?

Waldhaansonni MAb fayyadmaa balaa hatattamaatif Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa) U.S irraa eeyyama argatan kanneen armaan gadiitif namootabalaa Ol'aanaa (Ingiliffaa fi Ispaanish qofaan) mallattoolee dhukkubaa hammaataa qaban gargaaruu danda'u:

  • Carra mana yaalaa ciisuu hir'isuuf
  • COVID-19 irraa saffisaan fayyuuf
Eeenyutu waldhaansa mAb argaachuu danda'a?

MAb'ooni namoota armaan gadiitif kan uumamaniidha:

  • COVID-19 dhan akka qabaman qorannoon kan beekameef
  • Guyyoota 10 ykn isaa gadiif mallattoolee dhukkubaa salphaadha hamma giddu-galeessaa ta'e qabaniif
  • Balaa ol'aanaa daraan dhukkubsachuu qabaniif
Ergan waldhaansa farra qaama alagaa monoclonal ergan fudhadhee booda talaallii COVID fudhachuun nan danda'aa?

Erga COVID-19 dhan qabamtaniin booda waldhaansa farra qaama alagaa nama fayye fayyadamuun namoota dhukkubsachaa jiraniif oolu (waldhaansa farra qaama alagaa monoclonal ykn pilaasma nama fayyee irraa gara dhukkubsataatti dabarsuu) fudhattanii kan jirtan yoo ta'e, waldhaansa erga xumurtanii booda yeroo kamiyyuu talaallii COVID-19 fudhachuu ni dandeessu. Namoonni dhuunfaa waldhaansa farra qaama alagaa nama fayye fayyadamuun namoota dhukkubsachaa jiraniif oolu isaanii erga xumuranii booda guyyoota 90 akka eegan kana booda isaan irra hin jiraatu.

Ulaagaa waldhaansa farra qaama alagaa nama fayye fayyadamuun namoota dhukkubsachaa jiraniif ooluf barbaachisan irratti gaaffilee yoo qabaattan, ogeessa fayyaa keessa wajjiin mari'adhaa.

Waldhaansa farra qaama alagaa monoclonal akkan fudhadhe akkamittan agarsiisuu danda'a?

Dhiyeessan fayyaa waldhaansa mAB kenne galmee waldhaansicha yoom akka fudhattan agarsiisuu isiniif kennuu danda'a.

Farreen vaayirasii karaa afaanii fudhatamaniif eenyutu ulaagaalee guuta?

Paxlovid: Dhukkubsattoota ga'eessotaa fi daa'imman (kan umuriin isaanii waggaa 12 fi isaa ol ta'an kan ulfaatinni isaanii yoo xiqqaate paawundii 88/ kg 40 ta'e) kan balaa ol'aanaa gara COVID-19 hammaatatti guddachuu danda'u irra jiran, mana hospitaalaa ciisuu ykn du'uu dabalatee.

Molnupiravir: Ga'eessonni mana yaalaa ciisuu ykn du'uu dabalatee balaa ol'aanaa gara COVID-19 hammaatatti guddachuu qabaniifi filannoowwan waldhaansa COVID-19 jijjiiraman Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa) dhan eeyyamni kennameef argachuu hin dandeenye ykn kilinikaan sirrii hin taane.

Waldhaansi Medicaid/Children's Health Insurance Program (CHIP) dhan ni uwwifamaa?

Eeyyee. Medicaid/Children's Health Insurance Program (CHIP, Sagantaa Inshuraansii Fayyaa Daa'immanii) waldhaansota mAB'ootatiif Kaffaltii tajaajilaa ni uwwisa (Ingiliffa qofaan). Kaffaltiin tajaajilaa kaffaltii ogeessi fayyaa waldhaansa isiniif kennuuf kaffalchiisudha. MAb'oota baay'eedhaf, baasin oomisha mataa isaatin mootummaa federaalatin uwwifama.

Yoon ani inshuraansii kanan hin qabne ta'e, COVID-19 dhaf ammas waldhaansa fudhachuu nan danda'aa?

Waldhaansonni COVID-19 mootummaa federaalaatin bitaman dhukkubsattotaf baasii malee kennamu. Haa ta’u malee, dhukkubsattoonni kaffaltiiwwan qorichi akka kennamuuf, waldhaansaa fi tajaajilaaf kaffalaman kan inshuraansii, dhukkubsattootaa fi sagantaawwan federaalaatin uwwifamuu danda'an qabachuu danda'u. Waldhaansota yeroo barbaaddan kaffaltii gosa kamtu akka kaffalamu beekuf, maaloo dhiyeessa keessan wajjiin mari'adhaa.

Namoonni dhuunfaa galmee keessatti hin galmoofne waldhaansa COVID-19 argachuu ni danda'uu?

Namoonni dhuunfaa galmee keessatti hin galmoofne uwwisa kaffaltii kanneen armaan gadiitif Alien Emergency Medical Program (Sagantaa Fayyaa Balaa Hatattammaa Alien Ingiliffa qofaan) irraa argachuu ni danda'u.

  • Qorannoo fi waldhaansa COVID-19 hammachuuf balaa hatattamaatif ulaagaa guutuu. 
  • Waajjira, kilinika ykn karaa telehealth hammachuuf qindaa'inoota qorannoo fi waldhaansaa.
  • Tajaajiloota mirkanaa'an. Namoonni dhuunfan akka COVID-19 dhan qabaman qorannoon beekaman kaffaltiin qorichootaa fi tajaajiloota hargaansuu uwwifamuufi danda'a. Bu'aawwan COVID-19 poozitivii ta'uu danda'an kaffaltiin mana yaalatti deddeebi'uun ilaalamuu fi qorichootaf uwwifamuufi mala.

AEM Akkamitti Gaafachuun Akka Danda'amu

Ga'eessota waggaa 19 hamma 64 jiran:

Ga'eessonni umuriin isaanii 65 fi isaa ol ta'e, kan arguu hin dandeenye, hir'ina qaamaa qaban ykn tajaajiloota yeroo dheeraa isaan barbaachisu:

Waldhaansa COVID-19 Argadhaa

Sagantaan Test to Treat (Qorannoo irraa kaasee hamma Waldhaansaa)  (Ingiliffa qofaan) waldhaansota COVID-19 lubbuu bararan saffisa qabanii fi salphaatti argamuu danda'an kennuu danda'a. Yoo qorannoodhan isin akka qabamtan beekame, ogeessa fayyaa keessan mari'achiisuu ni dandeessu, akkasumas ulaagaa kan guuttan yoo ta'e (qaamaan deemtanii ykn karaa yaala sarara irraatiin), waldhaansa COVID-19 karaa afaanii fudhatamaniif ajaja ogeessa fayyaa argachuudhan ajajicha — hundumaa yeroo tokkotti.

Ingiliffan, Ispaanishiin fi afaanota biroo 150 ol ta'aniin gargaarsa argachuuf Garsiistuu Test to Treat jiru daawwadhaa ykn 1-800-232-0233 (TTY 1-888-720-7489) gara bilbilaa. Giddu-galli bilbilaa ganama 8 irraa eegalee hamma walakkaa halkaniitti ET, torbanitti guyyoota 7 banaa yommuu ta'u iddoo dhiyoo keessan jiru argachuuf isin gargaara.

Qabeenyota namoota dhuunfaa inshuraansii hin qabneef

Namoonni dhuunfaa inshuraansii hin qabne kan waldhaansonni COVID-19 ykn kaffaltii eegumsa fayyaa uwwisuun isaan barbaachisu kanneen armaan gadii argachuu danda'u:

Namoonni dhuunfaa inshuraansii hin qabnee kilinikoota baay'ee qaama Federally Qualified Health Centers (FQHCs, Wiirtuuwwan Fayyaa Sadarkaa Federaalatti Ulaagaa guutan) armaan gadii ta'an tajaajilota gaafachuu ni danda'u: 

Waldhaansa argachuudhaf iddoo argachuudhaf gargaarsa ni barbaaddu? Iddoo Test to Treat (Ingiliffa qofaan) argachuudhaf 1-800-232-0233 (TTY 888-720-7489) irratti bilbilaa.

Qabeenyota dabalataa

Sararri bilbilaa COVID-19 Isteetaa gaaffilee dabalataa deebisuuf jira. Odeeffannoon sarara bilbilaa fuula Nu Qunnamaa jedhu irraa ilaala.

Waa'ee waldhaansota COVID-19 irratti dabalata argachuudhaf, fuula Waldhaansota COVID-19 Wiirtuwwan To'annoo fi Ittisa Dhibee daawwadhaa.