Qabeenyota Maatiiwwan Hanqina Daakuu Aannan Daa'imaatin Dhiibban Irra Gahe

Hanqinni Daakuu Aannan daa'imaa maatiiwwan baay'een sadarkaa biyyaatti akka yaadoo keessa seenan taasisera. Qabeenyonni kunneen maatiiwwan nyaata sirna nyaataa daa'ima isaanii gargaaru argachuudhaf yaalaa jiran gargaaruu danda'u. Odeeffannoon armaan gadi American Academy of Pediatrics (AAP, Akadamii Waldhaansota Daa'immannii Ameerikaa), the U.S. Department of Health and Human Services (Qajeelcha Tajaajiloota Fayyaa fi Namummaa U.S), Sagantaa Women, Infants, and Children (WIC, Dubartoota, Daa’immanii fi Ijoollee) Waashingtan, the Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Wiirtuuwwan To'annoo fi Ittisa Dhibee), fi the U.S. Food and Drug Administration (FDA, Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa U.S) irraa kan dhufeedha.

Yoon daa'ima kiyyaaf daakuu aannanii argaachu hin dandeenye maal gochuun qaba?

Doktariin daa'ima keessanii, narsiin, ykn kilinikni madda odeeffannoo sirna nyaataa daa'ima keessanii hunda irra baay'ee gaarii ta'eedha. Yoo yaaddoowwan kamiyyuu qabaatan maaloo isaan qunnamaa.

Yoo WIC irratti kan hirmaattan ta'e:

  • Daa'ima keessaniif daakuu aannanii argachuuf maal gochuu akka dandeessan murteessuf Kilinika WIC naannoo keessan qunnamaa (geechistuun Ingliffaan) qunnamaa. WIC amma maatiiwwaniif filannoowwan dabalataa kennuuf gosoota daakuu aannan daa'imaa dabalataan dhiyeessa.
  • Kilinika naannoo keessanitti yoo argachuu hin dandeenye taatan, gara waajjira WIC isteetatti
  • 1-800-841-1410 irratti Wiixataa hamma Jimaataa 8:00 am – 5:00 pm bilbilaa.
  • Waa'ee Daakuuwwan aannan daa'imaa WIC mirkanaa'e ilaalchisee odeeffannoo dabalataaf Fuula saphaphuu WIC waashingtan (Ingiliffaan) ilaalaa.

Faayidaawwan Basic Food (Nyaata Bu’uuraa) (The Supplemental Nutrition Assistance Program (SNAP, Sagantaa Deggarsa Soorata Dabalataa) kuusaawwan qorichaa dabalatee kuusaawwan garagaraa irraa daakuu aannan daa'imaa bituuf faayidaa irra ooluu danda'u. Faayidaawwan qaaman argamuun ykn sarara irraan bituuf itti fayyadamuu dandeessu. Akka isin SNAP dhaf ulaagaa guutan baruuf Parenthelp123 web page (Ingliffan) ilaalaa ykn 1-800-322-2588 irratti bilbilaa.

Maatiwwan biroo hundi kan armaan gadii gochuu danda'u:

  •  Kuusaawwan xixiqqoo fi kuusaawwan qorichaa keessa jiraachuu isaa mirkaneessuu ykn kuusaawwan ykn duukkaanota qorichaa oomisha kubbaaniyyaa beekaman oomishame gurguran irraa sarar irraan bituu.
  • Oomishtoota kallattiidhan qunnamaa:
    • Gorsaa sirna nyaataa ykn waa'ee harma hoosisuu irratti ragaasisni beekamtii kennameef bilbilaan, Miseenjerii Facebook tin, marii saphaphuu irratti taasifamuun ykn bilbilaa viidiyootin argachuuf MyGerber Baby Expert Gerber (Ingiliffaan) fayyadamaa. Isaan daakuu aannan daa'imaa wal fakkaatu kan caalatti haala salphaa ta'een argamuu danda'u adda akka baastaniif isin gargaaru.
    • Sarara bilbilaa maamila Abbott irratti bilbilaa: 1-800-986-8540
    • Unka gaaffii oomisha hatattamaa Abbott (Ingiliffaan) fayyadamaa: Karaa Abbott gaaffii oomishaa hatattamaa galchuuf OBGYN keessan ykn doktara daa'ima keessanii, narsii ykn kilinika gaafadhaa.
    • Sarara tajaajila maamilaa Mead Johnson/Reckitt irratti bilbilaa: 1-800 BABY-123 (222-9123)
  • Qabeenyota hawaasaa armaan gadii ilaalaa:
    • Community Action Agency (CAA, Ejeensii Hojiimata Hawaasaa) dhiyoo keessan jiru Brbaadaa (Ingiliffaan). CAA olaa keessan jiru daakuu aannan daa'imaa isiniif kennu danda'a ykn ejensiiwwan naannoo kuusaa keessa daakuu aannan daa'imaa qaban wajjiin isin qunnamsiisuu danda'a.
    • 2-1-1 kan United Way irratti bilbilaa (Ingiliffan): Ogeessa addaa qabeenya hawaasaa United Way keessa jiru wajjiin wal qunnamuuf 2–1-1 irratti bilbilaa. Isaan isin akka kuusaawwan nyaataa fi iddoowwan biroo daakuu aannanii fi nyaata daa'imaa gatii gadi aanaa qaban ykn bilisa ta'an itti argachuu dandeessan akka argattan isin gargaaruu danda'u.
    • Kuusaa keessaa daakuu aannan daa'imaa qabachuu isaanii gaafachuuf gara baankii nyaataa naannoo keessanitti bilbilaa (Ingliffaan).
    • Waa'ee aannan arjoomamee Doktara daa'ima keessanii, narsii, ykn kilinika gaafadhaa. Ajaja ogeessa fayyaatin aannan harmaa arjoomamee fi nagaan isaa eegame Northwest Mother’s Milk Bank (Ingiliffan) irraa argachuu dandeessu.
  • Haala hatattamaa kana keessatti, American Academy of Pediatrics (Akadaamiin waldhaansota Daa'immannii Ameerikaa) akka jedhutti, maqaawwan oomisha kuusaa dabalatee daa'imman baay'een gara daakuu aannan daa'imaa jiru kamiyyuuttu jijjiiruu ni danda'ama, yoo daa'imni keessan daakuu aannanii adda ta'e isa/ishee barbaachiseen alatti Yoo daa'imni keessan daakuu aannan daa'imaa kutaa pirootinii xixiqqoo muraasa qofa irraa of eeggannoon hojjatame murtaawaa (Ingiliffaan) ykn aminoo asid kan akka Elecare irratti hundaa'un hojjatame fayyadamaa kan jiru ta'e, waa'ee filannoowan biroo dooktara daa'imaa keessanii, narsii, ykn kilinika gaafadhaa.
  • Eddattoowwan daakuu aannan daa'imaa isiniif kennu danda'an harkaa irraa qabaachuu isaanii OBGYN keessan ykn doktora daa'ima keessanii, narsii ykn kilinika gaafadhaa.
Daakuun aannan daa'imaa akka yeroo dheeraa turuuf bishaan dabalataa itti dabaluun rakkoo hin qabuu?

Lakki. Yeroo hundumaa ajajoota qarqaba irratti argamanii fi odeeffannoo doktorri daa'ima keessanii, narsiin ykn kilinikni isniif kennu hordofuu qabdu. Daakuun aannan daa'imaa bishaan itti baay'ate balaa qaba, akkasumas daa'imni keessan nyaata gahaa hin arganne gochuu danda'a. Kunis rakkoowwan fayyaa hammaataa ta'an fiduu danda'a.

Ani daakuu aannan daa'imaa mana keessatti ofiin qopheessu nan danda'aa?

American Academy of Pediatrics daakuu aannan daa'imaa ofii keessanii akka hin qopheessine sirriitti gorsa. Daakuun aannan daa'imaa manatti qopha'u kan balaa qabuu fi daa'ima keessaniif nyaataa gahaa hin kennu. Du'aattiwwan daa'imaa muraasni daakuuwwan aannan daa'imaa manatti qopha'aan wajjiin wal qabatan ta'uun isaanii beekameera.

Daakuu aanan daa'imaa gara biyya keessaa gale argachuu nan danda'aa?

U.S. Food and Drug Administration (FDA) dhiyeessa daakuu aannna daa'imaa gara biyya keessaa gale dabaluuf tarkaanfiiwwan fudhateera. Caamsaa 16, FDA'n oomishoonni gara biyya keessaa galan kan sadarkaawwan nageenyummaa fi nyaataa guutan torbanoota dhufan keessatti U.S gahuu akka danda'an ibseera (Ingiliffan).

Daakuu aannan daa'ima deemuu yaalaa jiru daa'ima kiyyaa kennuu nan danda'aa?

 American Academy of Pediatrics (AAP) daakuuwwan aannan daa'ima deemuu yaalaa jiruu daa'immaniif akka kennamu hon gorsu. Garuu AAP'n yoo isin filannoo biraa kan hin qabne ta'e, daakuun aannan daa'ima deemuu yaalaa jiru daa'ima umuriin isaa/ishee gara waggaa tokkootti dhiyaachaa jiruuf guyyoota muraasaf fayyadamuun rakkoo hin qabu jedha.

Daakuu aannanii kan daa'ima yeroo isaa/ishee dura dhalateef/dhalatteef ta'u daa'ima kiyya yeroo eegun dhalateef/dhalatteef fayyadamuu nan danda'aa?

American Academy of Pediatrics (AAP) akka jedhutti yoo kan biraa hoomtu hin jiru ta'e daakuun aannanii kan daa'imman yeroo isaanii dura dhalataniif ta'u daa'imman yeroo isaanii eegun dhalataniif torbanoota muraasaf fayyadamuun rakkoo hin qabu.

Daa'ima kiyyaaf iddoo daakuu aannan daa'imaa aannan saawwaa kennufii nan danda'aa?

American Academy of Pediatrics akka jedhutti daa'imman kan umuriin isaanii ji'a 6 ol ta'ee fi kan daakuu aannan daa'imaa baramaa (kan adda hin taane) fayyadamaniif, aanan saawwaa akkuma elmameen qabiyyeen itti hin dabalamin yeroo gabaabaf (torban tokko kan hin caallef) filannoo ta'uu danda'a. Garichi Kan fudhatama qabu akka hin taanee fi torbee tokkoo ol akka kennamuu hin qabne ibsa. Yeroo aannan saawwaa kennitan, hir’ina dhiigaa ittisuuf daa'imni keessan ayirani gahaa argachaa akka jiru/jirtu mirkaneessun barbaachisaadha. Akkasumas daa’ima keessaniif nyaatawwan jajjaboo ayiranii of keessaa qaban kan akka foon nyaataa daa'imaa golgame ykn midhaanota ayiraniidhan badhaadhan baay’ee kennuun barbaachisaadha. Yeroo hanqinichi jirutti, torban tokkoof daa’ima keessaniif aanan saawwaa akkuma elmameen qabiyyeen itti hin dabalamin kennuun isin irra kan jiraatu ta’e, doktora daa’imaa keessan, narsii ykn kilinika dubbisaa.

Daa'ima kiyyaf aannan re'ee kennu nan danda'aa?

U.SYuunayitid Isteet keessatti aannan re'ee daa'imaniif akka kennamu eeyyamni hin kennamne. Haa ta'uu malee, biyyootni muraasni daakuuwwan aannan daa'imaa aannan re'ee irraa hojjatamaniif eeyyama kennaniiru. U.S.Food and Drug Administration yeroo hanqini mudate kanatti oomishoonni kunneen gara biyya keessaa akka galan eeyyamuu ilaalcha keessa galchuu danda'a.

Daa'ima kiyyaaf aannan biqiltuu irraa hojjataman kennufii nan danda'aa?
  • American Academy of Pediatrics (AAP) aannan kannen biroo akka filannootti daa'imman waggaa tokkoo gadi ta'aniif ykn kannen daakuuwwan aannan daa'imaa adda ta'an isaan barbaachisaniif akka kennaman hin gorsu. AAP'n akka jedhutti, yeroo balaa hatattamaa, guyyoota muraasaf aannan sooya daa'ima umuriin isaa/sihee gara waggaa tokkootti siqeef kennuu dandeessu, garuu aannan sooya sun pirootinii fi kalshiyeemin kan itti dabalame ta'uu qaba. Yeroo inni irra deebin argamuutti, hamma danda'ametti dafuun gara daakuu aannan daa'imatti deebi'u keessan mirkaneeffadhaa.
  • Daa'ima keessaniif aannan almondii ykn aannan biqiltuu irraa hojjataman biroo hin kenninaafi. Isaan kunneen daa'ima keessaniif pirootinii fi albuudota gahaa hin kennan.
  • Aannan biqiltuu irraa hojjatame fayyadamuu yaadaa kan jirtan yoo ta’e, doktora daa’ima keessanii, narsii ykn kilinika dubbisaa.
Daa'imni kiyya daakuu aannan daa'imaa adda ta'e kan Abbott dhan gabaa irraa akka deebi'ee guuramu taasifame isa barbaachisa. Maal gochuun qaba?

U.S. Food and Drug Administration haalota murtaa'oo keessatti warshaa kubbaaniyyaa Sturgis, Miichigaan keessatti argaman irraa Abbott daakuuwwan aannan daa'imaa adda ta'anii fi sirna nyaata bulleessuuf oolan akka baasu akka eeyyamuuf (geechistuu ingiliffaan) dubbateera. Yoo daa'imna keessan daakuuwwan aannan daa'imaa kanneen keessa tokko isa/ishee kan barbaachsiu ta'e, oomishicha akkamitti argachuu akka dandeessan doktora daa'ima keessanii, narsii ykn kilinika gaafadhaa.

Daa'ima kiyyaaf daakuu aannan daa'imaa kennaafii kanan ture yoo ta'e, harma hoosisuu eegaluu nan danda'aa?

Yeroo dheeraaf erga addaan kutanii booda harma hoosisuun ykn osoo kanaan dura daakuu aannan daa'imaa goonkuma hin kennine ta'e harma hoosisuu eegaluun ni danda'ama, garuu yeroo fi carraaqqii gaafata. Dhiyeessa aannanii akkamitti kakaasun akka danda'amu ilaalchisee La Leche League International qabeenyota qaba. qunnamsistuun afaanota adda addaan ni argama.