Stroke and Heart Attack Signs and Symptoms - Oromo

English

Istirooki fi dhibeen onnee tasa mudatu yeroo hunda dhibee tasaati (emergency). Mallattoolee istirookii fi dhibee onnee tasa mudatuu beektuu?

Beekumsi humna. Mallattoolee dhibee kanaa barachuudhan, yeroo mudatan adda baasudhan, fi gargaarsaf 911 tti bilbiluun lubbuu oolchaa.

Istirookii

  • Tasa mallattoon adooduu yookin dadhabbii fuula, harka yookin miilla, keessumaa gar tokkeen qaamaa, irratti mul'achuu
  • Burjaaja'uu yookin haasaa namaa adda baafachuu dadhabuu tasa uumamu
  • Ija tokko yookin lamaanuu tasa arguu dhabuu
  • Tasa deemuu dadhabuu, raata'uu, yookin madaala ofii eeguu dadhabuu
  • Sababa isaa osoo hin beekun mata bowwoo cimaa tasa qabatu

Dhibee onnee tasaa

  • Dhukkubbiin yookin miirri namatti hin tolle laphee irratti namatti dhagahamu
  • Of wallaaluu, miira ol deebisuu yookin haqqee
  • Dhukkubbii mangaagaa, mormaa yookin dugdaa
  • Miira namatti hin tolle yookin dhukkubbii irree yookin gateettii irratti
  • Hafuura baasuu dadhabuu

Namni tokko istirookii yookin dhibee onnee tasaatin qabame yoo argitan hin callisinaa. Battaluma sanatti 911 tti bilbilaa. Ogeeyyin fayyaa tajaajila fayyaa hatattamaa istirooki fi dhibee onnee tasaa adda baasuu irratti leenji'an jiru waan ta'eef nama sana dafanii gara hospitaalatti geessu. Waldhaansi hatattamaa kunneen kan waldhaanamuu danda'aniidha; dhukkubsataan sun hammuma dafee waldhaansa argate dafee gara maatii fi jireenya idileetti deebi'a.