COVID Dheeraa

COVID Dheeraan Maali?

COVID Dheeraan erga namni tokko COVID-19 dhukkubsatee booda mudata. Dhukkuba hidda gadi fageeffatedha, kana jechuun yeroo dheeraa kan turu, fi/ykn adeemsa keessa dhufuu fi deemuu danda’a. Yeroo tokko tokko “Siindiramii COVID boodaa”, “rakkoo COVID-19 booda (PCC)” ykn “imala dheeraa COVID” jedhamees ni waamama.

COVID Dheeraan yaaddoo fayyaa hawaasaa hammaataa ga’eessotaa fi daa’imman Ameerikaa miliyoonaan lakkaa’aman hubedha. Mallattoon dhukkuba kanaa salphaa hanga cimaa ta’ee yoo xiqqaate ji’a sadiif turuu danda’a. Haalota muraasa keessatti COVID Dheeraan qaama miidhamummaa fiduu danda'a.

Rakkoo haaraa waan ta'eef waa'een COVID Dheeraa hanga ammaattiyyu hedduu hin beekamu. Vaayirasiin SARS-CoV-2 kan COVID-19 fidu jalqaba bara 2019 argame. Hanguma qorannoonn irratti taasifamaa adeemuun nutis bal'inaan barachuu itti fufna.

Mallattoolee COVID Dheeraa

Mallattooleen COVID Dheeraa dhukkuba COVID-19 booda ji'oota ykn waggootaaf turuu danda'u. Mallattooleen nama irraa gara namatti garaagarummaa qabaachuu waan danda’aniif adda baasuun ykn sakatta'uun rakkisaa ta’uu danda’a.

Akkaataa Centers for Disease Control and Prevention (Gidduugala To'annoo fi Ittisa Dhukkubaa, CDC) jedhutti mallattoolee COVID Dheeraa 200 oltu jira. Mallattooleen dhukkuba kanaa erga dhiibbaa qaamaa ykn sammuu geesissanii booda hammachuu danda’u. Mallattooleen beekamoon kanneen armaan gadii hammata:

  • Dadhabbii jireenya guyyuu gidduu seenu
  • Dhiibbaa qaamaa ykn sammuu booda akka waliigalaatti miira fayyaalessummaa dhabuu (karaa ibsuun rakkisaa ta’uu danda’uun)
  • Yaaduun yookiin xiyyeeffachuun cimuu akkasumas "dhukkubbii xiyyeeffachuu dadhabuu"
  • Dhaqna gubaa
  • Hafuura baafachuu dadhabuu
  • Qufaa
  • Dhukkubbii laphee
  • Dhahannaa onnee saffisaa (onneen garmalee dhahachuu)
  • Foolii fi/yookiin dhamdhami jijjiiramuu
  • Mataa bowwaafachuu
  • Rakkoowwan hirribaa
  • Yaaddoo yookiin dhiphina
  • Yeroo kaatanii dhaabattan lafaan nama maruu
  • Dhukkubbii buusaa yookiin maashaa
  • Miirawwan waraansaa fi ciniinnaa
  • Dhukkubbii garaachaa
  • Garaa kaasaa
  • Goginsa garaa
  • Gogaatti shif jechuu
  • Marsaan laguu jijjiiramuu

COVID Dheeraa kan qabaachuu danda'u eenyu?

Namni kamiyyuu kan COVID-19 qabame COVID Dheeraan qabamuu danda'a yeroo COVID-19 qabaman mallattoolee yoo hin qaban ta'eyyuu.  Namoonni yeroo tokkoo ol COVID-19 qabaman tokkoon tokkoo dhukkubaatiin balaa COVID dheeraaf saaxilamuu qabu.

Akkaataa qorannoo Waxabajjii 2024 maxxanfametti Waxabajjii bara 2023 tti ga’eessota Waashingitan keessa jiran keessaa 6.4% COVID Dheeraa akka isaan mudatuu fi 117,000 ammoo daangeffama sochii guddaa akka qabaatan tilmaamameera. Qorannoon kun yeroo kanatti saffisi COVID Dheeraa giddu galeessaa fi baha Waashingitan keessatti ol’aanaa akka ta’u ibseera. Dhibbeentaan ga’eessota Waashingitan COVID Dheeraa qaban yeroo hunda Household Pulse Survey (Qorannoo Dhahannaa Manaa) tiin tilmaamama.

CDC'n akka ibsutti namoonni carraa COVID Dheeraa tiin qabamuu qaban kanneen akka:

  • Dubartoota
  • Ga'eessota dulloomoo.
  • Namoota rakkoo fayyaa hidda fageeffate qaban.
  • Namoota Hispaanikii fi Laatiinoo
  • Namoota COVID-19 tiin baay'ee dhukkubsatan yookiin hospitaala ciisan.
  • Namoota talaallii COVID-19 hin fudhanne.

Namootni walcaalmaa fayyaatiin rakkatan carraa dhiibbaa fayyaa hamaa COVID Dheeraan isaan irran gahu ol’aanaa ta’uu danda’a. Walcaalmaa fayyaa kan uumamu gareen namootaa sababa sirnaa (sirna guutuu hubu), kan dhorkamuu danda’uu fi sababa haqa hin qabneen bu’aa fayyaa adda addaa yeroo qabaatani dha.

Akkaataa Office of the Assistant Secretary of Health (Waajjirri Gargaaraa Barreessaa Fayyaa, OASH) jedhutti, gareewwan dhiyeessii tajaajila fayyaa xiqqaa qaban yookiin sirna eegumsa fayyaa irraa loogiin (salphina ykn yakkamaa ta'uu) isaan mudatu carraan qorannoo COVID Dheeraa argachuu isaanii xiqqaa ta’uu danda’a.

Akkaataa itti OASH garaagarummaa COVID Dheeraa furaa jiru bal'inaan asii dubbisuu dandeessu.

Ittisa COVID Dheeraa

COVID-19 qabamuu dhiisuudhaan COVID Dheeraa ittisuu dandeessu. Talaallii COVID-19 wayitaawaa argachuun mala ittisa COVID-19 isa gaariidha.

Namoonni talaallii COVID-19 fudhatan kanneen talaallii hin fudhanne gaditti carraa COVID Dheeraan qabamuu qabu.

Wantoonni biroo dhukkuba COVID-19 ittisuuf itti fayyadamuu dandeessan haguuggii fuulaa uffachuu, yaa'a qilleensaa fi calallii fooyyessuu, yeroo yerootti harka keessan saamunaa fi bishaaniin dhiqachuu, bakka irra deddeebiin tuqame qulqulleessuu, fageenya qaamaa eeguu fi qorannoo taasisuu.

Yoo COVID-19 qabaattan qajeelfama kana hordofuun namoota biroo COVID-19 irraa eegaa.

COVID Dheeraa irraa of eegaa: Talaallii Fudhadhaa (Ingliffa) (PDF)

Waa'ee Talaallii COVID-19 fudhachuu Baradhaa

Qorannoo COVID Dheeraa

COVID Dheeraa qorachuun cimuu danda'a. Mallattooleen muraasni hubachuuf ni cimu. COVID Dheeraaef yeroo ammaa qorannoon laabraatoorii ykn qorannoon immeejiingiin adda baasuu hin jiru. Yoo dhukkubsataan COVID Dheeraa qabaatteyyu bu'aan qorannoo akka waan idilee ta'eetti agarsiisuu danda'a. COVID Dheeraan mallattoolee yookiin amala rakkoolee hidda gadi fageeffatan biroo waliin qooddachuu danda'a.

Namoonni muraasi kanneen mallattoolee COVID Dheeraa gabaasan mallattoolee COVID-19 hin argisiisan Isaan akkasii yeroo jalqaba dhukkubsatanitti COVID-19 f qorannoo kan hin taasisne dha. Kunis akka isaan COVID-19 qaban mirkaneessuuf nama rakkisa akkasumas sakatta'insa walxaxaa taasisa. Yeroo jalqaba dhukkubbiin isinitti dhagahamu COVID-19 f qorannoo taasisuun fayidaa qaba kunis yoo barbaachise sakatta'insa COVID Dheeraa keessan boodaa keessatti deeggaruufi.

Tarree Beellama Eegumsa Fayyaa COVID Dheeraaf (CDC) (Ingliffa)

Haalota Fayyaa Haaraa fi Duraan Turan

COVID dheeraan sirna qaamaa kamuu miidhuu danda'a. Dhukkubsattoonni rakkoolee adda baafamuu danda’u tokkoo fi isaa ol qabatanii dhiyaachuu danda’u, kanneen akka: rakkoolee ofirraa ittisuu fi mayaljik encefalomayelitiis/siindramii hammaataa hidda gadi fageeffate (ME/CFS).

Kana jechuun namoonni COVID-19 dursa qaban yaaddoo fayyaa biraan hubamuu kanneen akka dhibee sukkaaraa yookaan rakkoo dhibee onnee godhachuu malu. Rakkooleen kanaan duraa kanneen akka dhibee sukkaaraa fi dhukkuba onnee erga dhukkuba COVID-19 booda isa duraa caalaa hamaa ta'uu danda'u.

Qofaa keessan akka hin taane yaadadha. Akkaataa Centers for Disease Control and Prevention(Gidduugala To'annoo fi Ittisa Dhukkubaa, CDC) jedhutti ga’eessota COVID Dheeraa qaban 4 keessaa 1 sochii guyyuu isaanii akka daangessu gabaasa. Garee deggersaa tokkotti makamuun miira adda qoodamuu salphisuuf gargaaruu danda’a.

Dabalataa baradhaa:

Sirreeffama gaafadhaa. Sirreeffamni jijjiirama nama tokkoof ykn waan tokkoof godhamuudha. Mallattoon dhukkuba kanaa namoonni wantoota osoo hin dhukkubsatiin dura hojjechuu danda’an hojjechuun akka isaan rakkisu yookiin akka hin danda’amne gochuu danda’a. Hojii fi dalagaa mana barumsaa raawwachuuf rakkisaa ta’uu danda’a. Hojjechiistonni fi manneen barnootaa mallattoolee keetif sirreeffama madaalawaa gochuuf itti gaafatamummaa qabaachuu malu.  

‘COVID Dheeraa fi Mirgoota Qaama Miidhamaa’ armaan gadii ilaalaa.

Dabalataa baradhaa:

Tarree Qabeenya Bulchiinsa irraa Jireenya Hawaasaa tiif (Ingliffa)
School Accommodations (Long Covid Families)

Annisaa keessan to'adhaa. Mallattoon beekamaan yeroo baay’ee miira dadhabbii irra deddeebiidhaan keessumaa sochii sammuu ykn qaamaa booda namatti dhaga’amuudha. Humna keessan qusachuu fi guyyaa guutuu yeroo yerootti boqonnaa fudhachuu yaadadhaa.

Waa’ee P wwan 4 anniisaa keessaan COVID Dheeraa waliin to'achuu bal’inaan asii baradhaa: 120-066 - COVID Dheeraa "P wwan 4" poosterii - 8.5x11 - Waxabajjii 2023 (wa.gov) (Ingliffa)

COVID Dheeraa fi Mirgoota Qaama Miidhamaa

COVID Dheeraan qaamaa fi sammuu irratti dhiibbaa fiduu danda'a. Americans with Disabilities Act (ADA,Seera qaama miidhamtoota Ameerikaa ) jalatti qaama miidhamummaa ta’uu danda’a. Namoonni COVID Dheeraa qaban seeraan eegumsi loogii qaama miidhamummaa godhamuufii danda'a.  Haala isaanii kana irratti hundaa'uun haalli daldala, naannoo, fi mootummaa giddu galeessaa irratti dhibee COVID Dheeraa isaaniin wal qabateen fooyya'insi taasifamuu danda'a.

Qajeelfama "COVID Dheeraa" akka Qaama miidhamummaatti ADA jalatti (Ingiliffaa)

COVID Dheeraa fi Dargaggoota

Dargaggoonnis COVID Dheeraadhaan dhukkubsachuu danda'u. Dargaggoonni yeroo baayʼee dadhaban ykn xiyyeeffachuuf rakkatan mana barumsaa fi sochiiwwan kaan irratti hirmaachuuf rakkachuu dandaʼu. Ijoolleen xixiqqoon mallattoolee isaanii akka gaariitti ibsuu dadhabuu danda’u.

Ijoolleen COVID Dheeraaf saaxilaman heyyama barnoota addaa, eegumsa yookiin tajaajila wal qabatan biroo kanneen Seerota Federaalaa lama jalatti eeramanif ulaagaa guutuu danda'u.

Talaallii farra COVID-19 dargaggootaaf kennuun mala COVID Dheeraa dargaggoota irraa ittisuu isa gaarii dha. Waa'ee talaallii COVID-19 bal'inaan asii baradhu
 

COVID Dheeraa fi Dargaggoota

Dargaggoonnis COVID Dheeraadhaan dhukkubsachuu danda'u. Dargaggoonni yeroo baayʼee dadhaban ykn xiyyeeffachuuf rakkatan mana barumsaa fi sochiiwwan kaan irratti hirmaachuuf rakkachuu dandaʼu. Ijoolleen xixiqqoon mallattoolee isaanii akka gaariitti ibsuu dadhabuu danda’u.

Ijoolleen COVID Dheeraaf saaxilaman heyyama barnoota addaa, eegumsa yookiin tajaajila wal qabatan biroo kanneen Seerota Federaalaa lama jalatti eeramanif ulaagaa guutuu danda'u.

Talaallii farra COVID-19 dargaggootaaf kennuun mala COVID Dheeraa dargaggoota irraa ittisuu isa gaarii dha. Waa'ee talaallii COVID-19 bal'inaan asii baradhu

Leecalloowwan Hawaasaaf

Leecalloo Ogeessota Fayyaa fi Fayyaa Hawaasaaf

Leecalloowwan Miiltoowwaniif