Care Connect Washington sagantaa namoota COVID-19n qabamanii fi saaxilamaniif kan adda baahuu fi manatti kophaa ta'uuf gargaarsi isaan barbaachisuuf nyaataa fi wanotota barbaachisoo ta'an biroo dhiyeessuf qopha'eedha. Qajeelchi Fayyaa, Abbaa taayitaawwanii fayyaa naannoo fi miltoowwan isaanii wajjiin hojjetan, naannoo naannoodhan Quunnamsiistuu Eegumsaa Washington hojjisiisaa jira. Naannoon tokkoon tokkoon isaanii miiltoowwan uummata irratti xiyyeeffannoo godhan wajjiin namoota tajaajiloota isaan ulaagaa guutaniif kan akka dhiyeessa qorichaa, kunuunsa fayyaaa, gargaarsa namoota hin qaccaramneef hojiirra ooluu, ejeensiiwwan ijaarsa manaa, baankiiwwan nyaataa, dhiyeessitoota kunuunsa daa'imaa fi kan biroo wajjiin isaan quunnamsiisuf hojjata. Gargaarsi barbaachisummaa irratti hunda'uun taasifama.
Namoota of adda baasaniif ykn kophaa turan mana turuun akka danda'amu gochuuf, Care Connect Washington wantoota akka meeshaalee kunuunsa dhuunfaa, meeshaalee nyaata hin badnee fi ajajoota midhaanii haaraa gara mana isaanii geeffamu ni dhiyeessa. Yoo waantonni dirqama barbaachisoo ta'an kan akka deeggarsa maallaqaa gatii kaffaluu jiran adda baafaman, qindeessan kunuunsa naannoo namoonni qabeenyota ykn tajaajiloota ulaagaa guutuu danda'aniif akka iyyatan ni gargaara ykn kaffaltiiwan gatiiwwanii kan akka kiraa, manaa fi fayyadamtiwanii taasisuu irratti kallattiidhan gargaarsa kennaaf. Adda of baasuun ykn kophaa turuun yeroo dhume, qindeessan kunuunsaa fedhiiwwan fayyaa fi hawaasaa itti fufan gargaaruf namoota tajaajiloota naannoo yeroo dheeraa wajjiin wal qunnamsiisuu danda'a. Care Connect Washington odeeffannoo namoota barbaachisuu afaan isaan filataniin dhiyeessa
Yoo isin COVID-19 dhan kan qabamtan ta'ee fi manatti adda of baasuf nyaanni ykn gargaarsi biraa isin barbaachise, Sarara bilbila Odeeffannoo COVID-19 -1-800-525-0127 irratti qunnamaa, itti aansun # gadi qabaa. Deeggarsi tajaajila afaanii jira. Sa’aatiin sarara bilbilaa:
- 6 a.m. hanga 10 p.m., Wiixata
- 6 a.m. hanga 6 p.m. Kibxataa hanga Dilbataa, fi guyyaa ayyaanota waggaa (Ingiliffa qofa)
Gaaffilee Yeroo Hedduu Gaafataman

Gargaarsa COVID-19f Dhiyeenya Naannoo
Qajeelchi Fayyaa Isteetii, Abbaa taayitaawwanii fayyaa naannoo fi miltoowwan isaanii wajjiin hojjetan, naannoo naannoodhan Care Connect Washington hojjisiisaa jira. Naannoon tokkoon tokkoon isaanii miltoowwan uummata irratti xiyyeeffannoo godhan wajjiin namoota tajaajiloota isaan ulaagaa guutaniif kan akka dhiyeessa qorichaa, kunuunsa fayyaaa, gargaarsa namoota hin qaccaramneef hojiirra ooluu, ejeensiiwwan ijaarsa manaa, baankiiwwan nyaataa, dhiyeessitoota kunuunsa daa'imaa fi kan biroo wajjiin isaan qunnamsiisuf hojjata.
Tajaajiloonni Argaman Maal Faadha?Tajaajilooti kunneen eessatti argamu?
Kutaawwan isteetaa namoonni manatti adda of baasuf ykn kophaa turuuf walii galan, garuu akkas gochuuf gargaarsi isaan barbaachisuuf, tajaajiloonni ni argamu.
Naannoo Bahaa
Better Health Together (Ingliffa qofaan) kaawuntiiwan Adams, Ferry, Lincoln, Pend Oreille, Spokane, fi Stevensf akka giddu gala Care Connect Washington tajaajila.
King County
Department of Health (DOH, Qajeelcha Fayyaa) King County keessaatti akka giddu gala Care Connect Washington tti tajaajila, akkasumas WithinReach (Ingliffa qofaan) tajaajiloota qindeessa kunuunsa dhiyeessa.
Naannoo Giddu Gala Kaabaa
DOH yeroo ammaa kana naannoo kanaaf tajaajiloota qindeessaa jira. Ebla 1, 2022 irraa kaasee hojiirra kan oolu, Action Health Partners (Ingliffa qofaan) kaawuntiiwwan Chelan, Douglas, Grant fi Okanogan dhaf akka giddu gala Care Connect Washington ti tajaajila.
Naannoo Kaabaa
North Sound Accountable Community of Health (Ingliffa qofaan) kaawuntiiwwan Island, San Juan, Skagit, Snohomish, fi Whatcom dhaf akka giddu gala Care Connect Washington ti tajaajila.
Naannoo Kaaba Dhihaa
DOH yeroo ammaa tajaajila Clallam County keessa jiruun naannoo kanaaf tajaajiloota qindeessaa jira.
Pierce County
Elevate Health (Ingiliffa qofaan) Pierce County dhaf akka giddu gala Care Connect Washington tti tajaajila.
Naannoo Giddu Gala Kibbaa
Providence St. Mary (Ingliffa qofaan) Kittitas, Walla Walla, Whitman, Columbia, Garfield, Asotin, Yakima, Benton fi Franklin dhaf akka giddu gala Care Connect Washington tti tajaajila.
Naannoo Kibba Dhihaa
Southwest Washington Accountable Community of Health (SWACH) (Ingliffa qofaan) kaawuntiiwwan Clark, Klickitat, fi Skamania dhaf akka giddu gala Care Connect Washington tti tajaajila.
Naannoo Dhihaa
Community CarePort (Ingliffa qofaan) kan Cascade Pacific Action Alliance kaawuntiiwwan Cowlitz, Wahkiakum, Pacific, Grays Harbor, Mason, Thurston, fi Lewis dhaf akka giddu gala Care Connect Washington tti tajaajila.
Gaaffilee Yeroo Hedduu Gaafataman
- Tajaajiloonni Care Connect Washington anaaf ni argamuu?
-
COVID-19nkan qabamtanii fi manatti adda kan of baastan yoo ta'e tajaajilootaf ulaagaa ni guuttu. Yoo isin nama poozitivii ta'ee tokko wajjiin tuttuqii dhiyoo qabaattanii fi manatti kophaa turaa jiraattan ulaagaa guutuu dandeessu.
Sarara Bilbila Odeeffannoo COVID-19 Isteetaa kan ta’e 1-800-525-0127 tti bilbilaa, itti aansun # gadi qabaaa. Deeggarsi tajaajila afaanii jira.
- 6 a.m. hanga 10 p.m., Wiixata
- 6 a.m. hanga 6 p.m. Kibxataa hanga Dilbataa fi guyyaa ayyaanota waggaa
Qindeessan kunuunsaa naannoo yeroo adda of baastaniitti fedhiiwwan keessan guutuuf karoora kunuunsaa baasuf isin ni qunnamu. Yeroo adda of baastan yeroo dhume, qindeessan kunuunsaa keessan barbaachisaa yoo ta'e deeggarsa qindoomina kunuunsa yeroo dheeraa wajjiin isin qunnamsiisa.
- Deeggarsa akkamitan eeguu danda'a?
-
Qindeessan kunuunsa naannoo keessanii yeroo isin adda of baastan ykn kophaa turtan qabeenyota naannoo isin gargaaruf argaman adda ni baasa. Akkasumas yeroo isin manatti addaa of baastan ykn kophaa turtan qabeenyoonni naannoo yoo hin jirannee ta'e isaan nyaata, wantoota dhiyaatanii fi kiraa, kaffaltiiwwan manaa fi fayyadamtii irratti deeggarsa maallaqaa dhiyeessuu ni deeggaru. Qindeessan kunuunsaa keessan tajaajiloota dhiyeessa qorichaa, kunuunsa fayyaa, hojii dhabdootaf iyyachuu fi kan biroo dabalatee tajaajiloota barbaachisoo ta'an wajjiinis isin qunnamsiisuu danda'a. Tajaajiloonni biroo ejeensiiwwan ijaarsa manaa naannoo, baankiiwwan nyaataa, wiirtuuwwan kunuunsa fayyaa, dhiyeessitoota fayyaa amalaa, dhiyeessitoota kunuunsa daa'imaa fi tajaajiloota hawaasa irratti xiyyeeffannoo godhan kan aadaadhaf sirrii ta'an biroo wajjiin isin wal qunnamsiisuu dabalachuu mala. Tajaajiloonni naannoo irra gara naannootti garagara ni ta'u. Yeroo adda of baasun ykn kophaa turuun dhumate, qindeessan kunuunsaa keessanii fedhiiwwan itti fufan gargaaruf tajaajiloota naannoo yeroo dheeraa wajjiin isin qunnamsiisuu danda'a. Care Connect Washington odeeffannoo isin barbaachisu afaan isin filataniin ni dhiyeessa.
- Ani Care Connect Washington Dhaf Ulaagaa Nan Guuta?
-
Kan armaan gadii yeroo ta'e ulaagaa ni guuttu:
- Isin COVID-19 dhan kan qabamtan ykn nama qabame wajjiin dhiyootti tuttuqqii dhiyoo kan gootan yoo ta'e, fi
- Manatti yoo adda of baasaa ykn kophaa turaa yoo jiraattan.
Tajaajiloonni Care Connect Washington namoota ulaagaa guutaniif baasii malee ni argamu. Gargaarsi barbaachisummaa irratti hunda'uun taasifama.
- Tajaajiloonni Qunnamsiistuu Eeggumsaa Washington eessatti argamu?
-
Department of Health isteetaa, Abbaa taayitaawwanii fayyaa naannoo fi miltoowwan isaanii wajjiin kan hojjetan, naannoo naannoodhan Care Connect Washington hojjisiisaa jira. Kartaan tajaajiloonni yeroo amma kana eessatti akka argaman agarsiisuu kunooti:
- Hammam baasii nama baasisa?
-
Tajaajila kanaaf kaffaltii hin baastan. Care Connect Washington isteeta Washington keessatti gargaarsota maallaqaa federaalaa deebii COVID-19 gargaaruu fudhateera.
- Deeggarsa fudhachuu kiyyaan dura yeroo hammamiina fudhata?
-
Qindeessan kunuunsa naannoo keessan riferaalaa erga fudhatanii booda guyyaa tokko keesatti deeggarsa dhiyeessuf carraaqqii hunda ni taasisa.
- Deeggarsa yeroon fudhadhus adda of baasuu ykn kophaa kiyyaa turuun qabaa?
-
Eeyyee. Adda Ba’uu fi kophaa turuun COVID-19 gara ollaawwan, hiriyoota, maatii keessanittii fi namoota wajjiin hojjettanitti dabarsuu dhowwuudhaa—fii dhiibbaawwan nagezitiviibal'aa hawaasaa irratti fidu hir'isuuf meeshaalee barbaachisoo faayidaa irra oolaniidha. Adda of baasuu ykn kophaa turuu booda deeggarsi yoo isin barbaachise, qindeessan kunuunsaa naannoo keessanii fedhiiwwan fayyaa fi hawaasaa itti fufan gargaaruf tajaajiloota yeroo dheeraa wajjiin wal isin qunnamsiisuu danda'a.
- Adda bahanii turuu fi yerodhaaf qophaa turuu gidduu garaa garummaa maaltu jira?
-
Adda of baasuu: Yoo isin COVID-19 dhan qabamtan ykn mallattoolee dhukkubaa yoo qabattan ykn bu'aawwan qorannoo eegaa kan jirtan ta'e, dhukkuba keessan tamsaasuu dhowwuudhaf adda akka of baasuu qabdu.
- Mana turaa akkasumas miseensota maatii dabalatee namoota biroo wajjiin tuttuqii hambisaa.
- Yoo kan danda'amu ta'e Kutaa kophaa keessa turaa akkasumas mana fincaanii kophaatti fayyadamaa.
- Yeroo haalonni isin namoota biroo bira ta'uun dirqama ta'u jiraatan haguuggii afaanii fi funyaanii sirriitti ta'u (Ingiliffa qofaan) uffadhaa.
- Hojii, mana baruumsaa, yookin bakka namni itti heddummatu hin deeminaa. Geejjiba uummataa, taaksii yookin nama waliin konkolaataa hin fayyadaminaa.
- Waldhaansa fayyaaf yoo ta’e malee mana turaa.
- Yeroo adda of baasun turtan yeroo hammamiif akka turu beekuf qajeelfama yeroo dhiyoo kan Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Wiirtuuwwan To'annoo fi Ittisa Dhibee) fi Department of Health (DOH, Qajeelcha Fayyaa) (Ingiliffa qofaan) hordofaa.
Kophaa Turuu: Yoo isin COVID-19 dhaf saaxilamtanii mallattoolee dhukkubaa (Ingiliffa qofaan) hin qabdan taatan, haala talaallii keessan irratti hunda'uun kophaa turuu qabaachuu maltu. Kuni dhukkubsachuu keessan beekuun dura vaayirasiicha daddabarsuu ni dhorka.
Yeroon kophaa turtan hammamiif akka turu beekuf qajeelfama yeroo dhiyoo (Ingiliffa qofaan) kan CDC fi DOH (Ingiliffa qofaan) hordofaa.
- Yoo mallattooleen COVID-19 kiyyaa natti hammaate maal gochuun qaba?
-
Yoo mallattooleen dhukkubaa keessan isinitti hammaate, gargaarsa waldhansaa daddaffiin argadhaa. Yoo namni tokko mallattoolee armaan gadii keessa tokko agarsiisee, gargaarsa fayyaa hatattamaa daddaffiin gaafadhaa:
- Hafuura baafachuu dadhabuu
- Dhukkubbii yookin dhiibbaa laphee adda hin citne
- Yaaddoo haaraa
- Dammaquu yookin dammaqanii turuu dadhabuu
- Hidhiiwwan ykn fuula cuquliisa
*Kuni tarreeffama guutuu miti. Mallattoolee dhukkubaa biroo kamiyyuu hammaatef ykn kan yaaddoo keessa isin galcheef maaloo ogeessa fayyaa keessanitti bilbilaa.
Rakkoo fayyaa hatattamaa yoo qabaattanii fi 911 tti bilbiluun yoo isin barbaachise, mallattoo Covid-19 qabaachuu keessan ykn qabachuu akka maltan hojjattoota dhimmi kun ilaallatutti himaa. Kan danda'amu yoo ta'e, tajaajiltoonni fayyaa yeroo hatattamaa osoo hin dhufin dursa, haguuggii fuulaa godhadhaa.
- Tajaajiloota Care Connect Washington yeroo hammamiitifan fudhachuu danda'a?
-
Qindeessan kunuunsaa naannoo keessan hamma guyyoota 21 gahuuf isin gargaara. Haalota muraasa keessatti, qindeessan kunuunsaa keessan fedhiiwwan fayyaa fi hawaasaa itti fufan gargaaruf tajaajiloota yeroo dheeraa wajjiin isin qunnamsiisuu danda'a.
- Connect Washington akkamitti hojjeta?
-
Care Connect Washington isteetan kan deeggaramuu fi kunuunsa qinda'eef dhiyeessa naannoo giddu galeessa godhateedha.
Washington State Department of Health deebii kunuunsa naannoo ni hooggana, miindeffamaa fi leenjii ni gargaara, qabeenyota biyyaa fi naannoo wal qunnamsiisa, akkasumas qabeenyota ida'aman hoogganuun bu'aawwan ni sirreessaa.
Naannoowwan dhuunfaa adda of baasuu fi kophaa turuun kan milkaa'e akka ta'u gargaaruuf deeggarsa dhiyeessuu fi namoota qabeenyota naannoo wajjiin wal qunnamsiisuf humna hojii hawaasaa irratti xiyyeeffate adda baasu akkasumas ni bobbaasu. Naannoowwan mi'awwanii fi tajaajiloota barbaachisoo ta'an dhiyeessuu fi dinagdeen naannoo akka dandamatu gargaaruu gumaachuu gargaaruuf warreen dhimmi ilalatu naannoo wajjiin hojjetu.
Qindeessitoonni kunuunsaa fedhiiwwan fayyaa fi hawaasaa adda ta'an namoota tokkoon tokkoo madaaluuf, gargaarufi hordofuu fi karoora gocha kunuunsa COVID uumuf ramadamu. Sagantichi yeroo danda'ame hunda namoota qabeenyota isaanii wajjiin afaan isaan filataniin wal qunnamsiisa akkasumas isaan gargaaramuu isaanii mirkaneessudhaaf isaan adeemsa keessatti ni hordofa.
- Odeeffannoo kiyya akkamitti eegdu?
-
Qindeessan kunuunsaa keessan odeeffannoo sarara bilbilaa odeeffannoo COVID-19 irraa argatan ni mirkaneessu, akkasumas waa'ee fedhiiwwan keessanii ni gaafatu. Odeeffannoon isin qindeessaa kunuunsa keessan wajjiin qooddan kamiyyuu iccitii akka ta'etti tura. Hojjettoonni tajaajiloota qindoomina kunuunsaa dhiyeessanii fi Department of Health tajaajiloota murteessoo ta'an kan isin barbaachisuu malan adda baasuf odeeffannicha ni fayyadamu. Isaan odeeffannoo dhuunfaa ykn fayyaa dhuunfaa hin qoodan.
- Care Connect Washington akkamitti tata'imsina COVID-19 ittisa?
-
Namoonni gargaarsa fedhiiwwan hawaasaa fi fayyaa barbaachisoo ta'an guutan fudhatan manatti adda of baasuu fi kophaa turuu haala milkaa'ina qabuun xumuruuf carraa olaanaa qabu. Namoonni COVID-19n qabaman ykn nama qabame biraa tokkoof kan saaxilaman mana keessatti adda of baasuun ykn kophaa isaanii akka turan mirkaneessuun, Care Connect Washington tatamsa'ina COVID-19 hir'isuu fi dandamachuu dinagdee guddisuu danda'a. Sirnichi namoota fedhiiwwan fayyaa fi hawaasaa COVID-19f hunda caalaa isaan saaxilu irratti waan xiyyeeffannaa godhuuf haqa dhabummaa fayyaa armaan gadii jiran hiikuu fi hawaasawwan COVID-19 dhan haala wal hin madaalen miidhaman gargaaruu ni danda'a.
- Yoon ani nama Care Connect Washington irraa gargaarsi isa barbaachisuu tokko beeke eenyuun qunnamuu danda'a?
-
Isin yookin namni isin beektan manatti adda of baastanii ykn kophaa turaa kan jirtan ta'e fi gargaarsi kan isin barbaachisu taatan, Sarara Bilbilaa Odeeffannoo COVID-19 Isteeta qunnamaa.
Sarara Odeeffannoo COVID-19 Isteetaa: 1-800-525-0127 irratti bilbilaa, itti aansun # tuqaa. Deeggarsi tajaajila afaanii jira.
- 6 a.m. hanga 10 p.m., Wiixata
- 6 a.m. hanga 6 p.m. Kibxataa hanga Dilbataa fi guyyaa ayyaanota waggaa
- Connect Washington tajaajiloota fayyaa amalaa ni hammataa?
-
Eeyyee! Qindeessan kunuunsaa keessanii tajaajiloota fayyaa amalaa hawaasa keessan keessatti akka argattan isin gargaaruu danda'a.
- Tajaajiloonni gargaarsa qindoomina kunuunsaa miseensota Tribal Nations (Saboota Gosaa) tif ni argamuu?
-
Eeyyee. Caalatti hubachuuf, COVID19.CareCoordination@doh.wa.gov irratti imeelii ergaa ykn 564-999-1565 irratti bilbilaa.
- Tajaajiloonni hiikaa afaanii ni argamuu?
-
Eeyyee. Yeroo isin Sarara Bilbila Odeeffannoo COVID-19 Isteeta kan ta’e 1-800-525-0127 irratti bilbiltanii itti aansun # tuqtan, tajaajilli afaanii ni argama.
Yeroo tokko qindeessa kunuunsaa wajjiin erga wal qunnamtaniin booda, Care Connect Washington odeeffannoo isin barbaachisu afaan filattaniin isiniif dhiyeessa.
Qabeenyota
Toora interneetii Qabeenyotaa fi Gorsootaa: Haguuggiiwwan fuulaa huccuu, kophaa turuu, maatiidhaf kunuunsa kennuu, COVID-19 dhaf saaxilamuu, mallattoolee dhukkubaa fi kan biroo irratti odeeffannoo argadhaa. Afaan filataniif meeshaalee keessan qindeessuu dandeessu.