Oromo

Gaaffilee yeroo heddu gaafataman

Maalif Qoratamu

Qoratamuun lubbuu oolcha. Qorannoo taasisuun namoonni of eeggannoowwan kan akka adda of baasuu, yeroo isaa eeggate akka taasisuun tatamsa'ina vaayirasichaa akka dhaabsisaniif isaan gargaara; namoonni dhibichaan qabamanii osoo mallattoon irratti hin mul'atin dhibicha tatamsaasuu danda'u. Akkasumas, qoratamuun hojjattoonni fayyaa hawaasaa weerara adda baasun tarkaanfii hatattamaa akka fudhataniif, dabalataanis gosa vaayirasichaa haaraa ta'e akka hordofaniif isaan dandeessisa. Hojiilee idilee itti fufsiisuu keessatti qoratamuun waanta baay'ee barbaachisaadha.

Qorattoonni University of Washington fi Department of Health (DOH, Muummee Fayyaa) akka argatanitti qorannoo COVID-19 taasisuu fi WA Notify (Akeekkachiisa Washingtan) fayyadamuun hordoffii taasisuun Mudde 2020 hanga Bitootessa 2021 tti keeziwwan naannoo 6,000 ta'u ittisuu danda'ameera.

Yoom Qorannoon Akka Taasifamu

Mallattoo COVID-19 yoo qabaattan yookin tarii nama COVID-19'n qabame wajjin tuttuqqii dhiyoo yoo taasiftan, qorannoo taasisaa. Mallattoolen yoo isin irratti mul'atan, yookin saaxilamuu erga shakkitanii guyyaa 3-5 booda hatattamaan qorannoo taasisuu qabdu, mallattoon kamiyyuu yoo isin irratti hin mul'anne illee.

Eessatti Qorannoon Taasifama

Marsariitun Department of Health Isteeta WA galmee bakkee qorannoon itti taasifamuu (Ingiliffaan) tokkoon tokkoo bulchiinsa/kaawuntii keessatti argaman sa'aatii hojii fi ulaagaalee wajjin kaa'a. Waa'ee bakkeewwan qorannoo ilaalchisee odeeffannoo dabalataatif, 2-1-1 tti bilbilaa. Kiitiwwan qorannoo ajaja (prescription) malee bitaman manatti qorannoo taasisuuf ajajuudhan akkasumas faarmaasiidhaa argachuun ni danda'ama.

Bakka Qorannoon Itti Gaggeeffamu Naannoo Kootti Dhihoo Barbaaduu (Ingiliffaan)

Gosoota Qorannoo

Gosootni qorannoo amma jiran qorannoo antijiinii hatattamaan taasifamu, qorannoo molokiyuularii (kan laaboraatoorii fi siree irratti taasifamu), fi qorannoowwan manatti ofiin taasifaman muraasa of keessaa qaba. Dhiyeessin qorannoo tokkoo fedhii fi dandeettii qaama omishuu irratti hundaa'un garaa gara ta'a.

Gatii

Qorannoowwan kaawuntiitti yookin bakkeewwan qorannoo naannodhaan deeggaramutti gaggeeffamaniif baasin kiisidhaa bahu homtuu hin jiru. Qorannoowwan heddu, keessumattuu namoota mallattoolen irratti mul'ataniif, baasin isaa inshuraansii irratti herreegama yookin Department of Health dhaan deeggarama. Bakkeewwan qorannoo kaffaltii nama gaafan galmicha (directory) irratti ibsamanii jiru. Qorannoowwan karaa/deemsa irratti taasifaman hedduun isaanii inshuraansii yookin sagantaalee naannodhaan deeggaramniin hin uwwifaman.

Qorannoon Akkamitti Hojjata

Qorannoon heddu kan gaggeeffamu funyaan keessaa sumuda fudhachuuni. Qorannoowwan tokko tokko ammoo sumuda hancufaa fudhachuun gaggeeffamu. Odeeffannoo bal'aa Fuula gaaffilee yeroo hedduu gaafataman irraa argachuun ni danda'ama.

Hordoffii

Mallattoon yoo isin irratti argame, hanga danda'ametti mana turaa. Bu'aan qorannoo keessan poozitiivii yoo ta'e, (akkaataa qajeelfama DOH/Ceneter for Disease Control and Prevention (CDC, Giddu Gala To'annoo fi Ittisa Dhibee) tti adda of baasun karaa Care Connect deeggarsa gaafadhaa.