Meeshaalee qorannoo argachuu
- Qorannoo COVID-19 eessattan fudhachuu danda'a?
-
Maaloo filannoowwan armaan gadii yaalaa:
- Dhiyeessi yeroo itti fufee jirutti, meeshaalee qoranno kaffaltii malee Eeyyee jedhaa irraa ajajaa! Qorannoo COVID (Ingliffaan) ykn 1-800-525-0127 irratti bilbiluudhan gargaarsa afaanii argachuudhaf # irratti cuqaasaa. Maatii tokkoof ajaja tokkoon dangeessaa.
- Meeshaalee qoranno kaffaltii malee sagantaa Federaalaa irraa COVIDTests.gov (Ingliffaan) irraa ajajaa! Maatii tokkoof ajaja tokkoon dangeessaa.
- Qorannoo manatti taasifamuuf kuusawwanii fi dukkaanota qorichaa irraa bitaa.
- Inshuraansii fayyaa yoo qabaattan, warri inshuraansii kennan baay'een ji'an hanga qorannoowwan manatti taasifaman 8 ta'aniif amma deebisanii isiniif ni kaffalu, namoota tokkoon tokkoon karoora keessan irra jiruuf. Odeeffannoo dabalataa asitti dubbisaa (Ingliffa qofaan).
- Bakka Qorannoon Itti Gaggeeffamu naannoo Keessan Dhihoo jiru irratti qorannoo taasisaa (Ingliffaan)
Iddoo qorannoo dhiyoo keessan jiru argachuudhaf gargaarsi kan isin barbaachisu yoo ta'e, Qajeelcha fayyaa naannoo ykn ganda keessanii irraa mirkaneessaa (Ingliffaan). Akkasumas 1-800-525-0127 irratti bilbiluun # irratti cuqaasaa. Yeroo isaan bilbila kaasan, tajaajila hiika afaanii argachuuf afaan keessan dubbadhaa.
- Ani gahiinsa interneetii hin qabu / Marsariitin afaan kiyyan hin argamu. Meeshaa kaffaltii irraa bilisa ta'e WA keessatti akkamittan ajaja?
-
Maaloo 1-800-525-0127 irratti bilbiluun # irratti cuqaasaa. Gargaarsi hiika afaanii jira. Wiirtun bilbilaa bakka keessan bu'uudhan karaa WA fi poortaliiwwan sarara irraa federaalaatin ajajuu ni danda'a.
- Qorannoowwan kaffaltii irraa bilisa ta'an kiyyaa yooman fudhadha?
-
Qorannoowwan sagantaa lamaan keessaa karaa tokkoon gaafataman (Say YES (EEYYEE jedhaa)! COVID Test (Qorannoo COVID) ykn Federal Program (Sagantaa Federaalaa) yeroo baay'ee erga ajajame booda torbanoota 1-2 keessatti ergu.
- Marsariitichi qorannoowwan kuusaa keessa hin jiru jedha. Yoom argamu?
-
Haala nama gaddisiisun, turtiin sababa fedhiiwwan hidhata dhiyeessa biyyaatin waan ta'eef qorannoowwan yoom kuusa keessatti deeb'i'anii argaman guyyaan sirrii ta'e hin beekamu. Maaloo osoo walirraa hin kutin deebi'uuun sayyescovidhometest.org (Ingliffaan) irraa mirkaneessaa. Obsa keessaniif galatoomaa!
Qorannoon battalumatti argachuun isin barbaaachise, maaloo filannoowwan gaaffii ‘Qorannoo COVID-19 eessattan argachuu danda'a?' jedhu jalatti tarreeffaman fayyadamaa.
- Filannoowwan qorannoo gorfaman hunda ergan hordofee booda, ani ammas qorannoo iddoo kamiyyuutu argachuu hin dandeenye. Yoon ani akka COVID-19 qabu yaade maalan godha?
-
Dhiifama isin iddoo qorannoo COVID-19 filachuu irratti yeroo ulfaataa dabarsaa jirtu, dhiyeessi yeroo ammaa kana sadarkaa biyyaatti kan murta'eedha.
Yoo isin mallattoolee COVID-19 argaa kan jirtan ta'e ykn COVID-19 dhaf saaxilamtanii fi qabamee jiraachun danda'a jettanii yoo yaaddoftan, kanneen armaan gadii gorsina:
- Yoo isin COVID-19 dhan qabamtan maal gochuu akka qabdan irratti qajeelfama wal fakkaataa hordofaa.
- Kophaa turuu kan hin dandeenye yoo taatan, kanneen armaan gadii godhuu qabdu:
- Mana keessaniin alatti yeroo kamiyyuu namoota biroo cinaa yeroo taatan haguuggii kan funyaanii fi afaan keessan haguuguu godhadhaa (yoo danda'ame KN95, KF-94 ykn haguuggii baqaqsanii hodhuu 3-ply ni filatama).
- Namoota biroo irraa yoo xiqqaate fageenya qaamaa tarkaanfii 6/meetiroota 2 fagaadhaa.
- Harka keessan yeroo yeroodhan dhiqadhaa.
- Iddoowwan namoonni baay'een jiranii fi walgahiiwwan guddaa irraa of qusadhaa.
Qorannoowwan waliigalaa
- Eenyutu qoratamuu qaba?
-
The Department of Health (DOH, Qajeelcha Fayyaa) namni mallattoolee COVID-19 wajjiin wal qabatu qabu/qabdu kamiyyuu akka qoratamu/mtu gorsa.
Akkasumas DOH namoota kan akka tuttuqii namoota qabaman wajjiin godhan ykn haalota yeroo dhukkubichi eegalu saaxilamaniif akka qorannoo taasisan gorsa.
- Yoon ani qabame maaltu ta'a?
-
Centers for Disease Control and Prevention (CDC, Wiirtuu To'annaa fi Ittisa Dhibee) fi Qajeelfama DOH fi manatti kophaa Turaa jedhu yeroo dhiyoo hordofaa, namoota biroo irraa fagaadhaa. Namoonni dhiyootti tuttuqii godhan hundi adda of baasuu qaban.
- Namoonni akka COVID-19 dhan qabaman shakkan ykn mirkaneessan mana turuu qabu, akkasumas yoo xiqqaate guyyoota guutuu 5 (guyyaan 0 guyyaa jalqabaa mallattoolee ykn namoota mallattoolee hin agarsiisnef guyyaa qorannoo vaayirasii poozitivii ta'aniiti) namoota biroo irraa kophaa turuu qabu. Guyyoota dabalataa 5 isaan manatti ykn bakka namoonni baay'een jiranitti namoota biroo cinaa yeroo ta'an haguuggii afaanii fi funyaanii godhachuu qabu.
- Yoo namni dhuunfan tokko qoratamuu kan danda'u ta'ee fi qorannoo barbaade, dhiyeenyi hunda caalaa gaarii ta'e gara dhuma yeroo kophaa turuu guyyaa 5 irratti qorannoo antijinii fayyadamaa. Eddattoo qorannoo guuruu kan qabdan qorichoota ho'ina qaamaa hir'isan osoo hin fayyadamin sa'aawwan 24 ho'ina qaamaa irra bilisa yoo taatanii mallattooleen biroo keessan (Seensi dhandhamaa fi foolii dhabuun erga dandamattanii booda torbanootaf ykn ji'ootaf turuu danda'a) yoo fooyya'an qofa.
- Yoo bu'aan qorannoo keessanii akka qabamtan kan agarsiisu ta'e, hanga guyyaa 10 kophaa turuu itti fufuu qabdu.
- Yoo bu'aan qorannoo keessanii akka hin qabamne kan agarsiisu ta'e kophaa turuu xumuruu ni dandeessu, garuu hanga guyyaa 10 ti manattii fi iddoo namoonni baay'een jiranitti namoota biroo cinaa yeroo taatan haguuggii afaanii fi funyaanii sirriitti ta'u godhachuu itti fufuu qabdu.
Bu'aa qorannoo COVID-19 manatti gaggeeffamuu irratti akka qabamtan gabaasuu fi tajaajiloota kunuunsa argachuuf maaloo gara sarara bilbilaa COVID Isteetaa Waashingtan 1-800-525-0127 irratti bilbilaa. Deeggarsi tajaajila afaanii jira.
Yoo isin duursitanii WA Notify (WA Beeksisi) buustanii ykn bilbilaa keessan irratti akka hojjetu gootan, bu'aa qorannoo akka qabamtan agarsiisuu gabaasufis meeshaa kana fayyadamuu ni dandeessu.
Odeeffannoon dabalataa asitti argamuu ni danda'a: Yoo qabamtan maal godhuu akka qabdan.